Liidiyaa 'humnaan bultuu' kan taasise 'bullying' maalidha?

Madda suuraa, LIDYA MOGES
Liidiyaa Mogas namoonni hedduun fiilmii Afaan Amaaaraatiin qophaa’e "Laambaa" jedhamu taatummaan irratti hirmaatteen ishee beeka.
Fiilmii taatummaan jalqaba hojjatte kanaan namoota hedduurraa dinqisiifannaa gonfatte. Akkasuma baadhaasallee ittiin argatteetti. Taatoo fiilmiifi hojiiwwaan aartii biroorratti hirmaanna qabdurraan kan hafe Maarketingiiidhaan hojjataa jirti.
Duran garuu Liidiyaan "hamtuu" fi namoota waliin waan wal loltuuf jecha barnootaarraa dhorkamuun beekamti.
Barattoota akka kubbaatti dhiitti turte, sirumayyuu olfuutee lafaan dha’uurraa hin deebitu.
Ganna lamaaf mana barnoota sadarkaa lammaffaa itti barachaa turte kana dura amala biraa qabdi turte. Mana amantaa dhaquufi maarshaal aartii barachuun amala gaarii horatte.
Mana barnoota oolmaa daa’immaaniirraa kaastee amma kutaa 8 geessutti Liidiyaan hiriyoota ishee waliin walii galti, minii-miidiyaatti ni hirmaatti, barnoota isheetti cimtuufi amala gaarii qabaachaa akka turte himti.
Maarree amala Liidiyaa maaltu geeddare? - 'Bullying'.
'Bullying' maali?
‘Bullying‘ jechuun nama tokkotti akkaataa naamusa hin qabneen itti qoosu, dhiphisuu, haleelu akkasumas humna qaban irratti agarsiifachuu fa’aa dabalata.
Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan Saayikooloojii Dr Yaaqoyyaleem Dasee, 'bullying' ykn qoccollaan haleellaa namarraan gahuun akka ibsamu dubbatu.
"Namni tokko akka dhiphatu, akka sodaaatu, akka yaadda’u miidhaa qaamaa fi xiinsammuu irraan gahuu, dhiibbaa miira jeequ irratti uumuudha" jedhu Dr Yaaqoyyaleem.
Haleellaan kun karaa dubbii ittin barbaadan (Aggression) ta’uu dubbatu.
Qoccallaa akkasii keessa kan darbite Liidiyaan "qoccollaan wayita namni tokko mirgasaatti akka hin amanne ykn waan hojjachuu barbaadu akka hin hojjanne dhiibbaan namoota birootiin irra gahu" jechuun ibsiti.

Madda suuraa, Liidiya Mogas
Liidiyaan mana barnootaatti karaa ofii feeturra adeemuuf yaaluu fi waan namoonni biroo itti himan hunda fudhachuu diduu isheerraan kan ka’e, namoota birootiin akka qeeqamtu, jechaan ishee butuun akka ishee mudatuuf ka’umsa ta’eera.
Mana barnootaa sanatti barataa dhiibbaa uumuun waliigaltee dhabuu isheerraan kan ka’e barattoonni harka caalan isaanii waliin hiriyaa ta’uu hin barbaadan ture.

Madda suuraa, Getty Images
Sababa kanarraa kan ka’e "waanti adda ta’e otoo hin jiraatiin" uffannaa, haala rifeensa ishee itti miidhaaffattetti qoosuun fi barattoonni biroo akka itti kolfan gochuun isheen akka dhiphattu taasifamaa turuu yaadatti.
"Maqaa naaf moggaasu, daree keessatti hojii daree yeroon dhiyeessu natti kolfu, waraqaa natti darbatu, mi’an laaqana itti baadhu na jalaa fudhatu, yeroo kaan immoo laaqanni koo borsaa koo keessatti naqameen arga ture" jetti.
Barsiisota kootti yeroon dhaqee himadhe "kuni qoosaafi daa’imummaadha" jedhanii nan dhaggeeffatan jetti Liidiyaan.
Kanaaf jecha ani "humnaan bultuun ta’e" kan jerttu Liidiyaan, maatiin isheellee dhimma kana yeroo itti himattu akka hin dhageenye dubbatti.
"Mana barnootaa waan hin jaalanneefi, hamtuu waan taatefi, jeeeqxuu waan taatefi" jedhanii maatiin ishee akka xiyyeeffannoo hin kennineef himti.
Liidiyaan maarshaal aartii baratteen akka namoota biroo miidhuu hin qabne ni beeekti, garuu miidha irra gahu ofirraa qolachuuf jecha barattoota ishee dhiphisan rukutuu eegalte.
Kanaaf jecha irra deddeebiin torban lama ykn tokkoof barnootaarra dhorkamaa turte.

