Ministirri Muummee Abiy Ahmad Paarkii Inxooxxoo eebbisiisan

Paarkii Inxooxxoo

Madda suuraa, FBC

Sagantaan eebba Paarkii Inxooxxoo iddoo Ministirri Mummee Abiy Ahimad, giifti-duree Zinnaash Taayyaachaw, anga'oonni mootummaa biroo fi keessummootni affeerraan taasifameef argamanitti adeemsifameera.

Paarkin magaala Finfinnee keessatti argamu kun kaka'umsa ministira mummee Abiy Ahimadiin kan ijaarrame yommuu ta'u idddoowwan hawwatoo uummamaa fi namtolchee of keessatti qabateera.

Paarkii Inxooxxoo

Madda suuraa, FBC

Paarkin balbalawwan seensaa afur qabu paarkiin Inxooxxoo daandiwwan lafoo fi 'bicycle' daawwattootni irra imalan addatti kan ijaarrameefidha.

Dhaabbileen tajaajilaa bebbeekkamoon magaala Finfinnee keessatti argaman buufataalee tajaajila isaanii paarkii kana keessatti kan ijaarratan yommuu ta'u, manneen nyaataa /restaurant/, iddoowwan bultii dukkaanaa /tent camp/, giddugala agarsiisa aartii, iddoo yaabbii fardaa fi tajaajilawwan bashannanaa biroo keessatti argamu.

Paarkii Inxooxxoo

Kana malees fincaa'aan namtolchee meetira 45 dheeratu paarkii kana keessatti argama.

Rifoormii diinagdee biyya keessaa maddee fi bara darbe ifoomsame keessatti tuurizimiin dameelee ijoo xiyyeeffannoon itti kenname keessaa tokkodha.

Paarkii Inxooxxoo