Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee facaatii dhibee tiruu Itoophiyaa keessaafi maloota ittisaa beekuu qabdan
Qorannoon bara 2017 adeemsifame Itoophiyaatti faca'iinsi dhibee tiruu gosa B (Hepatitis B) dhibbeentaa 9.4 akka ta'e agarsiisa.
Dhibeen kun yoo hin wal'aanamin kaansarii fiduun du'aaf kan nama saaxilu ta'ullee hubannoon hawaasni waa'ee dhibichaa qabu gadi aanaa ta'uusaa ogeeyyiin fayyaa himu.
"Haala amma jirun hubannoon hawaasaa sirriitti irratti hin hojjetamne. Kanaaf hawaasni hubannoo akka qabaatu gochuurratti baay'inaan hojjechuutu eegama" jedhu Ministeera Fayyaatti Qindeessituun Sagantaa HIV fi 'Viral Hepatitis' Aadde Mirtee Getaachoo.
Maalummaafii gosoota dhibee Tiruu…
"Tiruun wantoota ijaan hin mul'anne kan akka vayirasiin, alkoolii baay'isanii dhuguun, qorichawwan tokko tokkoon akkasumas kemikaalota summaa'oo ta'anin miidhamuu danda'a" jedhu aadde Mirteen.
Dhibichi mallattoo osoo hin agarsiisiin qaama keessa turuu akka danda'us himu.
"Sadarkaa dhibeettii yeroo gahu kan mallattoo agarsiisuu danda'u. Kanaaf qoratamuun gaariidha" jedhan.
Dhibeen Tiruu gosoota garagaraa kan qabu yemmuu ta'u hammeenyi fi faca'iinsi isaaniis adda addadha.
Gosootni dhibee Tiruu 'Hepatitis A, B, C, D, E, F, G' jedhamuun kan qoodaman ta'uu aadde Mirteen himu.
Kunneen keessaammoo 'Hepatitis B fi C' jedhamuun kan beekaman sadarkaa addunyaatti baay'inaan kan faca'anfii karaa garagaraatin daddarbuu kan danda'an ta'uus himu.
"Miidhaa hanga dhuma jireenyaatti turu geesisuu danda'u. Keessattuu vaayirasootni tiruu 'Hepatitis B fi C' jedhaman dafanii yoo hin wal'aanamne kaansarii tiruu fidu" jedhan.
Maloota daddarbuu…
Gosootni dhibee tiruu Itoophiyaa keessatti baay'inaan argaman 'Hepatitis B fi C' kallattii garagaraan namaa namatti darbuu danda'u.
Kunneen keessaa immoo qunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne isa tokkodha.
"Qunnamtii saalaa yeroo jennu qunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne jechuudha. Akkuma HIVn qunnamtii saalaan daddarbu kunneenis qunnamtii saalaan ni daddarbu" jedhan Ministeera Fayyaatti Qindeessituun Sagantaa HIV fi 'Viral Hepatitis' Aadde Mirtee Getaachoo.
Dabalataan meeshaalee qara qaban waloon fayyadamuu, tuttuqqii dhiigaan, arjooma dhiiga hin qoratamneen akkasumas lilmoo namni dhibee tiruu qabu tokko itti fayyadametti fayyadamuun daddarbuu akka danda'an himan.
"Yeroo dahumsaattis haadha irraa gara daa'imaatti sababa tuttuqqii dhiigaan darbuu danda'a" jedhan.
Faca'iinsa dhibee tiruu Itoophiyaa keessatti...
Gosootni dhibee Tiruu 'Hepatitis B fi C' jedhaman kunneen Itoophiyaa keessatti baay'inaan argamanidha.
Qorannoon Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatin bara 2017 adeemsifame akka agarsiisutti faca'iinsi dhibee tiruu gosa B (Hepatitis B) sadarkaa Itoophiyaatti dhibbeentaa 9.4 dha.
Kunis ummata biyyattii keessaa dhibbeentaa 9.4 kan ta'u gosa dhibee tiruu kanaan qabamee akka jiru kan agarsiisu akka ta'e Ministeera Fayyaatti Qindeessituun Sagantaa HIV fi 'Viral Hepatitis' Aadde Mirtee Getaachoo himu.
Naannoleen Affaar, Gambeellaafii Somaalee immoo duraa duubaan naannolee faca'iinsi dhibichaa baay'inaan keessatti argamudha.
