Fayyaa Wal-hormaataa: ‘Durbummaan waan kennamus, waan fudhatamus miti’

Dubartii naannoo qaama saal ofii qabachaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Firaa'ol Balaay
    • Gahee, Gaazexeessituu, BBC Afaan Oromoo

Dur dur qarreefi qeerroon guyyaa gaa’ela isaanii dura saal-quunnamtii hin raawwatan, kunis hawaasa biratti dhimma kabajni guddaan kennamuufidha. Guyyaa cidhaa misirrittiin ‘yoo durbummaa qabaatte’ ililleefi gammachuu guddaatu taha. Hawaasa garagraa keessatti ‘dhiigni durbummaa huccuu adii irratti agarsiifamaa hamaamotni ittiin sirba.’

Dubartiin durbummaa hin qabne ni qaanofti, adda foo’amuufi ‘’ishee durbummaa qabdu qixxeetti ilaalamuu dhiisuu malti.’’

‘’Durbummaa ishee ebeluuf kennite, ebeluutu durbummaa ishee fudhate,’’ haasaa yeroo baayyee hiriyyoota keenya gidduutti odeeffamudha.

‘’Dhugumaan durbummaan waan kennamu dha?’’

Gaaffii armaan duraa otoo hin deebisiin, durbummaan maali kan jedhu sirriittii hubachuuf akkasumas waan barteedhaan jedhamuufi dhugaa jiru ifatti baasuuf hakiimattin bilbile.

Bersaabeh Makaashaa jedhamti, dokatar fayyaa yoo taatu, Yunivarsiitii Dabira Maarqositti barsiisaa turte. Dhimma koorniyaa, fayyaa saalaafi wal-hormaataa irratti hubannoo uumuurratti hojjetti.

Yeroo ammaa biyya UKtti digrii lammataa fayyaa hawaasaan hordofaa jirti. Gaaffiiwwan koofis deebii naa kennitee jirti.

Dhiyaadhaa.

line

Durbummaan caasaa qaamaa akkamiiti?

Durbummaan isa Afaan Ingiliiziin virginity jedhamu wajjin tokko akka hin taane kan himtu Dr Bersaabeh ‘virgin’ tahuun gochaa tokko raawwachuu dhabuu agarsiisuu mala jetti.

"Kanaaf dhimma tokko yeroo jalqabaaf raawwachuun akka ‘virginity’ kana dhabuutti yerootti ilaalamu jira,’’ jechuun ibsiti.

Gara dhimma saal-quunnamtiitti yeroo fidnu namni tokko yoo saal-quunnamtii godhee hin beeku tahe ‘virgin’ jedhamuu mala jetti.

Kanaan dura muuxannoo saal-quunnamtii qabaachuu dhabuun aadaa garagaraa keessatti haala adda addaan ibsamuu danda’a.

‘’Fakkeenyaaf, dubartootni kana dura saal-quunnamtii raawwataniiruu, hin raawwannee kan jedhu himuuf barteedhaan kutaa/caasaa qaamaa ‘hymen’ jedhamuufi fiixee/hulaa qaama saalaa dubartii irratti argamuun mirkaneessuuf ni yaalama,’’ jetti.

Kanaaf jetti hakiimni kuni ‘virgin’ tahuun dhiiraafis dubaraafis kana dura muxannoo saal-quunnamtii qabaachuu dhabuu yoo tahu, ‘hymen’ inni jedhamu garuu caasaa qaamaa (tishuu haphii fiixee qaama saalaa dubartii irratti argamudha) jechuun ibsiti.

Dubartoonni caasaa qaamaa kanaa waliin maaliif dhalatu gaaffiin jedhu falmisiisaafi deebii garagaraa kan qabu tahus jetti, ’’daa’imman yeroo dhalatan qaawwa bobbaan itti bahuufi qaawwa qaama saalaa wajjin gatii dhalataniif bobbaan karaa qaama saalaa isaaniin ol akka hin galle dhorkuuf barbaachisetu caasaan ‘hymen’ jedhamu suni jiraate, yaad-rimeewwan jedhan jiru jetti.

Dr Bersaabeh caasaan qaamaa ‘hymen’ jedhamu kuni boca gargaraan uumamuu danda’a jetti.

Namoota gariin irratti tishuu baayyee xiqqoo tahe ta’uu danda’a, yeroo kaan ammoo jiraachuu dhiisuu mala, yeroo kaan ammoo hulaa qaama saalaa guutummaatti haguuguu danda’a jetti.

