Wiil Ismiiz, Kiriis Rook kabaluusaatiin gaddee Akkaadaamii Oskaar keessaa of baase

Taatoo beekamaan US Wiil Ismiiz, erga Dilbata darbe sirna badhaasaa taatoo beekamaa baranaaf kennamu kan Oskaar qopheesserratti nama waltajjiirratti qoosuun beekamu Kiriis Rook aariidhaan kabalee booda, Akkaadaamii Oskaar keessaa of baasuu ibse.

"Badhaasa Akkaadaamii Oskaariin dhiyaate marsaa 94ffaarratti wantin agarsiise rifaasisaa, kan nama dhukkubsuu fi dhiifamni kan hin malleefidha,'' jechuun ibse Wiil Ismiiz.

Akkaadaamichi tarkaanfii Wiil Ismiiz fudhateera, garuu naamuusa sirnichaa cabsuu isaatiif adeemsi seeraa isa gaafachiisu itti fufa jedheera.

Wiil Ismiiz wayita Kiriis Rook rifeensa haadamaa haadha manaa isaatti qoosuu eegalu aariidhaa lafa taa'uu ka'ee dhaqee waltajjiirratti kabale.

Haati manaa Wiil Ismiiz dhibee rifeensa mataa namarraa buqqisu, alooppishiyaa jedhamu qabdi.

Dhibeen akka rifeensi buqqa'u taasisu, alopecia jedhamu kun, dhibee biraan akkaan hubamuurraa yookiin ammoo hir'ina wantoota qaama keenya keessaaf barbaachisanii irraa dhufuu danda'a.

Wiil Ismiiz haadha warraasaa dhibee kana qabdutti wayita qoosamu obsuu dadhabee erga tarkaanfii kana fudhatee yeroo sa'aatii tokko hin guunne keessatti, taatoo collee bara kanaa jedhamuun badhaasa Oskaar argateera.

Badhaasa kanaan kan isa ga'e fiilmii "King Richard" keessatti abbaa taphattootaa teenisii jajjaboo Venus fi Serena jedhamanii ta'ee hojjechuu isaati.

Ifaajee fi hawwii waggaa dheeraa booda gammachuun isa simatte gara gaddaatti jalaa kan geeddarame Wiil Ismiiz, gochasaatti akkaan gadduu fi kanneen inni gaddisiises hedduu ta'uu hubateera.

"Namoonni an gaddisiise hedduudha. Kiriis fi maatii isaa, hiriyoota koo hedduu fi jaalalleewwan isaanii, achitti argamuun yookiin mana taa'anii addunyaa mara irraa kanneen sirnicha hordofaa turan hunda gaddisiiseera,'' jechuun miira gaabbiin ibsa baasera Wiil Ismiiz.

"Fudhatamummaa fi amanamummaa Akkaadaamichaas ganeera. Gammachuu kaadhimamtoota kaaniis jeeqeera. Hojii ittiin as ga'an firiisaatti akkasaan gammachuu fi kabajaan hin dhiyaanne miira isaanii geeddareera. Onneen kiyya akkaan na cabde.''

Taatoo beekamaan kun ''kanaan booda xiyyeeffannoon kanneen milkaa'ina isaaniin badhaasa argatanirra ta'uu qaba,'' jechuun ajandaa ta'uu akka dhaabu himeera.

''Jiijjiramuun yeroo gaafata. Kanaan booda miira aariin namaan loluurra falmii sababarratti hundaa'een dubbii fixachuuf kutadheera,'' jechuun akka of fooyyessuu qabu amane.

Komeediyaaniin umrii ganna 57 Kiriis Rook qophiisaa komeedii mata duree "Ego Death" jedhuuf kutaalee US keessa imalaa jira.

Bakka deemu maratti jaalattootaa fi hordoftoota isaan miira gammachuun simatama.

Kiriis Rook jalqaba wayita taateen kun mudate Wiil Ismiiz irratti himata akka hin banne murteessee ture.

Taatoo beekamtuu kan taate haati warraa Wiil Ismiiz, Jada Pinkett-Smith, callisa yeroo dheeraaf keessa turte cabsuun Inistaagiraamii isheerratti yaadashee ibsiteetti.

''Waqtiin yeroo fayyummaati, anis kanaafan as jira,'' jette.