Akka Dr Yaaqoyyaleem jedhanitti, Liidiyaarra kan qaqqabeen alatti qoccollaan ykn 'bullying' gosoota adda addaa qaba.
Qoccoollaan kunis reebicha, borsaa irraa butuufi haleellaawwan birootiin ibsamuu danda’a jedhan.
Arrabsuu, maqaa masoo itti moggaasuu, itti qoosuu, walitti akeekuu fi jechoota kana fakkaataniin kan ibsamuu qoccoollaa ykn 'bullying' kan jedhamu.
Maqa-balleessii, amantii fi gochoota kanaan wafakkaataniin kan walqabatan "qoccollaa hawaasummaa" jedhamee waamama jedhu.
Kana hundaa caala immoo qoccollaan gama toora intarneetiin yeroo ammaatti dhufeera.
‘Cyber bullying’ bifa adda ta’e kan qabu yoo ta’u, toora miidiyaalee hawaasaatiin namoota hamilee cabsuun karaalee ittiin ibsamu ta’uu barsiisaan saayikooloojii kun hubachiisaniiru.
Kanaafuu, qoccollaan iddoo hunda jira, "manneen barnootaa fi iddoo hojiittimmoo baratamaadha" jedhan.
Yeroo heddu namoonni kan qoccolan nama haleellaa irratti raawwataniirratti humna qabaatu. "Ani nama kaanirra nan caala" kan jedhuun waan raawwatamuuf namni kamuu kanaaf saaxilamaadha jedhu.
Namoonni rakkoo namummaarraa kan ka’e qoccallaaf saaxilamoo ta’uu, miira olaantummaa mul’isu, haala to’annoo jabaa qabu keessatti guddachuun namoonni akka qoccolamaniif sababoota eeraman ta’uusaanii Dr Yaaqoyyaleem himaniiru.
‘Bullying’ miidha akkamii hordofsiisa?
Liidiyaan miidhaan qocccollaan irraan gahe amma yoonaatti akka ishee biraa hin hafne dubbatti.
Yeroo sanatti irra deddeebiin miirri akka nama badii dalageetti itti dhaga’amaa ture. Sanarra darbee ishee dhiphisuu jechootni ittiin jedhamu "dhugaa ta’aa laata?" jechuun akka of shakkitu taasisee ture.
"Akkuma isaan jedhan garmalee qal’oon ture, biftikoo hin bareeduu? rifeensikoo hin bareeduu? jedhee akkan waanin qabu hin jaalanne fi tilmaamni anii ofii kennu akka jijjiiramu, akkan of jibbu, ofitti akkan hin amanne, bahee amman galu ofitti amanummaa akkan dhabu na taasiseera," jetti.
"Umrii koo sanatti "qophummaatu natti dhaga’ama ture, nan dhiphadha, barnootaarraa yeroon ittifamu guyyoota lama ykn sadiif hirriban dhaba - otoo hin rafiin natti bari’a, baay'een aara,’’ jetti.

Madda suuraa, Getty Images
Mana barnoota sadarkaa 1ffaa yeroo barattu qabxiin ishee akka gadi bu’u, kutaarraa gara kutaa itti aanuttillee darbuuf yeroon hanqatte tureera.
Ammatti haalonni Liidiyaa qoranii turaniifi miidhaa xiinsammuuf ishee saaxilan biraa hafaniiru. Sirumaayyuu gama aartiifi hojii hojjattu birootiin milka’iinarra jirti. Ammas taanaan garuu dhiibbaan qoccollaan isheerraan gahe isheerratti mul’ata.
Akka nama waa shakkitu, waan xiqqaas guddaa gootee akka ilaaltu fi yeroo tokko tokkommoo kolfaafi tapha giddutti qoosaa dubbatamu isheef akka dubbatameetti ilaalti.
"Namni hundi nan kabaju jedhee yeroon yaadu jira" jetti.

