Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daarfur: Hidhattoonni Janjawiid Sudaanitti maaliif irra-deebiin haleellaa banan?
Magaalaan guddoon Sudaan naannoo Daarfuritti argamtu Jiniinaan akka jabaatti haleelamaa jirti.
Haleellaan kun kan irra qaqqabe namoonni kumaataman lakkaa’aman magaalaa keessa jiraatanitti hidhattoonni Arabootaa Janjawiid jedhaman ibidda qabsiisuu hordofee dawoo barbaacha garasitti erga baqatanii guyyoota muraasa booda ture.
‘’Seenaa Jininaa keessatti hospitaala keessa namoonni guutummaatti baafamuun kan jalqabaati. Dhaabbileen fayyaa hundi magaalicha keessa jiran ni cufaman,’’ jedhe Koreen Giddugaleessaa Hakimoota Sudaan toora tiwitaraa gubbatti.
Wayita lollii Daarfuttii bara 2003 eegaluun sana booda hammaatelle hospitaalli Dhiha Daarfur hojiisaa addaan hin kutne ture.
Waraanni Daarfur namoota 300,000 ta’an galaafachuun, namoota miliyoona lama caalan mana malee hambise ture.
Hojjattootan gargaarsa Jiniinaa keessa hojjatu tokko BBCtti akka himetti, isaa fi waayillan isaa iddoo miidhaaf isaan hin saaxillee turan garuu dhukaasni magaalicha keessaa dhaga’amaa ture jedhe.
Maatiin heddu duraanuu hidhattoota kana baqatanii dawoo qubannaa yeroo Kibba Jiniinaatti argamu keessa turan hidhattoota Janjawiid jalaa iddoo qubanna geddarachuuf dirqaman.
Muddamni tibbanaa kan eegale Baha Jininaa, bakka km 80 irraa fagaatutti yoo ta’u, walitti bu’iinsa sana keessatti namoota 200 olitu ajjeefame.
Walitti bu’iinsa sanaaf maaltu ka’uumsa ta’e?
Lolli kan eegalame waldhabbii horsiisee bultoota Arabaa fi miseensota hawaasa Massaliti jedhaman giddutti dhalateeni ture.
Gartuuwwan lamaan ganna 10tti lakkaa’amuuf lafarratti wal dhabu.
Lolli giddusaanitti kan eegalame horsiise bultoonni Arabaa lama magaalaa Kirinik jedhamtu biratti ajjeefamuu hordofeeti ture. Magaalittiin iddoo hawaasni gurraachi Massalit ganna 20’n darbaniif qe’eesaaniirra buqqa’an qubataniidha.
Hawaasni kun mandara keessa jiraataniirra haleellaa hidhattoota Arabootaa Janjaweed jedhamaniin dur buqqifamanii turan.
Tibbana horsiise bultoonni Arabaa ajjeefnaan, Jimaata darbe ganama hidhattoonni Arabaa haaloo bahinsaaf magaalaa Kirinik jedhamtu haleellaanii namoota sagal ajjeesuun, 16 madeessan.
Dilbata darbemmoo hidhattooti Janjaweed keessa bahan ‘Sudan's Rapid Support Force (RSF) ‘walitti qinda’uun haleellaa eegalan.
Milishoonni haleellaa raawwatan konkolaataa fi qawwee, doqdoqqee, fardaafi gaalaan naannicha qaqqabuusaanii ibse gareen dargaggoota tola-ooltotaa Kirinik kan agarsiisu.
Hidhattoonni kunneen ibidda manatti qabsiisu, manneen barnootaa fi kilinikoonnillee hin hafne-barsiisonni jaha haleella sanaan ajjeefaman.
Haleellaa kanaan hospitaalota dhaabbata gargaarsaa Meedikaal Saanfiroontersi(MSF) jedhamaniin deeggaraman irratti qiyyafatame.
‘’Ogeeyyii fayyaa dabalatee walumatti namoonni sadii ajjeefamaniiru, faarmaasiin hospitaalichaas saamameera,’ jedhe ibsi MSF baase.
Maaliif qaamoleen nageenyaa haleellaa kanaa dhaabuu dadhaban?
Waggoota dheeraaf nagaa eegdonni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii naannichatti nageenya buusuuf yaalaa turan. Haata’u malee, yeroon ergama isaanii goolabamnaan bara 2020 naannicha gadhiisanii bahan.
Nagaa eegdonni naannichatti bobbafamuun ittuu gam lachuu addaan isaan qoode.
