Waraana Yuukireen: Antooniyoo Guterees aanga'aa Raashiyaa waliin 'iftoominaan mari'achuu' himan

Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guterees Kibxata gara Raashiyaa imaluun Moskootti ministira haajaa alaa Raashiyaa Sergee Laavroov waliin mari'ataniiru.

"Ergamaa nagaa" ta'een, "lubbuu baraaruufi dararaa xiqqeessuuf" gara Mooskoo dhufe jechuun dubbatan Antooniyoo Guterees, marii Sargee Laavroov waliin godhan booda ibsa waloo kennaniin.

Aanga'aan olaanaa UN kun waraanaa Raashiyaa fi Yuukireen jidduutti adeemaa jiruuf furmaata dippiloomaasii soquuf gara Mooskoo imale.

Ministira haajaa alaa Raashiyaa waliin marii iftoomina qabu gochuu kan himan Aab Guterees, wanta Yuukireen keessatti adeemaa jiru irratti ejjennoo adda addaa qabaachuu himan.

Raashiyaan tarkaanfii waraanaa adda ta'e lammiilee Baha Yuukireen baraaruuf fudhatamaa jiru yoo jettu, UN garuu weerara biyya birmaduu qabdu tokkoo akka ta'etti hubata jedhan.

Garaagarummaan jiru akkuma jirutti ta'ee, waraanicha xumuramee nagaan bu'uun uummata Yuukireenis ta'e kan Raashiyaa akkasumas guutuu addunyaa akka fayyadu dubbatan.

Mariin hogganoota lamaanii gargaarsa namoomaa fi akkaataa namoonni magaalota waraanaan barbadaa'an keessaa baafaman irrattis kan xiyyeeffate ture.

Raashiyaan akkaataa dhiyeessii gargaarsa namoomaa ilaalchisee UN fi Fannoo Diimaa waliin hojjechuuf fedhii akka qabdu Aab Sargee Laavroov dubbataniiru.

Waliigalatti egeree UN fi dhimmoota irratti waliin hojjechuu danda'anirratti Guterees waliin dubbachuu himu.

Ulaan lammileen nagaa waraana dheessan ittiin baafamani fi gargaarsi namoomaa ittiin dhiyaatu akka banamu yaada dhiyeessuu Antooniyoo Guterees himaniiru.

Kanaafis gareen aanga'oota UN, Raashiyaa fi Yuukireen of keessaa qabu akka ijaaramu wixinee dhiyeessuu himan.

Magaalaa Maariyuupool keessa rakkoon hamaan akka jiru kan dubbatan aanga'aan kun, UN leeccalloo magaalicha keessaa qabutti fayyadamuun namoonni kallattii fedhaniin achii akka bahan, akkasumas gargaarsi namoomaa akka dhaqqabu gochuuf akka hojjetan himan.

Sargee Laavroov walgahiin Raashiyaa osoo hin hirmaachisiin biyyoonni miseensota Gamtaa Awurooppaa fi NATO Jarmanii keessatti taa'uu eegalan ilaalchisee yaddoo Raashiyaan qabdu UNf ibsaniiru.

Marii Raashiyaa fi Yuukireen jidduutti adeemaa jiru, yaada irratti kennuuf yeroon isaa hin geenye jedhan Aab Laavroov. Haata'u malee Raashiyaan marii mootummaa Yuukireen waliin godhamuun waraanichaa furmaata dippiloomasii soquuf kutannoo qabdi jedhan.