Haala kanaan dubartoonni caasaa qaamaa ‘hymen’ jedhamu kana otoo hin qabaatiin dhalatan, kana dura saal-quunnamtii gochuuf dhiisuu isaanii murteessuun hin danda’amu jechuu dha.

Haa tahu malee caasaan qaamaa ‘hymen’ jedhamu yeroo jiru garuu ‘’saal-quunnamtiin yoo raawwatamu qaamni saalaa dhiiraa gatii dhiibuuf dhiiguufi dhukkubuu ni danda’a,’’ jetti.

Durbummaan waan dubartiin dhiiraaf kennituudha?

Namoonni waa’ee kana dura muuxannoo saal-quunnamtii qabaachuu dhabuu (virginity) yeroo haasa’an, ‘’ebeluu waliinan yeroo jalqabaaf saal-quunnamtii raawwadhe jechuu danda’u, kunis barnoota wal-hormaataan ‘sexual debut’ jedhama,’’ jetti Dr Bersaabeh.

Haala kanaan dhiirris tahe dubartiin muuxannoon isaanii yeroo jalqabaa kuni dhimma dhuunfaafi icciitii waan taheef iddoo guddaa kennuufiif danda’u jechuun ibsiti.

Keessumaa dubartoonni,’’nama durbummaa isaanii fudhateef iddoo addaa qabu’’ kan jedhamu, qorannoo hawaasaa dhimma barbaadu tahus, qorannoo fayyaa hamma yoonaa jiruun garuu,’’caasaa qaamaa ‘hymen’ jedhamu dhabuufi sammuu keenya gidduu hariiroon jiraachuu waan agarsiisu hin jiru,’’ jetti hakiimti kuni.

Haatahu malee, waa’ee caasaa qaamaa ‘hymen’ jedhamu sanaa haasofna taanaan garuu, ‘’inni waan fudhatamus, waan kennus miti,’’

Yeroo saal-quunnamtiin raawwatamutti adeemsa caasaa qaamaa irratti mudatudha jetti.

Durbummaan saal-qunnamtii otoo hin raawwatiin baduu danda’a?

Dr Bersaabeh gama kanaan dhimmi jalqaba hubachuu qabnu, ‘’dubartoonni durbummaa ykn caasaa ‘hymen’ jedhamu waliin hin dhalanne jirachuudha," jetti.

Haala biraan immoo durbummaa (hymen) kuni caasaa qaamaa(tishuu) baayyee haphii tahe gatii taheef, ‘’yeroo tokko tokko saal-quunnamtiin raawwatameeyyuu otoo homaa hin dhiigiin darbuu danda’a.’’

Haatahu malee, ispoortiifi balaa gargaraanis caasaan qaamaa haphii kuni, ‘’dhiiguu ykn tarsa’uu dhibamuu mala,’’ jetti.

Kanaaf, caasaan qaamaa ‘hymen’ jedhamu boca garaagaraan jiraachuu irra darbee jiraachuu dhabuufi sababa adda addaan baduu danda’a’.

Tahus aadaa keenyatti dubartiin kana dura saal-quunnamtii gochuufi dhiisuu ishee kan beekuuf yaalamu caasaa qaamaa kanaan waan taheef ‘’durbumma ishee dhabdee’’ jedhama jetti.

Caasaan durbummaa (hyman) namaa namatti bifa gara garaa qabaachuu danda'a

Madda suuraa, Getty Images

‘Saal-qunnamtii yeroo jalqabaaf raawwachuun dubara hundaaf dhukkubbii qabaa?

Qorannoon garagaraa akka mul’isuutti dubartoonni saal-quunnamtii yeroo jalqabaaf raawwatanitti dhukkubbiin kan isaanitti dhagahamu, ‘’maashaan qaama saalaa isaanii waan jajjabaatuuf.’’ Kunis qaamni isaanii muuxannoo haaraa keessa darbaa waan jiruufidha jechuun ibsiti.

Kanaaf caasaan qaamaa ‘hymen’ jedhamu yeroo saal-quunnamtii qaama saalaa dhiiraan dhiibamuu caalaa maashaan qaama saalaa dubartii gara malee jajjabaachuun dubartoonni yeroo jalqabaaf yoo saal-quunnamtii raawwatan akka isaan dhukkubu gochuu mala jechuun ibsti.

Haatahu malee, caasaan qaamaa ‘hymen’ jedhamu boca garagaraan waan dhufuuf dhukkubbiin dhagahamuu mala jetti.

