Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nageenya Oromiyaa: 'Haleellaa qilleensarraa Shawaa Lixaatti raawwatameen lubbuun namoota nagaa darbeera'- Jiraataa
Godina Shawaa Lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti lola mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti gaggeefamaa jiruun walqabatee haleellaa qilleensarraan raawwatameen lubbuun lammiilee nagaa darbuu jiraattonni BBCtti himan.
Haata'u malee, Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa himannaa kana kufsuun, ''haleellaan xiyyaaraa gaggeeffamees ta'e, namoonni nagaa bakkee jedhameetti ajjeeffame hin jiru'' jechuun BBCtti hima.
Dabaluunis ''humni Shanee haleellaa xiyyaaraa barbaaachisu naannicha keessa hin jiru'' jechuun maqaa aanga'oonni Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin waamuu fayyadamuun yoo BBCtti himan.
Abbaan Adeemsa hojii Kominikeeshinii Shawaa Lixaa Obbo Warquu Hundeessaa ammoo motummaan godinichatti aanaalee garaa garaa keessatti opareshinii gaggeessaa jiraachu himan.
Itti dabaluunis, ''dirooniin faayidaarra oolee ykn haleellaan qilleensaarraa gaggeeffamu ilaalchisee odeeffannoon qabu hin jiru. Odeeffannoo akkasii qaama nageenyaa irraa argachu dandeessa,'' jedhan.
Aanichatti ganda Doggomaa Kibbiitti haaleellaa mootummaan Itoophiyaa raawwate jedhame kanaan lubbuun namoota digdamii shaan darbuu jiraataan BBCn dubbise tokko himan.
Jiraataan haleellaa jedhame kana arguu BBCtti hime tokko, taateen kun Ebla 22, 2022 raawwachu dubbata. Itti dabaluunis uummanni naannichaa baqatee bosonaafi holqatti galeera jedhan jiraataan haleellicha ijaan arguu dubbatan.
''Uummata keessaa namoota nagaa digdamii shaniitu tahantu du'e. Namoonni torba osoo haleellaa xiyyaaraa baqatanii hallayyaa keessa bu'anii du'an.''
"Haleellaa kana kan Goxii Kibbii keessatti raawwatanis guyyaa Jimaataa (Ebla 22) sa'aatii 12 irratti ture. Waan namatti hin tolle raawwatan. Uummanni baqatee kaan hallayyaa keessa bu'e. Dubartoonni shan bosona keessatti dahan. Dubartiin tokkoo isaan keessaa fayyaan ishee rakkoo keessa jira, nyaatallee argachuu hin dandeenye," jechuun ture jiraataan yoo loltoonni qabeenyaa ummataa hatan argeera jiran kun BBCtti kan himan.
Haata'u malee BBC himannaawwan kanneen maddeen walabaarraa mirkanneeffachu hin dandeenye.
Oppareshiniiwwan waraanaa
Motummaan oppareshiniiwwan waraanaa WBO hidhattoota 'ABO-Shanee' jedhee waamu irratti gaggeessaa jiraachu beeksiisuun isaa ni yaadatama. Motummaa Oromiyaas baatii Guraandhalaa 2022 keessa hidhattoota ABO-Shanee irratti tarkaanfii fudhachuun yeroo gabaabaa keessatti barbadeessuuf karoora qabaachu himee ture.
Abbaan Adeemsa hojii Kominikeeshinii Shawaa Lixaa Obbo Warquu Hundeessaa, gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin, motummaan godinichatti eddoowwan garaa garaatti oppareeshiin gaggeessaa jiraachu himaniiru.
"Wanni tokko ani sitti himu danda'u, motummaan godinicha keessa eddoowwan garaa garaatti oppareeshinii waraanaa gaggeessaa jira. Dirooniin faayidaarra oolee ykn haleellaan qilleensaarraa gaggeeffameera kan jedhu ilaalchisee odeeffannoon qabu hin jiru. Waa'ee namoonni nagaa du'an jedhuus wanti beeku hin jiru. Odeeffannoo akkasii kana qaama nageenyaa irraa argachu dandeessa,'' jedhan Obbo Warquun.
Jiraataan BBCn dubbise kun itti dabaluun, ''kana dura hidhattoonni WBO naannicha keessa deddeebi'aa turan. Haleellaan xiyyaaraa raawwatames garee kanarratti kan xiyyeefate fakkaata,'' jedhan. Haata'u malee Dubbii Himaan Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaa wajjiin waraanatti jiruu Odaa Tarbii, haleellaan qilleensarraa uummata nagaa sodaachisuufi jiilchisuu malee waraana isaanii irratti akka hin xiyyeeffanne BBCtti himan.
''Dhiheenya kanas bakka Dogomaa jedhamuutti haleellaa raawwachuun manneen jireenyaa gubaniiru. Waraana keenya hin arganne. Uummataaf nu yaddeessa malee waraana keenya irra miidhaan gahe hin jiru," jedhe.
Jiraattoonni BBCn Shawaa Lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat kessaa dubbise, loltoonni WBO bakka duraan turan irraa gadhiisanii bahuu himu.
Odaa Tarbii ammoo ''bakkicha gadhiisanii jechuun achii dhiisanii bahuu miti. Naannichuma keessa socho'u jedhan. Kun ammoo tarsiimoo waraanaati'' jedhan.
Mootummaan maal jedhe?
Himannaa kanarratti kan gaafataman Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa ''haleellaan xiyyaaraa gaggeeffamees ta'e, namoonni nagaa bakka jedhame kanatti ajjeeffame hin jiru'' jechuun BBC'f deebii kannan.
Abbaan Adeemsa hojii Kominikeeshinii Shawaa Lixaa Obbo Warquu Hundeessaa gamasaanitiin oppareeshiniin gaggeeffamun alatti waa'ee himannaawwan ajjeechaa namoota nagaa irratti odeeffannoo akka hin qabne dubbatan.
Haata'u malee kallattii motummaattiin oppareshiiniin garaa garaa gaggeeffamaa jira kan jedhan Obbo Warquun, ''Oppareshinicha ilaalchisee odeeffannoo guutuu saa ammoo qaama nageenyaa irraa argachu dandeessa. Bakka diinni jiru hundattuu hojii bal'aatu hojjatamaa jira'' jedhan.
Motummaan yeroo garaa garaatti ajjeechaa qonnaan bultootaafi gubannaa manneen jireenyaa qaqabuuf hidhattoota WBO kanneen ABO- Shanee jedhuun himata.
SIRREEFAMA- Ebla 2, 2022: Gabaasa kana jijiiruun yaadawwan nama ofiisaatiin ''Ittigaafatamaa Kominikeshinii Godina Shawaa Lixaa, Obbo Tasfaaye Mirreessaa'' jechuun BBC'f kenname haqneera. BBC namni sun Obbo Tasfaayee akka hin taane adda baaseera. Gabaasni fooyyeeffamee kunis yaadawwan qondaaltoota Godina Shawaa Lixaa lama, kanneen haleellaa qilleensaa akka hin gaggeefamne himanii hamateera. Borjaajii sababii kanaan umame kamiifu dhiifama jenna.