Baankoti Itoophiyaa maaliif gamoowwan dhedheeroo ijaaru, hangam bu’a-qabeessa?

Magaalaa Finfinnee, gamoowwan baankii

Madda suuraa, adugenet.com

Gamoowwan dhedheeroo ammayyaa Finfinnee keessatti mul’atan keessaa hedduun isaanii kan baankiiwwaniin ijaaranidha.

Kanaanis, karaan Addabaabaayii Meeksikoo hanga Tiyaatira Biyyaalessaa jiru, kan Koomeers jedhamuun beekamu, akkasumas naannoo Isteediyeemiitti gamoowwan dhedheeroo baankiiwwan biyyattii ijaarsisaniin miidhaganii jiru.

Kallattii magaalattii afuriin gamoowwan ol bahanii mul’atan keessaa gamoo Baankii Daldalaa Itoophiyaa isa haaraa, gamoo Awaash waggoota muraasa lakkoofsiseefi gamoo waajira mummee Wogaagan eeruun ni danda’ama.

Gamoowwan baankii Daashan, Zamaniifi Nib warreen bahanii mul’atan keessaati.

Baankiiwwan kunneen gamoo gurguddaa ijaaruun isaan baasaa? Afaan qor-diinagdeetiin qabeenyi kuni dhaabbataamoo kan socho’udha?

Hogganaan waldaa daldalaa 'Associates' Barnaar Loowuranduu baankonni gamoowwan ijaaran sirnaan itti fayyadamaa hin jiran jechuun fuula Tiwiitarii isaanii irratti barreessu.

Biiznasoota haaraa dagaagaa jiraniifi adeemsi baankiiwwan waan wal-simu mitii jedhu.

Ogeessi kun baankiiwwan yeroo gamoowwan ijaaran eessattin ijaaraa, akkamiinan ammayyeessa, biiznasiiwwan haaraa waliinis akkamiin hojjechuu danda’a kan jedhu tilmaama keessa galchuu qabu jedhu.

Gorsa ogummaa diinagdeedhaan muuxannoo waggaa dheeraa kan qaban Abduulmannaan Mahaammad gama isaanitiin baankiiwwan biiznasii garaagaraa irratti kan hin hirmanneef daangeeffama Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa kaa’etu jira jechuun BBCtti himaniiru.

‘’Fakkeenyaaf Riil Isteetii(ijaarsa manneetii ) irratti hirmaachuuf bu’aa isaaniirraa harka 10 malee isaa ol fayyadamuu hin danda’an. Garuu ofii isaanii fayyadamuuf gamoo ijaaruu danda’u. Kana Baankiin Biyyaalessaa ni eeyyama,’’jedhan.

Baankiiwwan gamoo ijaaruun maaliif barbaachise

‘’Sababii baankiiwwan gamoo akkanaa ijaaraniif kallattii lamaan ilaaluu dandeenya,’’ jedhu Abdulmannaan.

‘’Tokkoffaan yeroo ammaa jireenyi waan qaala’aa jiruuf qarshiin warreen abbaa aksiyoonaa akka hin nyaatamneef eeguufi jechuu dandeenya. Kunis qabeenya dhaabbataarraa waan oolaa jiruufi. Lammata immoo deeggarsa Baankii Biyyaalessaa kan qabu fakkaata,’’

Abdulmannaan, baankonni gamoo kan ijaaran qabeenya qabanirraa harka hangam tahu fayyadamu jennee yoo ilaalle harka lama hin caalu jedhu.

‘’Lakkoofsa dimshaashaa indastirii kanaa yoo ilaalle baankiiwwan kaappitaala isaanii waliigalaa irraa tokko arfaffaa qofa dha kan isaan ijaarsaaf baasaa jiran. Gama kanaan yoo ilaalle maallaqa guddaa jedhamu miti.’’

Ogeessi kuni baankonni waajjirri mummee isaan barbaachisa, kanaachi gara kireeffachuutti deemuufi kanaaf qabeenya dhaabbataa qabaachuun barbaachisaa dha jechuun yaada isaanii jabeeffatu.