Faca'iinsi dhibichaa dhibbeentaa 4.9 kan itti ta'e Hararii fi Dirree Dhawaan alatti faca'insi dhibichaa naannolee hunda keessatti dhibbeentaa shanii olidha.
Gosa dhibee tiruu 'Hepatitis C' jedhamurratti qorannoon yeroo dhiyootti hojjetame akka hin jirre kan himan aadde Mirteen, qorannoo sakatta'iinsaa bara 2016 adeemsifameen faca'iinsi dhibichaa sadarkaa biyyaalessaatti dhibbeentaa 3.1 akka ta'e himan.
Gama saaxilamummaatin immoo dubartootni daldala qunnamtii saalaa irratti bobba'an, ogeeyyiin fayyaa, namootni araadawwan lilmoo of waraanuun fudhatan fi namootni qunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne raawwatan dhibichaaf saaxilamoo ta'uu dubbatan.
Wal'aansa isaa
Qorannoon dhibee tiruu dhaabbilee fayyaa hunda keessatti kan taasifamu yemmuu ta'u wal'aansi isaa garuu dhaabbilee fayyaa bifa giddugalaan qindaa'an keessatti akka kennamu akka ta'e aadde Mirteen dubbatu.
Sadarkaa biyyaattis dhaabbileen fayyaa 90 ta'an wal'aansa dhibee tiruu bifa guutuu ta'een akka laatanif qophaa'aa jiraachuu himan.
"Kunneen tajaajila wal'aansaa kennaa hin jiran jechuu osoo hintaane galtee hunda guutnee wal'aansa guutuu ta'e akka kennanif hojjechaa jirra" jedhan.
Hospitaalootni kunneen akka Xiqur Anbassaa, Phaawulos, Hospitaala Yunivarsiitii Jimmaa fi Hospitaalli Dubtii immoo kunneen yeroo ammaatti tajaajila wal'aansaa dhibee tiruu kennaa jiran keessaadha.
Gama wal'aansaatin immoo "Hepatitis Bf qoricha umrii guutuutu fudhatama. Akkuma HIV jechuudha. Qorichichi haala sirriin yoo fudhatamefii hordoffiin yoo taasifame fayya qabeessa ta'anii jiraachuun ni danda'ama" jedhan.
Gosti dhibee 'Hepatitis C' jedhamu garuu wal'aansi yoo taasifame irraa fayyuun akka danda'amu himan.
Gama biraatiin talaalliin dhibee tiruu gosa B (Hepatitis B) daa'imman umrinsaanii waggaa tokkoo gadi jiranif kan kennamu ta'uu himaniiru.
Kana malees ogeeyyiin fayyaa dhibichaaf saaxilamoo ta'uu isaaniitin ogeeyyii fayyaaf talaalliin dhibee 'Hepatitis B' kennamuusaa aadde Mirtee Getaachoo BBCti himaniiru.
Maloota ittisaa…
Faca'iinsi fi miidhaan dhibee tiruu olaanaa ta'ullee dhibichi xiyyeeffannoo gahaa akka hin arganne kan himan aadde Mirteen, hawaasni tarkaanfilee of eeggannoo garagaraa hojiirra oolchuun dhibicha ofirraa ittisuu akka qabu himan.
"Malootni ittisaa dhibichaa salphaadha. Maloota HIV ofirraa ittisuuf barredha 'Hepatitis' ofirraa ittisuu kan nu dandeessisan" jedhan.
Kanaafis qunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne gochuu dhiisuu fi wantoota qara qaban waliin fayyadamuu dhiisun dhibicha ofirraa ittisuun akka danda'amus dubbatan.
"Kondomiin maloota ittisaa keessaa isa tokko. Kanaafuu kondomii haala sirriin fayyadamuun 'Hepatitis' ofirraa ittisuu dandeenya" jedhan.
Kana malees dursanii qoratamuu akka barbaachisu keessattuu haadholiin ulfa dura ykn yeroo ulfaatti qoratamuu akka qabanis himaniiru.
Sababa dhibee fi balaa adda addaarra kan ka'e dhiiga fudhachuun yoo namarra jiraate, utuu hin fudhatiin dura qulqullummaasaa mirkaneeffachuun akka barbaachisus ogeeyyiin fayyaa gorsu.
Lilmoo, qarabaa, rigaa kkf dhiiga waliin tuttuqaa qabaachuu danda'an hundaa tajajila nama tokkoof qofa akka oolu gochu ykn waloon fayyadamuurra ofeegachuunis maloota dhibee tiruu ittin ofirraa ittisuun danda'amu keessatti argamu.