Lammiin Naayjeriyaa beekamaa interneetaan gowwomsuun doolara miiliyoona 20 ol hate

Instigiraamiirratti hordoftoota isaa miiliyoona 2.5’n biratti maqaa masoo Haashpaappii jedhamuun kan beekamu, Ramoon Abbaas, hattoota beekamoo addunyaa jedhamuun FBI barbaadamaa ture.

Maallaqa karaa seeraan alaan dabarsuu isaa erga amanee US keessatti hidhaan wagga 20 itti murtaa’uu mala.

Odeeffannoo haaraa mana murti fayyadamuun BBC’n, hannaa maallaqaa miiliyoonatti lakkaawamu duuba namni jiru kun eenyu, akkasumas ka’uumsa isaa Naayjeriyaa irraa gara jireenya basha’aa Dubaay akkamiin akka imale ilaaleera.

Ga’eessi ganna 37, kun hojii isaa kan eegale, magaalaa hiyyeettpii Kaaba-Lixa Lagositti argamtu, Oworonshooki, Naayijeeriyaattidha.

Konkolaachisaan naannichaa Seye, akka BBCtti himetti, Ramoon ijjoollee ta’e harmee isaa waliin gabaa Olojojo keessaa hojjachaa akka ture BBCtti himeera. Abbaan isaa ammo taaksii konkolaachisa ture.

Yeroo guddaachaa dhufe Abbaasaa maallaqa isaa agarsiifachuu jaallatta ture jedha Seyeen: “Arjaa ture. Nama naannoo isaa jiru hundaaf biiraa bita ture,” jedha.

Ta’us garuu namni hundi maddi maallaqa isaa maal akka ta’e beeka ture- yakka interneetarraadha; warra “Yahoo” jedhaman ture jedha Eyeen.

“Yahoo Biys” kan jedhaman namoota jalalaan nama gowwomsan yoo ta’an, maqaan kun kan dhufe eemeelii bilisaa jalqabaa Naayijeeriyaa keessa seene irraadha.

“Yaada eenyummaa namaa haatu uummatani. Sana booda eenyummaa haaraan sobaan jaalala eegalu,” jechuun Yunivarsitii Leegoosirraa ogeessi yakka interneetaa Dr Adedejii Oyenuugaa ibsaniiru.

Erga eenyummaa sobaa kanaan hariiroo jalalaa uummatanii booda, gowwomsitoonni kun jalallee isaani interneeta irratti beekan irraa maallaqa fudhatu.

Akkuma jara ''Yahoo Boys'' hedduu Abbaasis daangaa yakka isaa bal’ifate. Yeroo hedduun isaani gara Maaleshiyaa deeman, Abbaasis isaan hordofee deemee naannoo bara 2014tti magaalaa guddittii Kawula Laampuur seene, sana booda bara 2017tti Dubaay seene.

Hakaroota Kooriyaa Kaabaa

Yeroo kanatti wanti inni Inistagiraamii irratti maxxansuu fi yakki isaa sadarkaa biraatti ol guddachuu kan eegalan.

Guraandhala 2019tti, doolara miiliyoona 15 hakarootni Kooriyaa Kaabaa Baankii Valeettaa Maltaa jirurraa hatan, kara seeraan alaan daddabarsuu yaalee ture.

Hoggantuun Dhaabbalee xixxiqaa fi gidduugaleessaa Maltiis, Abigeel Maamoo, hanni kun odolaa bashananaa keessatti “hokkora” uumeera jetti.

“Miseensotni keenya Baankii Valleettaa fayyadamuun daldaltoota mi’a dhiyeessaniif biyya biraa jiraniif maallaqa akka ergan nutti himu,” jetti Abigeel.

“Daldaltoonni biyya biro jiran kun garuu maallaqa kana hin arganne… kun yuuroo kumaatamaan kan lakkaa’amudha.”

Baankichi yuuroo miiliyoona 10 deebisee argachuu akka danda’e hima.

Dhabbatti FBI yeroo Abbaasiin to’annoo jala oolchee bilbiila isaa ilaalu, yakka isa kanaan milkaa’u dhabuu isaan “wayyoo” jedhee ergaa yakkamaa waayila isaa ta’e biraatti erge argateera.

