Filannoo Firaansiin Maakiroon Le Peen mo'achuun biyya qoqqoodamte tokkoomsa jedhan

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Pool Kirbii
- Gahee, Paaris
Imaanu'eel Maakiroon filannoo pirezidaantummaa Dilbata gaggeeffameen morkattuu isaanii Lee Peen mo'achuun marroo lammaffaa turtii waggaa shaniif pirezidaantii Firaansi tahuun filataman.
Maakiroon filannicha sagaleen %58.55 argachuun yoo mo'atu, Le Peen %41.45 argatte.
Hogganaan 'Centrist' deeggartoota isaaniitti Efil Tawor jala dhaabbachuun yoo dubbatan filannoon xumurameera, ''nama hundaaf pirezidaantii taha'' jedhan.
Waggoota 20 keessatti pirezidaantii aangoo irra jiru yeroo lammaffaaf filatame taheera.
Aadde Le Peen, manguddoon ganna 53, sagaleen argatte ammallee injifannoo guddaa tahuu himan.
Peen yaadni ishee Duula Biyyaalessaa bakka bu'u bakka ol aanaa irra gahuu deeggartoota isheetti himte. Morkataan ishee Erik Zemoor akkuma abbaa ishee ishee dura turanii guutummaatti mo'amte: ''Mo'amuudhaan maqaan Le Peen yeroo saddeettaffaa dhahamuu isaati,'' jedhan.
Marine Le Peen hoggansa paartii abbaan ishee hundeessee bara 2011tti harkaa fudhatte.
Filannoo Dilbata darbee irratti yaada qaala'insa jireenyaa hambisuuf gibira xiqqeessa, uummata keessatti iskarfii [haguuggii] Musiliimaa nan dhorkaa fi yaada godaantotaa to'achuu irratti rifarandamii gaggeessa jedhuun sagalee miliyoona 13 argatte.
Lammiilee keenya aarii qabanii fi wal dhabdee keessa galuun akka leellistoota sirna mirgaaf akka sagalee kennan godheef deebii barbaaduu qabna,'' jedhan Maakiroon.
''Kun itti gaafatamummaakoo fi namoota na waliin jiraniiti.''


Namoota sadii keessaa tokko kan tahan paartii lameeniyyuu hin filanne. Harcaatiin filannicha irratti mudate %72 yoo tahu, erga filannoo pirezidaantummaa bara 1969 as isa gadi aanaadha.
Sagaleen namoota miliyoona sadii akkasumaan hafe. Guyyaa filannichaa irra caalaan lammiilee Firaansi boqonnaa irra tahanis, gama biraan namootni lameenuu bakka nu hin bu'an karaa jedhuunis akka sagalee isaanii hin kennine agarsiisa.
Mormitootni Maakiroon magaalota Firaansi hedduu akka Paaris, Reenes, Toolus fi Naantes keessatti hiriira bahaniiru.
'Galaana haftee'
Maakiroon dubbii taasisan keessatti bulchiinsi isaanii ''filachuu diduu isaanii kanaaf deebii kennuu qaba'' jedhan.
Hogganaan Far-Left Jiin Luuk Melenkon torban lama dura xiqqumaaf Le Peeniin kan mo'amee ture, kaadhimamtoota lameen akkaan qeeqa.
Firaansi Marine Le Peen irratti amanachuu dhiisuun oduu gaarii tahee osoo jiruu, Maakiroon pirezidaantii kami irrayyuu karaa jibbisiisaa taheen filame jedhe.
''Galaana filannoo irraa hafuu, sagalee duwwaa fi sagalee bade keessa bololi'e.''
Maakiroon injifachuun gaggeessitoota Gamtaa Awurooppaaf oduu gaarii yoo tahu, kanneen imaammata gamtichaa morman kaadhimamtootni 'Far-right' filamu sodaa jedhu qabu ture.
Chaansilerri Jarman Olaaf Iskoolzi nama jalqaba baga gammadde jedhe yoo tahu, waliin tahuun waraana Raashiyaan Yuukireen irratti bante qolachuu irratti addatti dubbate.
Pirezidaanti Joo Baayiden ''walitti dhiyaachuun wal tumsina'' kan jedhu dubbatanii, dhimma Yuukireen irrattis akka wal deeggaruu qaban dhaaman.
Pirezidaantiin Yuukireen Volodmir Zeleniskiin ''hiriyaa dhugaa'' jechuun erga baga gammadde jedhanii Awurooppaa tokkoomtee fi cimtuu barbaanna jedhan.













