Ijoolleen guddina gaarii akka qabaatanniif gosni nyaataa caalaa gorfamu jiraa?

Ijoollee nyaata isaanii qabahuun mana barumsaa jiran

Madda suuraa, JEFF GREENBERG

Ijoolleen akkasumaan carraan hin guddatan. Kunuunsa gahaafi sochiilee qaamaa akka barbaachisu oggeessoonni ni dubbatu.

Gaheen nyaanni guddina fayyaa qabeessa ijoolleetiif qabu ammoo murteessaadha. Guddina ijoollee yoo jennuus dheeriinaafi jijjirama qaamaa qofaa jechuu miti.

Kanaafuu guddinni sirriin kamidha? Nyaata waliin hoo attamiin wal qabata?

Hospitaalaafi Koolleejjii Walaansaa Miiliniyeem Phaawuloosiitti pirofessara gargaaraafi hakiima daa'immanii kan ta'an Dr Faasiil Manbaree, guddinni da'immanii guutamaan kan qaama, sammuu, qoor-qalbiifi bilchina hawaasummaa hammatu ta'uu ibsu.

Guddinoota kanneeniif kan gargaaran haalonni hedduun jiraatanilleen isaan keessaa ''gahee olaanaa kan qabu nyaatadha'' jedhu oggeessi kun.

Kanaafuu daa'imman mana keessaafi wayita gara mana barnootaa deemanitti akka laaqanaatti sooranni guduunfinuuf maal ta'uu qabaata? gaaffii jedhu hordofsiisuunsaa waan hin oolleedha.

Hakimiin daa'immanii BBC dubbiseefi oggeessoonni sirna nyaataa dhimma kanaarratti qabxiilee maatii fayyaduu danda'an murteessoo kaasaniiru.

Nyaataafi guddina daa'immanii hunda galeessa

Guddina daa'immanii keessatti nyaanni gaheewwan lama raawwata. Kan jalqabaa seliiwwan qaama keessatti hojiiwwa garaa garaa raawwatan akka gahumsa qabaatan gochuu yoo ta'u, kan lammaffaa ammoo guddina qaamaa argamsiisuudha.

Guddinni sammuu ammoo kan dandeettii wantoota hubachuu, yaaduufi dandeettii sababaan waa raawwachuu ilaallatudha.

''Daa'imman baatii jahaaf harma haadhaa qofa hodhaniifi nyaataa dabalataa argatan guddina sammuu olaanaa qabaatu,'' jedhan Dr Faasiil. Daa'imman waggaa jalqaarratti guddina sammuu %70 akka qabaatanis ni dubbatu.

Guddina hawaasummaa keessatti ammoo, ''nyaanni daa'immaniif dhiyaatu waan kunuunsa maatiin wal qabatuuf sammuufi walitti dhufeenyi namoota waliin qaban akka haalaan guddatuuf ni gargaara jechuudha,'' jedhan.

Guyyoota 1000 jalqabaa

Jireenya daa'immanii keessatti guyyoonni murteessoon kan guyyaa itti ulfaa'amanii kaasee hanga waggaa lama guutaniitti jiran guyyoota 1000dha jedhu.

Akka ragaa Ministeera Fayyaatti guyyoonni jalqabaa 270 ykn guyyaa itti ulfaa'amee hanga baatiiwwan ulfaa 9 jiraniitti, haatii nyaatawwan akka fuduraa, bu'aalee loonii, miidhaan dheedhotaafi kaan biroo geegeedaruun yoo soorratte ulfi ni guddata.

Akkasumas guyyoota 180 dahumsaan booda jiranitti ykn hanga daa'imni baatii jaha guutuutti harma haadhaa qofaatu gorfama.

Ittaansee guyyoota hafan 550 ykn yeroo baatii jahaa hanga waggaa lamaa gahuutti harma haadhaatiin alatti nyaatawwan dabalataa adda addaa akka sooratu gochuun guddina daa'imaa gaariidhaaf gahee olaanaa qabaachuu dubbatu oggeessoonni.

Umurii kanaan boodas daa'imti waan mana barnootaa galuu eegaltuuf waan qabdu laaqana isaanii keessatti kaa'amuuf itti yaaduun barbaachisaa ta'a.

Ijoollee mana barumsaaf gahanii fi nyaata isaanii

Akka ibsa Dr Faasiliitti, daa'imman umurii waggaa 5-10 jidduutti argaman kan mana barnootaaf qaqaban jedhamu. Daa'imman umuriinsaanii waggaa lamaan gaditti argamus guddinni hunda hammataasaanii saffisaa yoo ta'u, umurii barnootaaf qophii itti ta'anitti guddina isaanii kan suuta jedhu ta'ulleen inuma guddatu.

