Itoophiyaan miseensota al-Shabaab 30 ol haleellaa rawwachuuf qophiirra turan jette to'achuu himte

Hidhattoota al-Shabaab

Madda suuraa, AFP

Magaalaa Finfinnee fi kutaalee Itoophiyaa adda addaatti haleellaa raawwachuuf socho'aa turan jedhamuun kan shakkaman miseensota al-Shabaab 30 ol to'annoo jala oolche jedhe Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa Itoophiyaa.

Miidiyaaleen biyya keessaa dhaabbaticha wabeeffachuun akka gabaasanitti, miseensonni al-Shabaab 34 to'annoo jala oolfaman haleellaa raawwachuuf qophii isaan taasisaa turan irraa eegaluun hordofaa turuun oppireeshinii naannoo Somaalee fi Oromiyaa waliin gaggeessuun to'annoo jala oolfaman.

Miseensota al-Shabaab jedhamuun kanneen to'annoo jala oolan keessaa kudhan naannoo Oromiyaa keessatti kan hafan 24 ammoo naannoo Somaalee keessatti tahuus ibsameera.

Shakkamtootni miseensota al-Shabaab jedhaman ayyaanotni amantaa hedduminaan yeroo gaggeeffamanitti eeggachuun haleellaa raawwachuuf qophii irra akka turan hordoffii gochuun akka bira gahame,Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa ibseera.

Magaalaa Finfinnee, naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti haleellaa hamaa raawwachuuf qophii gochaa akka turan eeruun hordoffii yeroo dheeraan namoota 34 miseensota al-Shabaab jedhamuun shakkaman to'achuu ibse.

Gabaasicha keessatti namootni lama Mahaammad Guhaadii fi Sheek Mahaammad Huseen usmaan jedhaman Itoophiyaatti seelota al-Shabaab filuun leenjisaa turuu eere gabaasichi.

Itti dabaluun boombii haleellaaf oolu mana keessatti qophaa'ee fi eeshaalee kaan haleellaaf oolan irratti leenjii akka argatan gochaa turuu ibsa gabaasni miidiyaalee kunneen.

Qaamoleen biya alaatii namoota kanneen waliin walitti hidhachuun hojjechaa turanis to'annoo jala akka oolaniis dhaabbilee odeeffannoo alaa waliin hojjechaa akka jiru Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya biyyaalessaa kun ibsuu gabaasan.

Namoota to'annoo jala oolan keessaa namni maqaan isaa Mikaal Abdurahaman maqaa nama dhunfaa Ibiraahim jedhamuun herrega baankii banuun Ameerikaa kutaa Minisootaa, Keeniyaa fi Somaaliilaandi irraa waayillan isaa irraa maallaqa guddaan galaafii akka ture qorannoo sanadootaan bira gahamuu ibsameera.

Haleellaa raawwachuuf meeshaaleen waraanaa akka Kilaashii, Matireyesii, mortarii fi rasaasni adda addaas to'annoo jala oolfamuu isaa gabaafame.

Itoophiyaan kana duras miseensota al-Shabaab haleellaa raawwachuufi gara daangaa biyattiitti galuuf yaalan to'achuu ishee irra dedebiin himteetti.