Yeroo naannichatti bobbafamnii yoo ta’e haleellaa gidduusaaniitti qaqqabu guutummaatti dhaabuu hin dandeenye.
Nageenyaa fi tasgabbii Daarfutti kabachisuu kan qabu garee waloo poolisii, waraana biyyattii, hidhattoota Janjaweed keessa bahan ‘Sudan's Rapid Support Force (RSF), fi garee finciltotaa bara 2020tti walii galtee mallatteesaniidha.
Haata’u malee, harka lafa jalaatiin gareewwan hidhatan kunneen hundi isaanii fedha wal dorgomu qabu, karaan adda tokkicha waloon hundeessuu isaan dandeessisu hin qaban.
Fakkeenyaaf, Poolisonni hedduun isaanii Massalit keessaa bahan, Sudan's Rapid Support Force (RSF) keessaammoo hidhattoota Janjaweed duraaniitu heddummata-hidhattoonni kun muraasni isaanii lola tibbanaatti wayita hirmaatan argamaniiru.
Qaamoleen nageenyaa naannoo Kirinik eegaa turan otoo haleellaan hin qaqqabiin dursanii naannichaa bafaman jedhu rogeeyyiin naannichaa.
Jiniinaatti lolli maaf bal’ate?
Hidhattoonni Janjaweed fi RSF garee hidhattoota Massalit duuka bu’anii Kirinik irraa gara Jiniinaatti ariyataa turan.
Walitti bu’iinsi sabaa amannaan, namoonni hospitaala keessa otoo hin hafiin baqatan.
Jiniinaan durii qabdee magaalaa guddoo mootummaa Massaliit- akka mallattoo aboo warren gurrachoota Darfuur keessa jiraataniitti ilaallamti. Warri Janjaweed immoo magaalittii akka waan gatii hin qabneetti ija tuffiin ilaalu.
Hidhattoonni Janjaweed kun duguuggaa sanyii Daarfuritti qaqqabsiisuun himatamu.
Lolli Darfutti kan eegalame bara 2003 yoo ta’u, kunis yeroo warreen Araba hin taane, jechuunis gurraachoonni mootummaan biyyattii nu hacuuce jechuun qawweedhaan mootummaa Sudaan waliin lola eegalan ture.
Mootummaan Sudaan hidhattoota Janjaweed jedhaman qindeessuun finciltootan lolaa kan ture yoo ta’u, lolli sun dheekkamsa sadarkaa addunyaatti kakaasun nagaa eegdonni akka naannichatti bobbaafamanii fi namoonni badii sana keessatti qooda qaban akka barbadamanii qabaman sadarkaa idil-addunyaatti ajajni bahe.
Barri 2019 erga Omar al-Bashiir ganna 30’tti dhiyaatuuf Sudaan bulchaa ture aangoorraa buufame asitti magaalaan Jiniinaa marroo sadiif haleelamte.
Baruma sana ji’a Eblaa keessa walitti bu’iinsi dhalate lubbuu namoota heddu dabarsuun, namoonni baayyeen mada’aanii, naannoo Jebel Muun, Kaaba magaalaa Jiniinaatti manneen hedduun gubataniiru.
Daarfur bakka albuuda warqeen badhaate yoo taatu, loote- seentnni Janjaweed lafa badhaatu kana harka caala to’achuuf akka yaalanitu himama.
Adam Rajaal- dubbi-himaan Koree IDP bara 2003 baqattootaaf dawoo baqannaa mijeesseeu qindeessa ture dawoon qubanna diiguuf akka yaalamu himan.
Adam, Daarfuritti kanneen yakka waraanaa dalaguun shakkaman hogganaan hidhattoota Janjaweed duraanii himannaan isaa eegalamuu Mana Murtii Yakkaa Idil-Addunyaatti tibbana ilaalamu jalaqabuu hordofee sodaataniiru jedhan.
Alii Mohaammad Abdi-al-Rahiman maqaa masoo Alii Kushaybii jedhuun beekamu himannaa farra dhala namoomaa dalaguu haale.
Walitti bu’iinsa Daarfuriin walqabatee inni nama jalqaba Mana Murtii Idil-Addunyaatti dhiyaatedha.
Haaluma walfakkaatuun al-Bashiir mana murtichaatti yakkoota duguuggaa sanyii fi yakka waraanaatiin kan shakkamuun yoo ta’u, himanna irratti dhiyaate haalaniiru.