Tuurizimii: Sochiin tuurizimii sababa Covid-19n qabbanaa'e yoom fooyya'a laata?

Irreecha

Diinagdee Itoophiyaa fooyyessuu keessatti dhimmoota ijoo ta'an shan keessaa tuurizimiin isa tokko. Waggaa darbe kabaja ayyaana Masqalaa fi Irreechaa hordofee daawwattoonni heddu gara biyyattii imalanii turan.

Banamuu Paarkii Tokkumaa dabalatee eddoowwan hawwata tuurizimii biroo banamaa jiraachuusaaniitii seektarri kun haalaan fooyya'aa jiraachu ogeeyyiin ni ibsu.

Adoolessa 2011 hanga Hagayya bara 2012'tti daawwattoonni wallakaa miiliyoonaa ol ta'an gara Itoophiyaa imaluusaanii maddeen ni himu.

Haa ta'u malee seektarri tuurizimii abdii guddachuu olaanaa qabaachaa ture sababa weerara Covid-19n qabbanaa'aa dhufeera. Namoonni seektara kana keessatti kallattiidhaan hirmaatan muraasni yaadasaanii BBC'tti himaniiru.

Maallaqni harkaa qabu waan dhumeef hojii jijjiirachuuf dirqameera

Dargaggoon Awwal Sulxaan hojii daawwachiisummaa waggoota saddeetiif hojjateera.

Innis jiraataa magaalaa Diinshoo yoo ta'u, daawwachiisaa ta'uun godinaalee Oromiyaa adda addaa akka Baalee, Boorana, Harargee, Paarkii Biyyaalessaa Abjaataa fi Shaallaa, Haroo Laangannoofi isaan kaan daawwachiisuun jiraata.

Bara kana garuu weerarri koronaavaayirasiin namoota akkasaa hojii daawwachiisummaarratti hirmaatanitti miidhaa guddaa geessiseera jedha.

"Sochiileen tuurizimii Covid-19 booda haalan gadi bu'aniiru. Namoonni jireenyasaanii galii tuurizimiirraa argataniin jiraatan jiru; isaan yeroo ammaa kanatti maallaqa asiin dura qusatanitti fayyadamaa jiru.

"Muraasni isaanii maallaqa qusatan xumuranii rakkoof saaxilamaniiru. Fakkeenyaaf, ani maallaqni harkaa qabu waan dhumateef hojii biraa hojjachuu jalqabeera."

Gama biraatiin namoonni hojiilee akka hoteela kireessuu, meeshaalee aadaa hojjatanii gurguran, waldaadhaan gurmaa'uun fardeen kireessan, daawwachiisaniifi isaan kaan yeroo ammaa kanatti hojii malee taa'aa jiru jedha Awwal.

Jeedala Diimtuu

Madda suuraa, AWOL SULTAN

Ibsa waa'ee suuraa, Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee

Erga lammii biyya alaa arginee ji'oonni torba darbaniiru

Lubni Asaffaa Laggasaa Naannoo Amaaraatti jiraataa magaalaa Laalibalaati. Waldaa Fardeen Laalibaa waggoota 30 bulchaa ta'uun akkasumas gaangee kireessuun kan jiraatan.

Waldaansaanii gaangee kireefaman 600 qaba ture. Asiin dura gaangeetti fayyadamuun eddoowwan garaa garaa turistoonni daawwatan geessuun ji'atti hangaa birrii 3,000 irra argataa akka turan himu.

Erga weerarri koronaavaayirasii mudatee as garuu sochiileen kunneen itti fufuu hin dandeenye.

"Magaalaan keenya daawwannaarraa galii guddaa argatti; amma kunoo erga lammii biyya alaa arginee ji'oonni torba darbaniiru," jedhu.

Kana malees ''Yeroo ammaa kanatti galii gaangee kireessinee argannu caalaa nyaata gaangeef baasnutu guddaadha'' jechuun haala keessa jiran himu.

Kanarraa ka'uun miseensonni waldichaa gaangee gurguruun jireenyasaanii jiraataa akka jiran himu Lubni Asaffaa Laggasaa.

Kanaanis baay'inni gaangee waldichaa 600 irraa gara 106'tti gadi bu'eera jedhu. Rakkoon kun itti fufa yoo ta'e miseensonni waldichaa hundi gaangeesaanii ni gurguru ta'e waldichi diigamuu danda'a jechuun sodaasaanii himu.