Ergaan barreeffamaa itti aanuu yakka itti aanu isaan karoorfatan agarsiisa” Inni itti aanu torban muraasa keessattidha; yeroo qophaa’u si beeksifna. Nurratti baruun isaani nama gaddisiisa, silaa kaffaltii gaarii ture” jedha.

Gowwomsa Piriimeer Liigii hin milkoofne

Caamsa 2019tti, Abbaas Meeksikoo keessatti herrega baankii akka banuuf hojii argate.

Herregni kun Gartuu Pirimeer Liigii Kubbaa Miillaa irraa paawondii miiliyoona 100, dhaabbata UK irraa ammo Paawondii 200 fudhachuuf ture.

Maqaan gartuu fi dhaabbata kanaa ragaalee mana murti irratti maqaa hin dha’amne.

Hannii gowwomsaa kun kan gaggeefamuuf ture mala Business Email Compromise (BEC) jedhamuun ture.

Wanti kun salphaa ta’us sodaachisaadha, BEC kan hojjatu karaa iimeelii sobaa kan isa sirrii waliin baayyee wal fakkaatu fayyadamuun kaffaltiiwwan hatuunidha. Email (iimeeliin) inni sirrii fi sobaa gar gar kan ta’u lakkoofsa ykn qubee tokkottiinidha.

Gowwomsitoonni kun – nama kaffaltii eeggatu of fakkeessuun- iimeelii kanaan baankii geeddarreera, kanaaf kaffaltii keenya herreega baankii biraatti nuuf ergaa jechuun odeeffannoo haaraa kennu.

Qondaaltonni kaffaltii gaggeesan, kun iyyata nama kaffaltii eeggatuu isa sirriidha jedhanii gowwomuun, kompitara irratti waa takkitti tuquun, maallaqni hedduun ni bada.

Gowwoomsi Pirimeershiippii irratti gaggeefamuuf ture kan hin milkoofne, sababa Baankileen UK kaaffaltii herrega Meeksikoo jirutti hin goonu jechuun waan didaniifi.

Kilabootni Pirimeershiip kamuu yoo kan yakka kanaaf saaxilaman ta’anii fi hin taane hin mirkaneessine.

“Ogeessotni qaaneeffaman”

Eejansii Yakkaa Biyyaleessaa UKtti hogganaan qorannoo gowwomsaa Joon Shilaand, neetwoorkii yakkamtoota biyyaa hedduu irraa hojjatan adamsuun bayyee cimaa ta’uu mala jedhu.

Kun ciimaa ta’uusaa ogeessi seeraa Dubaay jiru Baarnii Almazaar sirritti beeka.

Namoota yakka gowwomsa BEC Hashpaappiif saaxilamneerra jedhan 25 – keessa lammilee UK saddeet- kan UAE jiraataniif abukaatoo ta’ee tajaajila.

“Mirkaneffannaa %100’n yakka kana duuba Haaspaappiin jira jechuu hin dandeenyu” Jedha Almazaar.

“Garuu yoo herregaa baankii poolisiin qorate yemmuu ilaaltu, hundi isaani raga yeroo poolisiin mana Haashpaappi Dubaay jiru sakkata'an waliin kan wal simudha.”

Namni yakka kanaan miidhame – kan eenyummaa isaa ibsuu hin feene- gara paawondii 500,000 akka hatamee fi, UAE gadhiisee ba’uuf akka dirqame hima. Ofii isaayyuu sababa gowwomsaa kanaan birrii liqeeffate deebisuu waan hin dandeenyeef Dubaay keessatti himatni yakkaa irratti banameera.

“Maamiltoonni isaa akka inni gowwomsaan miidhamaa ta’e beeku,” jedha Almazaar.

“Ta’us garuu isaaniis maallaqni isaan barbaachisa, kanaaf amma inni akkamiin akka UAE’tti deebi’u hin beeku. Jireenya isaa guutuu UAE’tti dabarse. Maatiin isaa ammayyu UAE keessa jiru. Yoo deebi’ee battaluma Immigireeshinii ga’etti to’annoo jalan oola jedhee sodaata.”

Almazaar akka jedhutti Haashpaappiin gowwomfamuun isaani waan isaan qaanessuuf hedduun fuulatti ba’anii dubbachuu dhiisu.