Kanaaf, daa'imman nyaanni umurii kanatti sooratan haala sadiin isaan fayyada.

Kan jalqabaa akka guddina qaamaa fayya qabeessa jechuun, ulfaatina qaama fi dheerina akka qabaatu gargaara.

Inni lammaffaa ammoo, dandeettii dhukkubarraa ittiin of ittisan akka gabbifataniif hojii baayyee barbaachiisaa ta'e kan hojjatudha.

Inni sadaffaan ammoo srina soorataa fayya qabeessaadha.

Yunivarsitii Diillaatti barsiisaan sirnaafi saayinsii nyaataa Dr Yihunee Ayyalaa gamasaantiin umuriin daa'immaanii waggaa 5-10 jiru kan addaan soorata ijoollee ittiin sirreeffamudha jedhu.

''Yeroon kun kan ilaalchisaanii itti sirreeffamu akkuma jedhu hunda kan haalli addaa soota bu'uraasaanii itti qajeelfamudha.

''Ijoolleen yeroo kanatti sirna jaalataniifi kan baran yeroo umurii guutuusaanii itti argataniidha. Kanaaf, maatiin aadaa nyaataa gaarii barsiisuu- fakeenyaaf fuduraa, kuduraafi dheedhota fa'u barsiisuun barbaachisaadha,'' jedhu.

Yaada kanaan kan waliigalan Dr Faasiil, ''Ijoolleen umurii waggaa shanii ol jiran irra caalaan fedhii nyaataa gaarii waan qabaniif, kanatti fayyadamuun nyaata gosa baayyee dhiyeessuun akka dhama isaa adda baasan taasisuun barbaachisaadha,'' jedhu.

Ijoolleef nyaata akkamii laannu laata?

Biyya Ameerikaatti Yunivarsitii Of Laasveegaasitti waa'ee qophii nyaataafi sirna soorataa kan baratan, Addis Aalam Bizu'aayyahu ijoolluummaan kan guddinni qaamaa itti dabalu qofaa osoo hintaane yeroo taphaaf humna olaanaa itti baasan ta'uu dubbatu.

Sababii kanaaf, nyaanni daa'immaniif dhiyaatu wantoota kanneen kan xiyyeeffannaa keessa galchu ta'u qabaata jedhu.

Kanaanis nyaati Pirootiin fi Kaarboo-haayidreetii qabaan murteessaa ta'uu eeru. Killee, foon, bu'aalaa aannaanii, lawuuzii, bolloqqeefi kanneen fakkaata argachuu danda'u.

Kaarboo-hayidreetiin gaiin ammoo nyaatawwan akka Appilii, muuzii, kanneen kana fakkaata irraafi daabboofi paastaa irra argama.

Gosawwan nyaataa kanneeniin alatti nyaatawwan dibataaafi albuudaa, akkasumas vaayitaminii laachuufiin akka barbaachisu Dr Faasiil ni dubbatu.

Egaan ijoolleen nyaatawwan kanneen keessaa ciree, laaqanaafi irribaataaf guyyaatti hanga yeroo jahaa laachuufiin ni gorfama.

Ciree irratti killee, aannan, fuduuraalee, miidhaan akka garbuufi ruuzii fakkaatan irraa nyaata hojjatme kennuun ni gorfama.

Akkasumas laaqanaafi irbaatarratti buddeenaafi daabboo kanneen fafakkaatan, raafuu, kaarootiifi ashaakiltiiwwan kkf waliin akka sooratan taasisuun gaarii ta'uu gorsu oggeessoonni.

Insititiyuutii Fayyaa hawaasaa Itoophiyaatti Daareektar qorannoo sirna sirna nyaataa kanta'an Dr Maasirashaa Tasammaa nyaatawwan ijoolleen soorattu ''haala dinagdee hubannoo keessa galcheen'' waan garaa garaa osoo ta'e jechuun gorsu.

Fakkeenyaaf, ''Ijoolleen paastaa ykn makoranii qofa walitti aansuun kan sooratan yoo ta'e adda durummaan kan argatan humna qofaadha. Kanaaf, haala ijoolleen nyaataa madaalwaa ta'e itti argachu danda'aniin nyaachisuun barbaachisaadha" jechuun gorsu.

Nyaatni ijoolleen hedduu soorachuu hin qabne warra kam?

Yunivarsiitii Finfinneetti gargaaraa Piroofeesaraa saayiinsii soorataafi sirna nyaataa kan ta'an Dr Qaale'aab Bayyuu, ijoolleedha rakkoo hin qabu jedhamee sooratni sukkara itti baayyatu daa'immaniif kennamu booda gatii nama baasisa jedhu.

