'Bakka Aadaa ummattootaa hin jirreetti aadaan Itoophiyaa hinjiraatu'

Ministirri Aadaafi Tuurizimii Itoophiyaa Dr. Hirut Kaasaa, Aadaan sabaafi sablammootaa yoo hin jiraanne, wanti aadaa Itoophiyaa jedhamu akka hin jirre dubbataniiru.
Dr Hiruut haasaa fooramii Irreecha irratti hubannoo cimsuuf harra Finfinneetti gaggeefamerratti taasisaniin ture kana kan dubbatan.
Dr. Hirut Kaasaa itti dabaluuniis ayyaanni waaqaaf ulfinni itti galuufi ayyaanni nagaa Irreechi haalaan kunuunfamee dhaloota dhufuuf darbuu qabas jedhan.
Beektotni hawaasaas qoranoowwan saayinsaawaa taasisuunfi dhaabbileen barnootaas sirna barnootaa isaanii keessa galchuun duudhaalee akkanaa tursiisuu dada'uu akka qaban himan.
Walitti dhufeenya uummattootaafi tuurizimii biyya keessaa cimsuuf ayyaannonni aadaa gumaacha olaanaa akka qaban kan himan Dr Hiruut, abbootii Gadaafi haadholiin Siinqee ayyaana Irreechaa hanga har'aa tursiisaniif galata akka qaban dubbatan.

Ayyaana kana dhalootatti dabarsuuf hojjetamu keessatti waajjirri ministeeraa isaanii gahee irraa eeggamu akka bahatus himaniiru. Hawwii ayyaanni Irreechaa nagahaan akka kabajamuuf qabanis dhaamaniiru.
Ayyaanni Ireeechaa ayyaana injifannoo uummata Oromoo ta'uu kan himan prezidaantii itti aanaan MN Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa "ayyaana Irreechaa iddoo jalqaba itti kufneefi waa hunda itti dhabnetti kabajuun keenya injifannoo guddaadha" jedhan.
Kana malees kabajamuun Ireeecha Hora Finfinnee biyyattii keesaatti walqixxummaan sadarakaa duubatti deebi'uu hin dandeenyeerra gahuusaa kan agarsiisuu ta'uu himan.
Keessummootni biyyaalee akka Keeniyaa, Somaaliyaafi Jibuuttii irraa dhufan ayyaanicharratti akka hirmaatan kan himan Obbo Shimallis "sabaafi sablamiilee Itoophiyaa qofa osoo hin taane ayyaanichi biyyaalee biroon qoodamee kan kabajamu akka ta'u shakkii tokkolee hin qabu" jedhan. Dabalataan "hayyoota idil addunyaa hirmaachisuuniifi ayyaana Irreechaa irratti qorannoo taasisuun beekumsa rakkoolee siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa keenya furuu danda'u akka argamuf xiyyeeffannee hojjechuu qabna" jechuun himan. Duudhaaleen ayyaana Irreechaas waggaa guutuu qoratamaa hawaasa bira akka gahanif hojjetamuu akka qabu Obbo Shimallis dhaamaniiru.
Hogganaan Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Girmaa Haayiluu, gama isaanitiin "fooramiin kun hubannoo ayyaana Irreechaa irraa jiru cimsuufi qorannoowwan ayyaanicharratti adeemsifamanif bu'uura kaa'ufi" jedhan.
Kana malees kabajamuun Irreecha Hora Finfinnee duudhaa fi seenaa ayyaanichaa kan deebisuudha kan jedhan Obbo Girmaan, sirna dimokiraasii biyyattii keessatti kan mirkaneessuu fi sochii hawaas diinagdee magaalotaa kan cimsu ta'uu dubbataniiru.
"Ayyaanni Irreechaa qabeenya walin qabnudha" kan jedhan Obbo Girmaan kabajamuun Irreecha Hora Finfinnee duudhaa fi seenaa ayyaanichaa kan deebisuu, sirna dimokiraasii biyyattii keessatti kan mirkaneessuu fi sochii hawaas diinagdee magaalotaa kan cimsu ta'uu dubbatan.
Keessummootni biyyaalee akka Keeniyaa, Somaaliyaa fi Jibuuttii irraa dhufan ayyaanicharratti akka hirmaatan kan himan Obbo Shimallis "sabaaf sablamiilee Itoophiyaa qofa osoo hin taane ayyaanichi biyyaalee biroon qoodamee kan kabajamu akka ta'u shakkii tokkolee hin qabu" jedhan.
Qorannoolee dhiyaatan
Fooramii Irreechaa kanarratti waraqaaleen qo'annoo dhiyaachaa jiru.
Walitti dhufeenya Irreecha fi Gadaa ilaalchisuun waraqaa qo'annoo kan dhiyeesaan ogeessi BATO Obbo Sintaayyoo Tolaa suuraa iddoo Hora Finfinnee bara 1879 kaafame agarsiisuun eegalan.
Sirna Gadaa ibsuun baay'ee ulfaataa ta'uu himan. Uummata Oromoof halli siyaasaa, diinagdee, ilaacha addunyaaf qabu dabalatee wanti hundi sirna Gadaa bu'uura kan godhate ta'uu himan.
Dhaabbilee gurguddoo sirni Gadaa qabu keessaa Irreechi tokko akka ta'es Obbo Sintaayyoon himaniiru.
Irreechi jecha 'irree' jedhu irraa kan madde ta'uu fi irreenis jabina, cimina fi aangoo kan agarsiisu ta'uu dubbatan.
Irreechi ayyaana cee'umsaati kan jedhan Obbo Sintaayyoon "Irreecha jechuun gara araaraa, jaalalaa fi dhiifamaatti ce'aa jechuudha" jedhan.
Ayyaana Irreechaan walqabatees margi lalisaan mallattoo badhaadhinaa, eebbaa, carraa gaarii kan agarsiisu ta'uus himan. Abaaboon ililliis mallattoo abdii haaraa ta'uu dubbatan.












