Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bulchiinsi waraanaa Giinii waggoota sadii keessatti aangoo siiviliittan dabarsa jedhe
Motummaan Waaraanaa Giinii yeroo ce'uumsaa baatii 39 booda aangoosaa bulchiinsa siiviiliitti akka dabarsu hime.
Hogganaan juntaa Kolooneel Maamaadii Dumboyaa TV irratti dhiyaachuun ture yaada waggoota sadiin booda gara bulchiinsa siiviiliitti mana maree bakka bu'oota ummataa Giiniitti dhiyaachuun akka ragaasifamu kan dubbatan.
Humnii waraanaa kunis bara darbe ture pirezidaantii biyyattii filatamee irratti fonqoolacha gaggeessuun erga aangoo irraa kaaseen booda biyya bulchuu kan eegale.
Lammiileen biyyattii hedduunis fonqolcha sana deegaranii ture.
Ta'us akkuma turaa adeemeen loltoonni aangoo bulchiinsa siiviiliitti akka dabarsuuf dhiibbaan ummataa itti cimaa adeemuu eegale.
Ibsi bulchiinsa waraanaa kunis kan dhufe gamtaa biyyoota Afriikaa Lixaa kan ta'e ECOWAS yoo bulchiinsii waraanaa kun karoora gara siiviiliitti ittiin deebii'u hanga Wiixataaatti kan hin dhiyeesinee yoo ta'e qoqqobaa akka taasisan akeekkachiiseen booda ture.
Fonqolchicha hordofuunis manni maree ce'uumsaa Giinii kan miseensoota 80 qabu hundeefameera. Kaawunsiliin kunis ammatti hojii mana maree bakka bu'oota ummataas hojjataa jira.
Manni marii kunis akka waggaa sadiifi baatii sadiif yeroo ce'uumsaa qabaaatu yaadni dhiyaateera.
Koloneel Daambooyaan akka jedhaniitti isa dabalatee eenyumtuu motummaa ce'umsaa jidduu galuu hin danda'u.
Fuulbaana darbe keessa ture juntaan waraanaa pirezidaantii biyyattii maanguddoo waggaa 84 kan turan, Alfaa Koondeen malaamaltummaa fi sarbama mirgoota namoomaatiin himachuun aangoorraa kan kaasee.
Pirezidaantichi bara filannoo sadi aangoorra turuuf jecha heera motummaa biyyatii erga fooyyeessaniin booda fudhatama ummataa biratti qabaachaa turan dhabanii ture.
Lammiileen biyyattii hedduunis fonqolcha motummaa raawwatame akka abdii haaratti ilaalanii kan ture yoo ta'u amma garuu jijjiramichi harkiifataa itti ta'eera.
Baroota dhihoo keessa biyyoota Afriikaa liixaa keessatti fonqolchi motummaa loltootaan gaggeeffamu baay'ataa dhufeera. Biyyoota akkasii keessattis Niijeeriifi Maaliin ni argamu.