Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mozaambik: Daldaltoonni seeraan alaa qaama saalaa dhiiraa murame gurguruuf turan to'ataman
Qondaalotni Mozaambiik namoota lama kan qaama saalaa dhiiraa murame doolaara 42,000’n gurguruuf yaalan to’annoo jala oolchaniiru.
Qaamni saalaa kuni kan nama bulchiinsa Zaambeeziyaa, naannoo Milaangee jedhamutti ajjeefameetii jedhameera.
Daldaltoonni seeraan alaa shakkaman kunneen kan ganna 29 fi 32 yoo tahan, daldalaa naannoo tokko, qunnamuun qaama saalaa kana akka irraa bitu koratan jedhame.
Daldalaan Antooniyoo Chikoopaa jedhamu qondaalota qunnamuun shakkamtoota kanatti dubbii gargalche.
Shakkamtoonni kunneen yeroo ammaa gaaddisa poolisii jala kan jiran yoo tahu, dhiyootti gara mana murtii geeffamu.
Obbo Chikoopaan jara kunneen saaxiluusaatiin namoonni faara natti badanii jedhe.
‘’Yeroo namoonni kunneen akkan qaama saalaa sana bituuf na koratan anatu poolisiitti beeksise,’’ jedhe. Hogganaa poolisiifi poolisoota kaan iddoo isaan jiran fudheen deeme. ‘’Har’a maaliif akkan namootaan qeeqamaa jiru naan galle,’’ jechuusaa miidiyaaleen biyyattii gabaasan.
Komaandarrii bulchiinsa Milaangee Aliis Ivaariistoo, poolisiin ammallee dubbii kana qorachaa jira jedhan.
‘’Namni du’ee qaamni saalaa isaa irraa muramee fudhatamuu garuu nan mirkaneessa. Dubbiin dhugaadhuma, odeeffannoo dabalataa argachuuf hojjechaa jirra,’’ jedhan.
Amma duras waggootaan dura dhimmi akkasii biyyattii ollaa Maalaawiitti mudatee ture.
Bara 2013tti namoonni afur qaama saalaa dhiiraa murame Paawundii 16,000n gurguruuf wayita yaalan qabamuu abbootiin alangaa giyyattii himanii turan.
Akkasuma baruma sana daldalaan umriinsaa 30 tahe magaalaa Zoombaa jedhamtutti qaamni saalaa irraa kutamee turuun gabaafamee ture.
Wayita sanatti miidiyaan biyyattii tokko akka gaabaasetti, kuni namoonni hiyyuummaa keessaa bahuuf akka daandii tokkotti kan itti fayyadamanidha jechuun, qaamni saalaa ''falfaltootaan guddoo barbaadama'' jechuun gabaase.