US nama haleellaa buufata xiyyaaraa Kaabul irratti odeeffannoo kenneef $ mil. 10 badhaasuufi

Ji'oota dura wayita US humnoota ishee Afgaanistaanii baastu haleellaa buufata xiyyaaraa irratti raawwatame duuba namoota jiran irratti nama odeeffannoo kenneef badhaasa $10m akka badhaastu beeksifte.

Haleellaa shorokeessummaa Hagayya bara darbee kanaan loltoota US 13 fi kan Biriteen sadii dabalatee namootni 185 lubbuu dhabaniiru.

Pireezidant Joo Baayidan warreen haleellaa sana raawwatan kan adamsan ta'uu ''US tasa dhiifama hin gootu'' jechuun dubbataniiru.

Waajirri Haajaa Alaa hoogganaan shororkeessitootaa Sanaa'ullaa Gafaarii gaafatamaadha jedha.

US sagantaa haqaa ishee jalatti shororkeessitoota Afgaanistaan keessatti socho'an ilaalchisee keessumaa Sanaa'ullaa Gafaarii ilaalchisee qaama odeeffannoo kennuuf badhaasa qopheessiteetti.

Namni kun hoogganaa garee shororkeessaa IS-K jedhamuuti jedhamee amanama.

US turtii waggoota 20 booda Hagayya darbe loltoota ishee muddamaan Afgaanistaan keessaa yeroo baaftu, Taalibaan battalumaan Kaabuuliin to'atee bulchuu eegale.

Waraanni US jalqaba gara Afgaanistaan kan duule bara 2001 haleellaa shororkeessummaa Fulbaana tokko US'tti raawwate hordofee, Taalibaan al-Qaayidaa kan haleellicha raawwateef dahoo ta'eera jette aangoorraa buusuuf ture.

Hagayya darbe US fi michootni ishee sardama guddoon biyyattii gadhiisanii wayita bahaa turan buufata xiyyaaraa Hamiid Kaarzaayitti boombiin dhukaafame.

Hafaarii kan maqaa biraa Shahaab al Muhaajir jedhuunis beekamu bara 2020'tti hoogganaa garee IS-K akka muudameefi haleellaa kana duuba akka jiru dubbatamaa jira.

Waajira nageenya Dippiloomasii US keessatti barreessaa itti aanaa kan ta'an Jeentirii Ismiiz badhaasa kennamu kana yeroo beeksisan, caasaa IS kan addunyaa gooluuf kaayyoo qabuu diiguudhaaf ni gargaaraa jedhan.

''Akkuma pireezidantichi waayee shororkeessitoota kanaa torbee darbe dubbate, isin hordofnee isin qabanna'' jedhan.

Gareen IS-K jedhamu kun qaama IS ta'ee qubeen ''K'' naannoo amma Afgaanistaaniifi Paakistaani 'Khorasan' jedhamu bakka bu'a.