Haleellaa dhukaasaa Niw Yoork duuba namni jiraachuu malu adda baafame

Buufata geejjiba baaburaa Niw Yoork keessatti dhuukaasi banamuun namoota 20 ol irratti miidhaan qaqqabuun wal qabatee poolisiin magaalattii nama barbaada jiran ibsaniiru.

Konkolaataa haleellaa kanaa waliin wal qabate namicha kireeffate Firaank R Jeems, ganna 62, haleellaa kanaan wal qabatee poolisiin akka isa barbaadaa jiru ibseera.

Konkolaataa Filedaalfiyaatti kireeffatame kun bakka dhukaasi kun itti uumametti argameera.

“Baabura kana waliin hariiroo qaba yoo ta’e adda baasuuf qorachaa jirra,” jechuun Hogganaan poolisii Niw Yoork Jeems Eessig himaniiru.

Dhabbati Poolisii Niw Yoork (NYPD) “Bakka namichi kun jiru irratti namni odeeffannoo qabu” bilbilaan akka eeru gaafateera.

Obbo Jeems haleellaa kanaan shakkamaadha hin jedhamne. Barbaadamaa kan jiru poolisiin Obbo Jeemsi waa’ee haleellaa kanaa irratti odeeffannoo qaba jedhee waan amanuufi.

Gaazexaan The New York Times akka gabaasetti, Obbo Jeemsi waggootii dhiyoo keessatti miidiyaa hawaassummaa isaa irratti ilaalcha hamaa qabu maxxansaa tureera. Dhiyeenya ammoo bulchaa magaalaa Niw Yoork Eerik Adams qeequun yaada isaa maxxanseera.

Kibxata irratti poolisiin ibsa kenneen, haleellaa kanaan namichi tokko buufata Brooklyn's 36th Street keessatti boombii hurkaa erga gadhiiee booda dhukaasa akka bane ibseera.

“Namni kun shugguxii isaa yoo xiqqaate si’a 33 dhukaasuun namoota 10 miidheera,” jechuun hogganaan poolisii Eessig himaniiru. Dhiroota torbaa fi dubartoota sadiitu rasaasaan rukutame

Namootni 13 biroon ammoo “aara gadhisame harganuun, kukkufuun ykn naasuun miidhamani,” jedhaniiru.

Miidhamtoonni hundi lubbuun akka oolan eegama.

“Sana booda namni kun bakkicha baqatee waan badeef, qorattoonni poolisii bakka inni jiru adda baasuuf hojechaa jiru,” jedhan.

Odeeffannoo shakkamaan kun akka to’annoo jala olfamuuf gargaaru nama kennuuf badhaasi maallaqaa doolaara 50,000 akka kennamu beeksifameera.

Shakkamaan kun sababa maaliif haleellaa kana akka gaggeesse ammatti ifa miti.

Komishinarri poolisii Niw Yoork Kiichant Siweel, Kibxata irratti haleellaan kun jalqaba akka gocha shororkeessummaatti akka hin ilaalamne himaniiru.

“Yeroo balballi buufatichaa banamu hokkora ture. Aara, dhiigaa fi namoota iyyaniin guutera, “ jechuun namni haala ture ijaan arge Saam Kaarkamoo AP’tti himeera.

Sababa kaameeraan eegumsaa buufaticha sirritti hojechaa hin turreef, qorannoon poolisii jalqabaa gufachuu mala.

Haleellaa kana irratti Pirezdaant Joo Baayden, “hojjetota lubbuu baraaruu hojiitti figanii fi lammilee nagaa imaltoota waliin turan gargaaruuf dubatti hin jenne” galateeffataniiru.

Waggootii laman darbe keessatti yakkootni meeshaa waraanaan gaggeesaman magaalota US keessatti dabalaa dhufaniiru.

“Maraachi magaalota keenta to’atee jiru dhaabbachu qaba,” jechuun bulchaan Niiw Yoork Kaatii Hochuul haleellaa kana booda dubbataniiru. “Lamuu hin ta’u jenna. Dhukaasa jumlaa lamuu hin jiraatan. Jireenya namootaa jeequun lamuu hin jiraatiin.”