Hooggansiifi miseensotni Poolisii Beenishaangul Najjootti hidhattootaan butaman

Hooggansii fi miseensotni Poolisii naannoo Beenishaangul Gumuz naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa aanaa Najjoo keessatti qaamolee hidhataniin butaman hiiksisuuf carraaqaa akka jiru Komishiniin Poolisii naannoo Beenishaanguul Gumuz beeksise.

Bakka bu'aan itti gaafatamaa mana amala sirreessaa godina Kamaashii fi poolisootni naannichaa lama Asoosaarraa gara Kamaashiitti osoo imalaa jiranii aanaa Najjoo bakka gabaa Dabalaa jedhamutti hidhattootaan butamuu Komishinarri Itti-aanaa Komishinii Poolisii naannoo Beenishaangul Gumuz Misgaanaaw Injifataa BBC'tti himan.

''A.L.I gaafa guyyaa 22/7/2014 ture naannoo Oromiyaa Najjoo darbanii gabaa Dabalaa bakka jedhamtutti kan ukkaamfaman.''

Wiixata waaree booda bilbilaan yoo dubbifnuun ''hanga kaleessaatti lubbuun jiraachuu isaanii odeeffannoo qabna. Bilbilan ''lubbuun jirra hin yaadda'iinaa'' kan jedhu odeeffannoo maatii isaaniitti himaniiru'' jedhan Komishinar Misgaanaaw.

Sababni ukkaamfamaniif maal akka ta'e akka adda hin baaneefi hiiksisuuf tattaaffiiwwan adda addaa godhamaa akka jirus komishinarichi himaniiru.

''Isaaniin gadhiisisuuf naannoo Oromiyaa waliin dubbanneerra. Akkasumas walitti bu'insa daangaa naannoo Oromiyaa fi Beenishangul hiikuuf qaamni hundaa'es waan jiruuf karaa isaaniis akka gadhiifamaniif yaalii gochaa jirra. Abbootii amantaa, abbootii gadaa fi jaarsolii biyyaa naannoo Oromiyaa irraa gara sanatti imalanii akka gadhiifamaniif yaalii gochaa jirra.''

Gama naannoo Beenishaanguliinis Kaamaashii irraa jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaa filamuun Kibxata har'aa gara bakka rakkoon kun itti mudate, Najjootti akka imalanis dabalanii himaniiru.

Qaamni namoota kanneen ukkaamse eenyu akka tahe ''baruun rakkisaadha'' kan jedhan Komishinar Misgaanaaw, ''naannicha irra kan bal'inaan socho'an hidhattoota ABO Shaneeti....tilmaamaan hidhattota ABO Shaneeti jennee tilmaamna'' jedhan.

Tilmaama kana mirkaneessuun rakkisaa ta'uu himanii bakka rakkoon kun mudatetti amma dura ajjeechaan adda addaa fi konkolaattota gubuun raawwatamaa akka ture himaniiru. BBC'n waggoota darban ajjeechaan irra deddeebiin aanaa Najjoo keessatti raawwatamuu gabaasaa tureera.

Dhimma kana irratti gama hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ''ABO-Shanee'' jedhee waamurraa wanti jedhame hin jiru.

Godinaalee Wallaaggaa keessatti yeroo addaa addaa WBO lammiilee biyya alaa dabalatee qaamolee adda addaa to'achuu isaa yeroon itti amane tureera.

Mootummaan naannoo Oromiyaafi Raayyaan Ittisa biyyaa garee Paarlaamaan Itoophiyaa shororkeessaa jedhee farraje kana waliin lola jabaatti akka jiru tibba kana gabaasaa jiru.

Guyyoota duras Kibba Oromiyaa Godina Booranaa keessatti humnoota mootummaa fi hidhattoota kana gidduu lolli gaggeefamaa akka ture aanga'aan naannichaa tokko BBC'tti himaniiru.

WBOn waggoota sadii dura ''gaaffiileen saba Oromoo hin deebine'' jechuun gaaffii araaraa mootummaan dhiyeesseen hidhannoo hiikkatee galuu diduun hidhata dhaba ABO waliin qabus adda kutuun qabsoo hidhannoo itti fufe.

Erga sanii sochiin waraana kanaa Kutaalee Oromiyaa akka Gujii, Wallaggaa fi Shawaa keessatti akkaan babal'achaa dhufeera.

Pireezidantiin naannoo Oromoyaa Obbo Shimallis Abdiisaa torbanoota dura yaa'ii Caffee irratti qaamoleen nageenyaa lola hidhattoota waliin godhaa jiran keessatti aarsaa guddaa kaffalaa akka jiran himanii, nageenya uummataa mirkaneessuuf duulli jabaan akka itti fufu mirkaneessaniiru.