Barnaar baankiiwwan gamoo ijaaranii hojjettoota itti galchuu mannaa maamiloota isaaniif kiraa kennuun akka riil isteetiitti otoo ilaalan wayya jedhu.

Abdulmannaan immoo inumaayyuu baankonnii tokko tokko guutummaan guutuutti itti fayyadamaa jiru jedhu.

‘’Hamman ani beekutti baankiin Awaash kan kana dura ijaare isa gahuu ijaa hin dandeenyeef gara biraa ijaaruuf yaadaa jira.

Daashinis akkasuma babal’isuu yaadaa jira. Haa tahu malee hamma humna baankichaan adda adda. Baankiiwwan tokko tokko dippaartimantii fi hojjetaa baayyee waan qabaniif isaan gahuu dhiisuu mala. Baankiiwwan hojjetaa muraasa qaban garuu sirnaan itti fayyadamuu dhiisuu malu.’’

‘’Gara fuulduraattiis baankiiwwan kunneen guddachuun isaanii hin hafu. Isa yaaduutiinis tahuu mala. Ani gama kootiin baankiiwwan gamoo ijaaruun invastimantii sirrii hin taane dha jedhee hin amanu.’’

Biiznasiiwwan haaraaf kireessuu

Barnaar xiyyeeffannoon isaanii inni guddaan biiznasiiwwan reefu guddataa jirani dha.

Abdulmannaan immoo magaalattii keessa gamoowwan kiraaf tahan baayyeen ijaaramaa jiru kan kireeffatu yoo dhibe malee biiznasiiwwaan xixiqqoof kireessuu irratti mormii hin qaban.

‘’Baankiiwwan naannolee keessa jiran kutaa itti hin fayyadamne kireessanii akka galii argatan beekama. Kunis waanuma sirrii dha jedheen amana.’’

Barnaar baankiiwwan waajiraalee gama duubaa, fuulduraafi gidduu jiran dijitaala gochuu qabu jedhu.

Hunda caalaa garuu biiznasiiwwan haaraaf (startup) balbala isaanii banaa gochuu qabu jedhu.

Biiznasiiwwan kunneen waliin hojjechuun otoo ofii isaanii dalaganii hojii milkeessuu hin dandeenye irratti wal-tumsuu danda’u jedhu Barnaar.

Muuxannoo biyyoota biroo

Abdulmannaan biyyootiin guddatan akkaataa gamoo fayyadamuutiin muuxannoo baayyee qabu jechuun dubbatu.

‘’Magaalaa ani jiru Landan keessattillee baankiiwwan giidduugala daldalaa keessatti argamu. Iddoon Liivarpuul Istriit jedhamu jira. Wiirtuu daldalaa gatii taheef gatiin kiraa mi’aawaadha. Kanaaf fayyadama gamoo irratti gahumsa guddaa qabu.’’

Teeknolojii fooyya’aa ijaa fayyadamiifis waajira isaanii biyya biraa gochuu danda’u, iddoo tokko walitti kubbanii hin jiran.

‘’Fakkeenyaaf yeroo ammaa tajaajilli tokko tokko Indiyaa irraati kennama. Inumaayyuu erga manaa hojjechuun jalqabamee gamoo isaanii tajaajila biraaf kiraa kennaa jiru. Baankiiwwan keenyis yeroo booda teeknolojiin yoo fooyya’u iddoo tokko walitti qabamanii hojjechuun irraa hin eegamu taha.’’

Walumaagalatti baankiiwwan gamoo gurguddaa akkanaa ijaaruun miidhaasaarra bu’aasaatu caala jedhu ogeessi kuni.

‘’Haa tahu malee madaalliin dhimma kanaa kana qofaa dha jechaa hin jiru. Kireeffachuu moo ijaaratu irra bu’aa qabeessa kan jedhuufi kaanillee yaaduudhaan murteessuu qabu. Dabalataan dhiibbaan Baankii Biyyaalessaa akka irra jiru dagachuu hin qabnu.’’