‘’Fakkeenyaaf ‘hymen’ tokko tokko hulaa qaama saalaa dubartii guutummaan guutuuti waan haguuguuf qaawwii homaa otoo hin jiraaatiin hafa, dubartoonni laguun isaanii karaatti bahu dhabuu mala. Inumaayyuu inni akkasiii wal’aansa baqaqasanii yaaluu barbaachisuu mala,’’ jechuun ibsiti.

Duubartoonni otoo durbummaa qabanii ulfaa’uu danda’uu?

Duraan dursa ‘’caasaan qaamaa ‘hymen’ jedhamu otoo jiruu ulfaa’uun yeroo baayyee dhimma mudatu miti,’’ jechuun ibsiti.

Haatahu malee, ’’bocni durbummaa ‘hymen’ tokko tokko qaamni saalaa dhiiraa otoon hin galiin ‘sanyii dhiiraa’ ykn ‘sperm’ alarraa gara keessatti akka galu eeyyamu ni danda’a.’’ Yeroo kanatti dubartiin sun ‘hymen’ ykn durbummaa otoo qabduu haalli itti ulfaa’uu dandeessu ni mudata

Gama kaaniin immoo, ’’durbummaa ykn ‘hymen’ akkuma kutaa qaama keenya biraa dhiigee ykn tarsa’ee fayyuudhaan gara iddoo duraasaatti deebi’uu danda’a, keesumaa saal-quunnamtiin irra deddeebiin hin raawwanne taanaan jechuu dha.’’

Yeroo kuni tahutti dubartiin dahuuf mana yaalaa deemtu hakiimonni ‘durbummaa’ sana eeguu sababii jedhuun wal’aansa baqaqsanii yaaluun karaa garaa akka deessu taasisuu danda’u, jetti.

Gosa durbummaa meeqatu jira?

burtukaana walakkaatti murame

Madda suuraa, Getty Images

Dr Bersaabeh durbummaan (‘hymen’) boca gargaraa waan qabuuf kan dubartoota hundaa wal-hin fakkaatuu jechuun ibsiti.

Haatahu malee, ‘’yeroo baayyee hulaa qaama saalaa dubartii hanga walakkaa kan haguuguuun, qaawwa laguun itti dhangala’u kan hambisu taheetu argama.’’ Kanaachi dubartooti hunduu ‘hymen’ boca garaagaraa dha qabu jechuun dubbatti.

Durbummaa deebisanii argchuun danda’amaa?

Biyya keenya dabalatee biyyoota Arabaa keessatti yeroo gaa’elaa durbummaa qabaatanii argamuun dhimma kabajni guddaan kennamuuf gatii taheef hakiimonni wal’aansa baqaqasanii yaaluu, biyyoota garagaraa keessatti yerootti caasaa qaamaa ‘hymen’ jedhamu deebisanii dhaaban ni jira jechuun ibsiti hakiimni kuni.

Qorannoon durbummaa maali?

Dhimmi gaa’ela dura saal-quunnamtii otoo hin raawwatiin hafuun kan abbaa tahullee jetti Dr Bersaabeh, ‘’dhiibbaa hawaasni dubartoota irratti taasisuun, dubartiin tokko kana dura saal-quunnamtii raawwachuufi dhiisuu ishee baruuf yeroottii qorannoo yaalii durbummaa ‘hymen’ dhaan mirkaneessuuf yaalamu ni jiraata.

Kuni garuu mirga dubaraa kan dhiibuufi Mootummaa Gamtoomaniin biyyoota hedduu keessatti kan dhorkamedha,’’ jechuun ibsiti.

‘’Akkuma dhiirri tokko kana dura saal-quunnamtii raawwachuufi dhiisuusaa qorannoon mirkaneessuu hin danda’amneefi hin gaafatamne, dubartiin tokko kuni dhimma dhuunfaafi icciitiishee gatii taheef ofii yoo himachuu feete malee karaa kamiiniyyuu mirkaneessuuf yaaluun mirgashee ni sarba,’’ jetti Dr Besaabeh.

Akka Dr Bersaabeh jettutti, ‘’walumaagalatti dhimmooti durbummaa wajjin wal-qabatu jedhaman amantee, aadaafi haala hawaasa garaagaraa irraan kan himaman malee caasaa qaamaa isa durbummaa ykn ‘hymen’ jedhamu irratti hundaa’un miti.’’