Manneen barnootaafi waajjiraalee hedduu keessatti qoccollaan jiru mandaraa fi maatii keessatti mudachuu akka danda’u kaasu Dr Yaaqoyyaleem.
Qoccollaan miidhaa xiinsammuu fi miidhama sammuu sadarkaa garaa garaatti ibsamu qabaatullee miidhamaan hanga lubbuu ofii balleessuttillee qaqqabuu mala.
Ofitti amanamummaan namootaa akka gadi bu’u, jiruu dhiphinaan guutame akka gaggeessan, jiruun hawaasummaa isaanii akka gufatu, barnootaa fi hojii isaanitiin akka hin milkoofne dhiibbaa irratti uuma.
Kanaarras darbee namoonni hedduun barnoota akka addaan kutaniif sababa ta’a.
Taatullee miidhaa xiinsamuun qaqqabsiisuun yeroo wal bira qabamee ilaalamu xiyyeeffannoon akka hin kennamneef himaniiru.
"Hawaasa keessaatti, manneen barnootaa fi dhaabbilee mirga namootaa kabachiisan keessatti hin beekamu. Miidhaan isaa yeroo tokkicha qofaa fi yeroo gabaabaaf kan turu otoo hin taane, yeroo dheeraaf kan turuufi miidhaa jabaa waan qabuuf xiyyeeffannoo argachuu qaba," jedhan.
Liidiyaanillee yaada kanatti amanti. "Fakkeenyaaf barataan tokko barachuu jibbe yoo jedhe sababni tokko qoccollaa ta’uu danda’a. Kanaafuu ijoolleen barnoota hin jaalanne hedduun ni uumamu jechuudha. Baratee namni ofitti amanu hin jiraatu jechuudha" jetti.
"Yeroo heddu namoonni salphisanii ilaalu, sababii kanaan garuu namoota heddu dhabuu dandeenya.’’
Namoonni dhimmicha akka hubataniiif jecha hubannoo isaanii cimsuun fala sirriidha jettee amanti Liidiyaan.
Tola-ooltummaan ijoollee barsiisaa kan jirtu Liidiyaan, qoccollaan miidhaan isheerra gahe barattoota kaanirra akka hin dhaqqabne akka to’attu dubbatte.

Madda suuraa, Liidiyaa Mogas
Fallii 'bullying' maali?
Taatoo fiilmii kan taate Liidiyaan miidhaa qoccollaan isheerraan gahe dandamachaa fiilmii "Laambaa" fi hojiiwwan aartii biroo hojjetteetti. Taatullee qoccollaan ijoollummaa yuunivarsiitiifi hojiirrattis otoo hin hafiin ishee mudateera.
Dhaabbileen barnootaa barattoonni fi maatiin barattootaa dhimmicha akka sirritti hubatan gochuun rakkinicha salphisuun ni danda’ama jetti.
Maatiin ijoollee isaaniif tarkaanfii hanga mana barnoota jijijjiruutti gahulle fudhachuu akka qaban gorsitii Liidiyaan.
Gama biraatiin manneen barnootaa keessatti barnoota namuusaafi amala gaarii bu’uura godhateen hubannoon otoo uumamee miidhaa kana hir’isuun ni danda’ama jettee amanti.
Qoccollaan "godaannnisa bakka deemnu maratti nama waliin deemu qaqqabsiisa," kan jedhan Dr Yaaqoyyaleem, manneen barnootaa keessatti sirna hordoffii cimsuu fi tajaajila gorsaa kennamu cimsuun rakkinicha salphisuun ni danda’ama jedhan.
"Bu’uura irraa xiqqeessuuf garuu maatiin ijoollee wayita guddisan mirgaaaf dirqama isaanii akka beekan itti himuun guddisuun" sirrii ta’uu kan eeran Dr Yaaqoyyaleem, "miidiyaaleen idilee fi miidiyaaleen hawaasa qabiyyee haasaa dubbii kakaasan akka hin facaafne of eeggachuu barbaachisa’’ jedhan.
Namooonni qoccoollaan irra qaqqabe dhimmicha maatii, mana barnootaa, isarras darbee qaamolee seeraa hubachiisuu qabu jedhan.
Kan daa’immaan himatan callisanii "tapha daa’imaati" jedhanii bira darbuun rakkoo xiqqaa guddisuun umriisaanii guutuu godaannisa hin banneef isaan saaxila jedhanii akkeekkachiisan.















