Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaa: Hattoonni zayita hamaa tiraanisfoormarii keessaa hatuun nyaataaf gurguraa jiru
Dhaabbati dhiyeessii anniisaa elektirikii Keeniyaa, hattoonni tiraanisfoormariiwwan hedduu keessaa dhangala'aa hatuun akka zayita nyaataatti gurguraa jiraachuu hime, sababa kanaan doolaara miiliyoona hedduu kasaaruus ibse.
Jaarmiyaan 'Kenya Power' jedhamu hattoonni kunneen dhangala'aa tiraanisfoormarii keessaa erga qicatanii booda restoorantiiwwan fi namoota daandiirratti nyaata bilcheessanitti gurguraa jiru jedhe.
Hannii fi saamichi dhiyeenya kana akkaan dabale kun gatiin zayita nyaataa dabaluudhaan walhidhata.
Gatiin zayita nyaataa akkaan dabaluun namoonni hojii biizinasii nyaata qopheessuu keessa jiran mala biraa kan hin baratamne akka dhawatan, kanaanis rakkoo mudate akka salphifatan dirqamsiiseera.
Ogeeyyiin fayyaa dhangala'aan tiraanisfoormarii keessaa ba'u kan zayita nyaataa fakkaatu, dhala namaaf kan hin taanee fi fayyaa namaa akkaan kan hubu ta'uu akeekkachiisan.
Hattuun kaan dhangala'aa tiraanisfoormarii keessaa hatuun wayita tajaajila adda kutan, kaan ammoo humnasaanii fayyadamuun tajaajila deebisna jedhanii uummataa fi jaarmiyaalee biizinasii irraa maallaqa guuru.
Kubbaaniyyaan humna ibsaa harka mootummaa jiru, Kenya Power, kun ibsa isaa keessatti hanga ammaatti tiraanisfoormariiwwan 20 ta'an sababa kanaan hojiin ala ta'uu hime.
Bulchiinsa Muranga'atti Qondaalli kubbaaniyyaa kanaa Haarisan Kamaawu, ''hattoonni osoo fiixee tiraanisfoormariirra ba'anii buqqisaa jiranii elektirikiin qabamanii balaaf saaxilaman jiru,'' jedhan.
"Tokko yeroo ammaa hospitaala Waliigalaa Tikaa seenee jira. Lubbuusaatiif baay'ee sodaachisa,'' jedhan qondaalli kun.
Yakka kanaan dhiyeenya kana yoo xiqqaate namoonni 22 qabamaniiru, dhimmi isaaniis mana murtiin ilaalamaa jira.
Dhaabbati humna isaa Keeniyaa yeroo ammaa tiraanisfoormarii bananii hatuun balaa inni qabu hawaasa barsiisuutti jira.
Saamichii fi hanni sarara ibsaa ykn tiraanisfoormarii kun wayita mootummaan Keeniyaa, adda ciccituu ibsaaf fala dhawaa jirutti hammaachuu eegale.
Amajjii keessa ibsaan adda ciccitee lammiilee hedduu mufachiise, sababa hojii hattoota kunneenii akka ta'e bira ga'ameera jedhe mootummaan biyyattii.
Saamtonni kunneen meeshaalee fi dhangala'aa sarara elektirikii fi tiraanisfoormarii kutanii baafachuun ofiis miidhamanii bu'uura misoomaa kanas barbadeessan jechuun mootummaan ibseera.