Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeeyi Laavrov 'Hiitlar gar-tokko dhiiga Jewiish qaba' jechuun Israa’el mufachiise
Dubbiin Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeey Laavrov hoogganaan Naazii Jarman Adoolf Hitlar ‘’dhiiga Jewiish qaba’’ jechuun dubbatan Israa’el mufachiise.
Qondaalli Raashiyaa kana kan jedhan yaada isaanii Yukireen ‘’Naaziidha’’ jedhan itti deegaruuf ture. Haa ta’u malee, pirezidantiin Yukireen dhalootaan Jewiishidha.
Dubbii kana booda Ministirri dhimma alaa Israa’el ambaasaaddara Raashiyaa ofitti waamun ‘’ibsa dabalataa’’ gaafataniiru, akka dhiifama jedhanis dhaamaniiru.
Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa Naazii Jarman Jewishoota miiliyoona jaha ajjeeseera.
Laavrov dubbii kana kan taasisan gaafa Dolbataa sagantaa Televijinii Xaaliyaanii Zona Bianca jedhamuurratti ture.
Kunis erga Israa’el kanneen ajjeechaa barasiin namoota dhuman gaddaan yaadattee guyyaa tokko booda dhagahame.
Osoo Pirezidantiin Yukireen Jewiish yookiin dhalataa Israa’el ta’anii jiranii akkamiin Raashiyaan Yukireen keessaa ‘’dhiibbaa Naazii balleessuuf’’ lola banne jettu jedhamanii gaafatamaniif Laavrov kana jedhan.
‘’Dogongoruu nan danda’a, garuu Hitlar mataan isaa dhiiga Jewiish qabu. [Zeleniskiin Jewiishidha] jechuun hiika hin qabu. Namoonni Jewiish bilchaaton farra ummata Seem kan ta’an darbee darbee Jewiishota.’’
Dubbiin Ministira Dhimmaa Alaa Israa’el kuni namoota siyaasaa Israa’el mufachiiseera.
Ministirri Muummee Israa’el Naftaali Beneet: ‘’Sobni akkanaa yakka irratti raawwatameef Jewiishota yakkanii kanneen hacuuccaa raawwatan itti gaafatamarraa bilisa gochuudha,’’ jechuun qeeqan.
‘Waraanni kamuu yoona kana jiru hanga Holokostii[dhumaatii] hin gahu,’ jechuun ibsan.
Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Yaayir Laapid mufii ibsuun dubbiin Laavrov ‘’dhiifamni kan hin taasifamneef'' jedhan.
Yaadannoo namoota Holokostiin yaadachuuf hundaa’e kan hoogganan Daani Daayaanillee dubbii Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa balaaleeffataniiru.
‘’Dubbiin isaanii gara caalu hamaafi balaaleeffatamuu qaba,’’ jechuun tiwiitara gubbaa barreessan.
Gaazexeessaan BBC Jerusaalem jiru Joon Doonisan yaadni dubbii Laavroovirratti kenname hangam Jeewishoota Israa’el akkasumas addunyaa guutuu jiran akka dheekkamsiise agarsiisa jedhe.
Waraanni Yukireen erga eegale booda biyya ishiitti ummata Raashiyaa baay’ee kan qabdu Israa’el Raashiyaafi Yukireen akka waliigalan araarsuuf jaarsummaan socho’aa ture.
Waggoota dheeraaf yaadi akaakayyuun Hitlar Jewiish ta'uu himu ogeessa seeraa Hitlar Haans Firaankiin dubbatame ammallee ijoo dubbii akka ta'etti jira.
Yaadannoo isaa bara 1953 maxxanse irratti dudduubeen isaa Jewiish ta'u akka qoratu Hitlariin ajajamuu isaa Firaank ibseera.
Firaank kitaaba isaa keessatti akaakayyuun Hitlar dhuguma Jewiish ta'u mirkaneessuu isaa hime. Haa ta'u malee, dubbiin isaa kana qorattoonni seenaa ija shakkiin ilaalu.