Gowwomsa mana barumsaa Qataar

Waxabajjii 2020 keessa Dubaayitti to’annoo jala ooluu isaa dura, yakki Abbaas raawwate inni dhumaa, maqaa dargaggummaa isaatti gowwomsa jalalaaf Yahoo Biy isaa fayyadamuun eenyummaa hatuudha.

Eenyummaa oggeessa baankii Niiw Yoork ofii kennuun, daldalaa Qataari mana barnootaa haara banuuf liqii doolara miiliyoona 15 barbaadu kiyyoo isaa keessa galchate.

Muddee 2019 fi Guraandhala 2020 giduutti Abbaas fi gartuun yakkamtoota isaa Keeniyaa, Naayjeeriyaa fi US keessa jiru jedhaman, daldalaa kana gowwomsuun gara doolara miiliyoona tokkoo ol jalaa hatani.

Ta’uus garuu gartuu yakkamtootaa kana gidduutti waldhabdeen uumamuu eegale.

Miseensi tokko maallaqa argatutti waan hin gammadneef, yakka hojatame hunda ifatti nan baasa jechuun dorsise.

Abbaas miseensa kana callisiisuuf murteesse.

Poolisii Naayjeriyaa beeku tokko, Abba Kyaarii jedhamutti ergaa barreefamaa “reebichaa jireenya isaatti argee hin beekne akka argun barbaada,” jedhu ergeefi.

“Mucaan kun akka hidhaa seenuuf maallaqa baasuun barbaada, yeroo dheeraaf akka hidhamu godhi.”

Kyaariin miseensa kana sobaan to’annoo jala olchee ji’a tokkoof akka mana hidhaa Naayjeriyaa keessa turu gochuun isaa himameera.

Amma Kyariin himmannaa yakka gowwomsaa, eenyummaa hatuu fi maallaqa karaa seeraan alaan daddabarsuun US keessatti barbaadamaa jira. Kana dura Abbaas waliin hariiroo yakkaa homaa hin qabu jechuun haaleera, BBC waliin turtii akka taasisuuf waamicha dhiyaateefis deebii hin kennine.

Ammayyuu hordoftoota horachaa jira

Gowwoomsi BEC addunyaa guututti rakkoo guddaadha. Akka FBI jedhutti, sababa gowwomsa BEC’tiin bara 2020tti doolaarri biiliyoona 1.8 hatameera.

Akka ragaan mana murti agarsiisutti yakka Abbaasiin, walumaagalatti doolaarri miiliyoona 24 ta’u hatameera. Namootni tokko tokko garuu kanaa ol ta’uu danda’a jedhanii amanu.

Inistagiraamii irratti ‘Dureessa Ijaarsa manneenii’ of fakkeessuun maqaa “Billionaire Gucci Master" jedhu to’annoo jala ooluu isaa ji’a saddeet dura maxxanse.

Ebla keessa yakka maallaqa karaa seeraan alaan daddabarsuu raawwachuu isaa amanus, Haashpappiin miidiyaa hawaasummaa irratti hordoftoota dabalachaa jira.

BBC’n Instigaramii qunnamuun maaliif akkaawuntii isaa ammayyuu jira jechuun gaafateera. Inistagiraam akka jedhutti akkaawuntii kana irratti qorrannoo gaggeesseera, ta’us garuu cufuu dhiisuuf murteessine jechuun BBCtti himeera.

Dr Oyenugaa akka jedhutti, dhiibbaa Haashpaappiin qabu kan itti fufeeru akka fakkeenya gaariitti waan ilaalamuufi jedha: “Biyyaa dargaggoonni hedduu itti rakkaachaa jiran keessa jirra. Dargaggeessa biraa akka isaanii ture milkaa’ee guddaa yeroo ta’u argu.”

“Maatilee ijoolleen isaanii akkamiin akka Yahoo Boys ta’an akka barataniif geessan argeera.”

Seyee akka jedhutti namni hundi Haaspaappiin yaakka akka raawwate beeka, garuu wanta hubatamuudha: “Eenyuyyu hiyyeessa ta’uuf hin kadhatu. Kanaaf yemmuu nama dureessa ta’e agartu, waaqayyoon qabeenya akka sanaa akka siif kennuuf kadhatta,” jedha.