Yugaandaatti seerri fiilmii saal-quunnamtii dhorkuuf bahe haqame

Sirbitu beekamtu Yugaandaa Jemimah Kansiime

Madda suuraa, Getty Images

Yugaandaatti seerri falmisiisaa farra fiilmii saal-quunnamtii (pornography) dhiibbaa garee falmitoota mirga dubartootaan taasifameen haqameera.

Mootummaan seera kana bara 2014'tti ture, babal’achuu fiilmii saal-quunnamtii to’achuun dubartootaa fi daa’imman eeguuf jecha baase.

Haatahu malee qeeqxonni, seerichi akka malee hojiirra ooleera jedhu, dubartoonni qoloo gabaabaa uffatanii deeman sababa seera kanaan haleelamaa jiruu jedhan.

Seerri kunis yeroo ammaa Dhaddacha Heeraa Yugaandaadhaan haqameera.

Abbootiin seeraa shan kutaa seera kanaa fiilmiin saal-quunnamtii yakka jedhuufi uffannaa dubartootaa ‘namuusa hin qabne’ jechuun dhorku heeraan ala jechuun murteessaniiru.

Seera dhorkaa akkasii kaa’u haquun hawaasarra miidhaan dhaqqabsiisu hin jiraatu jedhan.

Jalqaba seerri kuni bara 2014tti gaafa bahu ‘farra qoloo gabaabaa’ jedhamuun beekama ture, kunis dubartoota haleellaa fi qoccollaaf saaxilee ture. Magaalaa guddoo biyyattii Kaampaalaattis mormiin dhageessifamaa ture.

Falmitooti mirgoota namoomaa fi ogeessonni seeraa mirga namoomaa mootummaan seericha akka haqu dhibbaa gochuun booda iyyata walitti qabuun gara dhaddacha heeraatti geessan.

Yeroo seerichi bahe dhaabbanni mirga dubartootaaf falmu Uganda Women's Network heera biyyattii wal-qixxummaa koorniyaa lamaanii kabajutti bu’a jedhee ture.

Seerichi walaloo fi viidiyoo sirbaallee osoo hin hafiin fiilmii saal-qunnamtii jalatti ramadee ture. Artistiin walaloo gosa kanaan sirbes hidhaa bu’a jechuu dha.

Walleen biyyattii Jemimah Kansime sirbashee Panadol Wa'basajja(Qoricha dhiiraa) jedhuun seera kanaan adabamuun nama jalqabaa taateetti.

Weellistuun kunis wallee dubbii dachaan waa’ee dandeettii saal-quunnamtii dhiirotaa sirbuun hidhaa waggaa 10 irratti murtaa’eera.

Yeroo seera kana haquuf iyyannoon walitti qabamaa turetti dhimmi weellistuu kanaa dhaabbatee ture.

Bara 2018tti moodeeliin suuraan qullaa ishee agarsiisaa ture gadhiifamuun boodas hidhaa buutee turte, dhimma kanarratti mootummaan waan jedhe hin qabu.