Waraana Yukireen: Haadha abdii kutannaan dugda mucaasheerratti odeeffannoo daa'imaa barreessite

Madda suuraa, Sasha Makoviy
Haati kun osoo Yukireen keessaa baqachaa jirtuu dugda daa'imashee waggaa lamaa irratti odeeffannoo waa'ee daa'imattii ibsu barreessite, battala sana abdii kutannaadhaan akka kana goote BBCtti himteetti.
Saashaa Maakoviy maqaa daa'ima Viraa, umrii ishee fi lakkoofsota bilbilaa muraasa kan barreessiteef tarii osoo Kiiv keessaa baqatanii yoo maatiinshee faffaca'an yookiin ammoo ajjeefaman ni gargaara jetteeti.
"Tarii yoo nu ajjeesanillee daa'imni keenya akka carraa yoo argamte eenyu akka taate akka hubatamtuufi,'' jette Aadde Maakoviy.
Maatiin kun yeroo ammaa Firaansi ga'anii haaluma dansaa keessa jiru.
Aadde Maakoviy erga Firaansi seentee booda barreeffama dugda daa'imasheerratti barreessite suuraa kaasuun Instagram irratti maxxansite, suuraan kun akkaan qoodame.
"Guyyaa jalqaba waraanni kun eegale irraa jalqabnee baqachuuf yaalaa turre. Imalli baqaa kunis hagam akka naga qabeessa ta'u hin mirkaneeffanne turre,'' jechuun BBC Radio 4 Sagantaa World Tonight irratti dubbatte.
Osoo boombiin dhuka'uu fi sagalee dhukaasaa gurguddaa dhagahanii meeshaa isaanii walitti qabachuun baqaaf qophaa'uu himte.
''Balbala mana keenyaatti haleelamuu dandeenya, homaa wanti beeknu hinjirru. Rookeetiin Raashiyaa eessatti akka nurra bu'u hin beeknu, '' jette.
"Viraan yoo badde yookiin ammo yoo nuti irraa duune namoonni ishee baruuf ni rakkatu jedhee baayyeen dhiphataa ture. Kanarraa ka'uunin kana godhe,'' jette Aadde Maakoviy.

Madda suuraa, Sasha Makoviy
Akka tasaa Viraan lubbuun haftee maatiinshee biraan yoo dhuman, guyyaa tokko tarii nuti maatiinshee eenyu akka turre miidiyaa hawaasummaa keenyarraa ilaaltee baruu dandeessi, ofiis salphaatti baramuu dandeessi jetti.
Imala yeroo dheeraa karaa Moldovaa, Romaaniyaa fi Beeljiyam taasisteen dhumarratti nagaan Firaansi seenuu kan himte Aadde Maakoviy garuu sammuunshee akkaan hubamuu himte.
Waraanichi rifaasisaadha kan jettu haati mucaa, callistee ala deemuunuu sodaa guddaadha, yeroo rookeetiin sirra qubatu hin beektu jechuun haala ture ibsite.