Erga Weerarri Covid-19 mudate booda galii tokkollee hin qabu

Dargaggooni Gu'uush hojii daawwachiisummaan magaalaa Aksuum keessatti hojjachuun jiraata.

Innis daawwattoota Aksuum irraa Maqalee, Adwaa fi Garaltaa qabatee deemuun daawwachiisa.

Ta'us garuu erga weerarri koronaavaayirasii mudatee as lakkoofsi daawwattoota hir'achuu fi lammiilee biyyoota alaa erga arganii bubbuluusaanii dubbata.

"Kanarraa kan ka'e galii tokkollee hin qabu. Dhiibbaan Covid-19 jireenya keenyarraan gahe salphaa miti," jedha.

Galiin argatan hir'ataa dhufuusaatiin waldaan waahilootasaa waliin hundeessan haalan gad bu'uu fi miseensonni waldichaa abdii kutachuusaaniitiin isaan jiddutti waldhabdeen uumamuusaa ibsa dargaggoon Gu'uush.

Akka biyyaatti doolaara biiliyoona tokkoo ol dhabneerra

Sababa weerara Covid-19 daawwattoota biyyoota alaarraa dhufan qofa osoo hin taane tuurizimiin biyya keessaa miidhameera jedhu Tuurizimi Itoophiyatti daayirektara kan ta'an Obbo Silashii Girmaa.

Weerara koronaavaayirasiirraa kan ka'e Muuziyeemiin biyyaalessaa, Paarkiin Tokkummaa fi isaan kaan cufamanii waan turaniif daawwattoonni sababa barnootaatiifi yookiin bashananaaf daawwatan akka hin turre dubbatu.

Obbo Silashiin ammallee sochiileen banaa ta'uusaa ibsuun saffisaan ni fooyya'a jennee kan yaadnu daawwattoota biyyoota alaarraa dhufan osoo hin taane isaan biyya keessa jiraniidha jechuun abdiisaanii ibsu.

Obbo Silashiin yaaddoon koronaavaayirasii hir'atee sochiin tuurizimii ni fooyya'a jedhanii kan eegan tuurizimii Afriikaati.

Ayyaana Masqalaa

Madda suuraa, EYERUSALEM JIREGNA

Daawwattoota Afriikaaf Paarkii Inxooxoo, Shaggar fi Tokkummaa fi bakkeewwan haaraa isaan asiin dura jiran waliin walitti ida'amee daawwattoota hedduun akka daawwataman abdii qabu.

Erga weerarri koronaavaayirasii mudatee as carraa hojii heddu miidhamaniiru kan jedhan Obbo Silashii Girmaa; carraan hojii akka hoteelaa, manneen nyaataa fi shubbisa aadaa, tajaajiloota daawwachiisummaa, geejjibaa, uffannaa fi kaan miidhamuusaanii BBC'tti himaniiru.

Dhiibbaa Covid-19 geessise yoo ibsan miidhaa dhaabbatasaaniirratti gahe ibsuun jalqabu.

Tuurizimii Itoophiyaa, Itoophiyaa jiddu gala tuurizimii gochuuf karoora qabatee ture koonfiransii Jarman, Firaankifartitti taasisuuf ture haquusaa himaniiru.

Dabalataanis dhaabbilee adda addaa waliin agarsiisa diinagdee taasisuuf karoorsan akkasumas leenjiiwwan naannoleetti kenninuuf yaadasaanii adda kutuu dubbatu.

Weerarri Covid-19 akka biyyaatti galii biyyattiin gama seektara tuurizimiin argachuu dandeettu doolaara biiliyoona biiliyoona akka dhabdu taasiseera jedhu Obbo Silashii Girmaa.

Itoophiyaan biyyoota addunyaa biroo waliin yoo wal bira qabamtee ilaalamtu jiddu gala tuurizimii kan taateef sababni tokko hambaalee aadaa, seenaa fi qabeenya uumamaa, inni lammaffaan gatiin tajaajilli itti kennamu rakasa ta'uusaa fi inni sadaffaan ammoo haalli nageenyaa fooyyee qabaachuusaatiin akka ta'e dubbatu Obbo Silashiin.

Nageenyii fi tuurizmiin fuula lama saantima tokkooti kan jedhan Obbo Silashiin, kana tiksanii eeguun namoota bashannanaaf, boqonnaaf akkasumas maatiisaanii gaafachuuf dhufanii bakkeewwan tuurizimii adda addaa Finfinnee fi kutaalee biyyattii biroo daawwatan jajjabeessuun murteessaa akka ta'e himaniiru.