Nyaatni warshaa keessatti omishamu kan ashaboofi sukkaara hedduu qabu akkasumas dhugaatiiwwan walfakkaatoon, sooratni cooma ykn dibata baayyee qaban nyaachisuun yeroo keessa daa'imman irrati rakkoo ni qabaata jedhu. Waaddiin dinnichaa fi kaan kann zayitaan waadamanis akkasuma rakkoo qabaachuu maluu jedhan.

Ilkaan babbaduun, fooliin afaanii badaa ta'uun, fedhiin nyaataa akkaan xiqqaachuun miidhaawwan sukkaaraafi ashaboo baayyisuun yeroo gabaabaa keessatti fidhan keessaati jedhu Dr Faasiil.

Waggaa 20 fa'a boodammoo sooratni kunniin dhiibbaa dhiigaafi rakkoo onneef sababa ta'uu maluu jedhu.

Sooratni warshaa keessatti omishamanii gurguraman yeroo fayidaarra ooluu isaanii dheeressuuf keemokaalotaan waan makamaniif dhiibbaa hin malle qabaatu jedhan.

Qodaa laaqanaa daa'imman keenyaa keessatti maal haa daballu?

Gaaffii kanaaf deebiin Dr Yihunee gabaabaadha. Waan manni hore'' kan jedhuudha. Kan manni hore yeroo jennu garuu gosa walfakkaataa jechuu miti.

Ganamas ciree nyaateen laaqana isaas yeroo manatti deebi'us biddeen ta'uu hin qabu. Maatiin haala danda'ameen nyaata adda addaa yaaluu qabu'' jedhu.

Sheef Addis Alam ijoolleen qoodaa laaqanaa isaanii keessa kann kaahamuuf faffatoo biddeenaa, paastaa, makarooniifi ruuza hin darbuu,'' jedha

Kunimmoo qabiyyeewwan barbaachisoo akka porootiinii akka hin arganne sababa ta'a jedha. Pirootinii hin argatan jechuun uddina isaaniif waan barbaachisu hin arganne jechuudha. Kuduraaleen hin jiran jechuun qaamni isaanii humna dhibee ittisuu gahaa hin qabaatu jechuudha.

Pirootinii foon, killee, boloqqeefi baaqelaa irraas ni arganna. Osoo Fooniifi killeen mi'aadha jedhameellee Baaqelaa gatii rakasaan argachuun danda'ama jedhu.

Kanaaf daa'imman qoodaa laaqanaa isaanii keessatti anniisaa fi humna kan kennuuf darbees wantoota pirootinii of keessaa qaban argachuu qabu. Gosti nyaataa gaafa dabalu qabiyyeewwan barbaachisoo hedduu carraan argachuu guddaa ta'a jechuunis ibsu.

Yeroo dhabuu ykn ammoo ijoolleen koo kana jaalatu jechuun soorata saamsaman galeessuufiin sirrii miti jedhu.

Qodaan laaqanaa daa'immanii ifa aduu kallattiin argachuu qaba qulqullinni isaas eegamuu qaba jedhu Dr Faasiil.

Soorata ijoolleef ta'u akkamiin nyaachifnu?

Ijoolleen soorata sukkaara qabu waan mi'aawaa waan barbaadaniif isa kaan diduu malu kan jedhan Dr Maasreshaan, bu'aa kan isaaniif qabu ta'us humnaafi oriisaan nyaachisuuf yaaluun, ittuu sooraticha akka jibban gochuu mala jedhu. Kanaaf wanta jaalatan waliin makuun dhiyeessuufii wayyaa jedhu.

Dr Yihuneen beeksisoonni televizhiinaa nyaata saamsaman daa'imman akka nyaachuu hawwan godhan irratti furmaatni wayii taa'uu qabaa jedhu. Daa'imman sadarkaa olaanaan dhiibbaan irra gahaa jira. Har'a waan Televizhinii irratti argan fidi jechaa''. Kanaaf nyaata kunniin irratti hubannoofi hordoffiin jiraachuu qaba jedhu.

Dr Faasiil yaada kana qooddachuun mootummaafi maatiin kana hordofuuf gahee qabu jedhu. Yeroo dheeraa taphaafi Tv ilaaluurratti turu yoo ta'es fedhiin nyaataa isaanii ni xiqqaata jedhu.

Hakiima daa'immanii kan ta'an Dr Faasiil maatiin gama soorataan ijoollee isaaniif fakkeenya ta'uu qabu jechuun gorsu.