Bashannanni afuuffee (Balloon) dhaan balali'uu Itoophiyaa keessatti maal fakkaata?

Mr. Bram Van Loosbroek

'Balloon' afuuffee guddaa samiirra Balali'uu fi dandeettiin isaa kan walcaalu jiraatulleen hanga namoota 14 baatee samii keessa balali'u.

Afuuffee guddaan kuni qilleensan kan guutamu ta'ulleen, afuuffeen kuni qilleensarra akka turuu fi saffisa eegee akka deemuuf laboobni abiddaa gaasiidhaan qilleensarratti balaaliisaadhaan itti qabsiifama.

Bashannanni 'Balloon'dhaan balali'uu Itoophiyaatti yoom jalqabe?

Itoophiyaa keessatti hedduu kan beekamu ta'uu dhabulleen Tajaaajilli Balloon'dhaan balali'uu kuni inuma jira.

Bara 2012'tti Itoophiyaa keessatti kan hundaa'e dhaabbanni 'Abyssinia Ballooning' jedhamu dhaabbata tokkicha biyyattii keessatti tajaajila kana kennudha.

Hundeessaa dhaabbatichaa fi paayileetiin 'Balloon Mr. Bram Van Loosbroek akka jedhanitti, dhaabbanni kun lammiilee Daachii fi Itoophiyaatiin sheeriidhan kan hundeeffamedha.

"Ballooning qaama aviyeeshinii kan bashannanaaf qofa tajaajiludha. Amma waggoota 10'f samii Itoophiyaa bareedaa kanarra balaliineerra," jedha Bram.

Tajaajilli Balallii 'Balloon' kuni garuu hanga ammaatti kan adeemsisan irraa deddeebiin naannawa Gujee fi Magaala Hoolotaa gidduu jiru keessatti qofa.

"Lafti kun lafa diriiraadha. Gara Kaaba Itoophiyaa kana yoo fudhatte teessumni lafaa gaarrentu itti baayyata. Balloon ammoo loojikii dhaabbataa ta'e hin qabu. Bubbeen gara barbaadetti si oofa. Too'achuun baayyee rakkisa. Kanaaf naannoon Hoolotaa kun baayyee filatamaadha," jedha.

Bashannana balloon kana gara caalaan lammiilee Itoophiyaatu maamila isaaniiti. Tuuristoonni gara biyyaa dhufanis Balloon kanarra taa'anii bashananuuf nubira nidhufu jedhan Mr. Bram.

Dhaabbatichi amma afuuffeewwan qilleensarra balali'an lama akka qabuu fi humna namoota 10 hanga 12 baachuu akka qabanis dubbatan.

"Namni afuuffee kanaan balali'u hunduu dura ulfaatinasaa safarama. Namoonni ulfaatinasaanii akka beekamu hin barbaanne jiru. Garuu 'balloon' irratti dirqama. Nama qaqal'aa yoo ta'e nama baayyee baata. Nama fufurdaan garuu muraasa," jedha.

Baaloonii

Itoophiyaatti 'Balloon'dhaan balali'uun meeqa nama kaffalchiisa?

Dhaabbati 'balloon' kuni ammatti maamiltoota balali'uu barbaadan kan imalchiisu gidduu Gujee fi Hoolotaatti. Gidduu kanatti fageenyi 'balloon' kanaan imalamu yoo baay'ate kiiloomeetira 20 kan ta'udha.

Afuuffee guddaa samiirra balali'u kanaan samiirraa dachii naannawa Hoolotaa kana gadi ilaaluuf namni tokko imala tokkotti Doolaara 165 yookan birri Itoophiyaatti 8,400 ta'u kanfala.

Balalliin kuni kan bashannanaa waan ta'eef jecha gatiin kanfalamu geejjiba kaan caalaa qaaliidha.

Fageenyi 'balloon' kun balali'u haala qilleensaa yeroo sana jirurratti kan hundaa'u ta'ulleen imalaan tokko giddu galeessaan 'balloon' kanaan daqiiqawwan 45 qilleensarra tura.

Baaloonii

Yeroo jalqabaaf Itoophiyaa keessa afuuffee kanaan balali'an akkam ture?

Bram dhaabbata balallii 'Balloon kana Itoophiyaa keessatti hundeessuun alattis paayileetii afuuffee guddaa kanaati.

Lammii Daachi kan ta'e Bram, waggoota 27 'Balloon' balaliisuudhaan muuxxannoo akka qabu BBC'tti himeera.

Yeroo jalqabaaf 'balloon'dhaan naannawa magaala Finfineetti balali'an miira uummataa yeros isaan mudate akkasiin hima.

"Jalqaba kan Itoophiyaa keessatti balaliine bara 2012 ture. Finfinnee irraa kaanee olka'iinsa hanga meetira 500 tin balaliinee naannawa Hoolotaa kana qubanne. Uummatni kumaan lakkaa'amu dhufee numarse."

"Namni kaan miira rifaatauutiin nulaala.namni hundi raajeffatee nulaala. Ijoolleenfaa miirri fuula isaaniirra ture hanga ammaa nan yaadadha. Namootni naannoo kanaa namoota garraamiidha. Yeroon suni baayyee bareeda ture" jechuun yaadata.

'Balloon' dhaan yeroo balali'amu balaa cimaa uumuu kan danda'u afuuffeen kuni sarara elektiriikiitti yoo diramedha. Yeroo balaliisan isarratti baayyee akka ofeeggatan hima Bram.

Waggoota 10 naannawa Finfinneetti balaliisaa ture kanatti balaan akka isaan mudaate hin beeknelleen dubbata.

Ammatti afuuffeewwan Balloon kana lama qofa akka qabaniifi fuladuratti balallii 'balloon' kana Babal'isuuf hojjechaa jiraachuus hima.

Sanbata darbe karaa Koomishinii Tuurizimii Oromiyaatiin Balalliin 'Balloon' kun naannawa Magaala Hoolotaatti adeemsifamee ture. Namootni Balallii kanarratti hirmaatan hedduunis 'Balloon'dhaan balali'uun isaaniif kan jalqabaa akka ta'ee fi hedduu akka itti bashananan BBC'tti dubbatan.