Miseensi mana-maree ministira muummee sarbaasheetiin hawwachuuf yaalte jedhamte ijoo dubbii taate

Madda suuraa, Getty Images
Miseensa Labar Paartiifi gaggeessituu itti-aantuu kan taate Anjellaa Raayinar Ministira Muummee Yunaayitid Kingidam Booris Joonsaniin sarbaa isheetiin hawwachuu yaalteetti jechuun oduun ba'uu hordofee dhimmichi ijoo dubbii ta'eera.
Mana-maree keessatti Booris Joonsan fuula dura kan teessu miseensi mana-maree Anjelaa Raayinar ministira muummichaa hawwachuudhaaf yaalti jechuun kan barreessee baase gaazexaa Meeyil Oon Saandey jedhamudha.
Anjelaa Raayinar yeroo Booris Joonsan fuula dura teessutti wandaboo (qamisii) gabaabduu uffattee miilla ishee yeroo tokko walirra kaawwachaa, yeroo kaan ammoo bantee qalbii ministira muummichaa rarraasuudhaaf yaalteetti gabaasa jedhu bahe hordofee dhimmichi Gireet Biriteen keessatti ijoo dubbii namuu wal harkaa fuudhaa jiru ta’eera.
Gabaasa kana kan baase gaazexaan Meeyil Oon Saandey, fiilmii Holiiwuud beekamaa ‘Basic Instinct’ jedhamu waliin wal bira qabeera.
‘Basic Instinct’ fiilmii baroota 1990 keessa ummataaf dhiyaate, kan agarsiifni saal-qunnamtiifi qormaatawwan itti baayyatan yoo ta’u, Maayikel Daagilaas qorataa yakkaa ta’ee miidhagina sarbaa dubartiitiin sossobamee kufu agarsiise baayyee kan yaadatamudha. Qortaa yakkaa kan ta’e Maayikel Daagilaas sarbaa ishee miidhagaatiin kan sossobde ammoo Shaaron Istoon turte.
Kabajamtuun miseensi mana-maree Anjeliinaa Raayiner, MM Booris Joonsan fuula dura taa’uudhaan bifa walfakkaatuun hawwachuudhaaf yaalteetti jedha gaazexaan kun.
Gaazexaan kun gabaasa kana kan baase suura Shaaron Istoon waliin deeggaree yommuu ta’u, miseensi mana-maree kun ta’e jettee tooftaa kana fayyadamuudhaan hawwachuuf yaalti jechuun miseensi mana-maree Konservaatiiz Paartii irraa ta’e akka maqaan isaa hin eeramne barbaadu tokko dubbateera.
Kabajamtuun miseensi mana-maree Anjellaa Raayinar gabaasa kana, “ana qofaa irratti osoo hin taane dubartoota guutuu irratti kan aggaamamedha” jetteetti.
Anjellaan gabaasa isheerratti aggaame kana cimsitee balaaleffatteetti. Wantichi “dubartoota siyaasa keessa jiran xiqqeessanii ilaaluufi yaalii akka yella’an gochuutis” jechuun ibsiteetti.
Gabaasa kana hordofee, miseensonni mana-maree baayyeeniifi namoonni siyaasaa gurra qaban biro Anjellaatiif deeggarsa qaban agarsiisaniiru.
Gabaasicha kan baase gaazexaan Meeyil Oon Saandey ammoo qeeqni cimaa irra gaheera.
Miseensa Konservaatiiv kan taate Kaarolaayin Nooks miseensonni mana-maree dubartoota ta’an gabaasawwan akkasii fokkuu ta’anitu irratti baha jechuun gabaasicha qeeqxee jirti.
Ministira kan turte Andiriyaa Liigsi ammoo fuula Tiwiitara isheerratti, “Gabaasni kun na gaddisiiseera; waan fudhatama hin qabne nama qaanessudha,” jechuun isheenis qeeqxeetti.
Gabaasa Anjellaa irratti hojjetame kana Booris Joonsanillee balaaleffataniiru. “Dhimmoota siyaasaa hedduu irratti Anjellaa Raayiner waliin kan waliif hin galle taanullee, wanta isheerratti raawwatameef gaddeera. Kun dhimma dubartoota tuffachuufi xureessuuti malee kan biraa miti,” jedhan.
Gaggeessaan Labar Paartii Saamer Istaamarilleen gabaasa kana balaaleffateera. “Maaloo jabaadhu,” jechuunis Anjellaa jajjabeessaniiru.
Gabaasni gaazexaa kanaa itti dabaluun, miseensi mana-maree Anellaa Raayinar, tooftaa hawwachuu kana yeroo hunda gaaffiin Booris Joonsaniif yeroo dhiyaatutti mana-marichaa keessatti fuula isaa dura taa’uudhaan isa gufachiisuudhaaf yaalti jechuun barreesse.

















