Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siwizarlaand: Qorichi sammuu hadoochu KG 500 buna waliin ergame to'atame
Poolisiin Siwiizarlaandi kokeeyinii kiloogiraama 500 kuntaala bunaatti makamuun gara warshaa oomishitoota bunaa kan ta'e Nespiressootti ergame ture to'achuu beeksise.
Hojjattoonni warshichaas erga keeshaa bunni ittiin saamsame jidduutti waan akka daakuu fakkaatu adii tokko arganiin booda dhimmicha poolittii gabaasan.
Poolisiinis erga bakkichatti argamuun qorannoo dabalataa taasiseen booda qorichicha konteenaroota fe'umsaa dabalataa shan keessatti argate.
Qorannoon jalqabaa akka adda baasetti ijji bunaa qorichi sammuu adoochufi kokeeyiin jedhamuun beekamu keessatti argames kan Biraazal irraa ergamee ta'u adda baase.
Dhaabbanni buna oomishuun beekamu Nesipiressoon ibsa taatee kana hordofuun baaseen, oomishi bunaa dhaabbatichatti argamus qoricha kanaan kan hin faalamne ta'u himeera.
''Fayyadamtoota keenya hundaafu oomishoonni keenyaa nageenyi isaanii kan eegame ta'u mirkanneessuu barbaadna,'' jedhe dhaabbanni buna oomishu kun isa baasen.
Kookeeyiin amma to'atamee kunis harka 80 qulqulluufi osoo gabaatti dhiyaatee kan yuuroo miiliyoona 50 ykn doolaara miiliyoona 53 ol baasuu danda'u akka ta'e tilamaameera.
Itti gaafatamaa nageenyaa naannoo dhaabbanni oomisha bunaa kun itti argamu kan ta'an Maarki Andiree gama isaanitiin, ''ammi qoricha to'atamee kun baay'yee olaanaadha.
''Hanga hin eegamne jechuun ni danda'ama,'' jedhan.
Poolisiin qorichichi attamiin gara dhaabbata oomisha bunaa kanatti akka ergame ilaalchisuun waan jedhe hin qabu.
Haata'u malee, gabaa Awurooppaatti dhiyeeffamuuf yaadamee kan ture ta'u akka hin ollee himama.