Miseensi mana-maree UK paarlaamaa keessatti 'porn' daawwachuun himatame

Mana Maree UK

Madda suuraa, HoC

Miseensa mana-maree paarlaamaa keessa osoo jiruu mobaayila isaarratti fiilmii saal-qunnamtii (porn) wayita ilaaluu argame jedhamerratti qorannoon walabaa akka gaggeeffamu gaafatame.

Himannaa miseensa mana-maree paarlaamaa kan paartii warra leellistootaa UK - Conservative ykn Tory jedhamanirratti kan dhiyeessan dubartoota miseensa paarlaamichaa lamadha.

Dubartoonni kunneen dhimmichi akka qaama walaba ta'een qoratamuuf gaafataniiru.

Himanni kun kan dhiyaate kora Kibxata galgala gaggeeffame kan dubartiin miseensa mana-maree paartii warra 'Conservative' irraa taate taateewwan miidhaafi hacuuccaa saal-qunnamtiin walqabatan jettu qoodderratti ture.

Miseensa mana-maree maqaan isaa hin eeramiin kana dubartoota himatan keessaa tokko ministira yoo taatu, galma paarlaamaa keessa osoon isa cinaa taa'aa jiruu fiilmii kana daawwachuu isaa argeera jette.

Paarlaamaatti itti-gaafatamaan warra Tory Kiriis Hiiton-Hariis himannaan dhiyaate dhimma bira darbamu waan hin taaneef akka qoratamuu qabu hime.

Dhimmamaa naamusa warra Tory kan ta'e Mr. Hiiton-Hariis, osoo gara Damee Himataafi Komii Walabaa Paarlaamaa (ICGS)tti akka darbuuf hin gaafatiin dura dhimmicha ilaaluuf ture.

Dubbi himaan waajira Mr. Hiiton-Hariis ammoo akkas jedhe: "Qorannoon ICGS xumuramee booda itti-gaafatamaan kun tarkaanfii sirrii fudhachuuf jira."

Ministirri osoo miseensi mana-maree fiilmii saal-qunnamtii ilaalaa jiruu argite akka jettutti, kun kan ta'e torban darbe gabaasni koree dhaabbii dhaggeeffatamaa yeroo turettidha.

Dubartiin lamaffaa miseensa Tory MP taates namichumti kun Paarlaamaa keessa taa'ee osoo 'poornoogiraafii' daawwatuu arguu dubbatti. Dubartiin kun viidiyoo inni ilaalaa ture ragaaf qabachuu yaaltullee akka hin milkaa'iiniif hafe ibsiteetti.

Himannaan kun kan dhufe oduu Itti-aantuun Paartii Labar Anjellaa Raayinar sarbaa isheetiin ministira muummee UK Booris Joonsaniin hawwachuuf yaalti jedhu Meeyil Oon Saandey baaseen boodadha.

Aadde Anjellaa Raayinar wandaboo (qamisii) mudhi-gadee gabaabduu uffachuun fuuldura Booris Joonsan teessee yeroo tokko tokko miilla walirra kaawwachaa, yeroo kaan ammoo miilla banachaa akka inni gaaffii sirriitti hin deebisne qalbii isaa hatuuf yaalte jedhamee ture.

Oduu Meeyil Oon Saandey kun Anjellaa Raayinar irratti baase kun ministira muummichaa dabalatee namoota gurguddoofi paartilee siyaasaatiin "jibbaafi tuffii dubartootaa cimaadha" jedhamuun hedduu qeeqameera.