Cuukkoo km 4 : Irreecha hora Finfinneef cuuqqoon hojjetamaa ture xumurame

Cuukkoon Irreechaa kiiloomeetiira afur dheeratu qophaa'ee xumuramuu, dhaabbanni dhangaa kana qopheessee Kaaffee Internaashinaalii Odaarraa BBCn odeeffateera.
Abbaan qabeenyaa dhaabbatichaa Obbo Dimbuu Abdallaa, BBC'tti akka himanitti duudhaan ganamaa Finfenneetti deebi'uusaatiin wal qabatee animmoo kan gahee koo gumaachu jecha cuukoo dheeraa kana qopheesse jedhaniiru.
"Sabni bal'aan kun nyaata aadaa maal qaba?, Maaliin beekama? gaaffii jedhuun yaade jalqabe. Nyaata aadaa gurguddaa shan erga adda baafadheen booda, cuukkoo filadhe" jedhan.
Qabsaa'onni duriillee wayita bosona turan Micciirraa (Cuukkoo) kana nyaachaa waan turaniif, nyaata kallattii hunda Oromiyaatittis beekamu wana ta'eef isarratti akka fuullefatan himu.
Nyaata Cuukoo kanas galtee isaa hunda baadiyyaarraa akka fidanis ni himu. "Dhadhaa qulqulluu, garbuu xaa'oo malee faca'eetti fayyadameen nyaata kana hojjedhe" jedhan.
Cuukkoo kiiloomeetira afur dheeratu kana hojjechuufis garbuu kuntaala 49 fi dhadhaa kiloogiraama 3,538 fayyadamuus himan.

Haala itti hojjatamees wayita ibsan, nyaata baayyee dheeraa ta'e kana qopheessuurrattis namoonni 18 akka hirmaataniifi guyyoota 29 akka itti fudhates jedhaniiru.
"Namoonni 18 kun ganama jalqabanii hanga halkan keessaa saatii ja'aatti hojjechaa turan. Hojjettoonni sun hirriibuma qofaaf bahaa turan" jedhu.
Dheerina nyaatichaa meetira tokko tokkotti kukkutamee kan hojjetame yoo ta'u, qulqullina irrattis biiroon eegumsa fayyaa Oromiyaa ogeessota ramadee hordofaa turuu eeran.
Nyaatichi pilaastikaan kan saamsame yoo ta'u, bal'ina hanga seentimeetira torba ta'u qaba.
Nyaata aadaa dheeraa kun galmee dinqisiisoo addunyaarratti akka beekamuufis Ministeera Saayinsii fi Inooveeshinii akkasumas biiroo aadaafi Turizimii Oromiyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachus ni himu Obbo Dimbuun.

Akkaataa qoodinsa guyyaa Irreechaa Irrattis koree hundeessanii akka jiranii fi yoo qaamni mootummaa nurraa fudhachuu baate gatii madaalaawaadhaan warra Irreessaaf dhufeef akka gurguramus himan.















