Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni murtii gaazexeessitoota AP baatii afuriif hidhamaniif mirga wabii kenne
Baatii afuriin dura gaazexeessitoonni Asooshiyeetid Pirees humnoota nageenyaan qabamanii dhimmi isaanii mana murtiitti ilaalamaa ture wabiin akka gadhiifaman murteeffameera.
Gaazexeessaa Amiir Amaaniifi ogeessi kaameeraa Toomaas Ingidaa garee shororkeessaa waliin quunnamtii uumaniiru jedhamuun ture ji’oota afuriif hidhaa kan turan.
Murtee kennameen booda obboleessi quxisuu Amiir, Naadiir Amaan obboleessa isaa Amiiriin hiiksisuuf qarshii wabii gaafatame kaffaluuf maatiin yaalii gochaa jira jedheera.
Haatahu malee ol-iyyannoon irratti gaafatama yaaddoo jedhu akka qabaniifi karaa isaanii garuu murtoon kennamee ni raawwatama abdii jedhuun haala barbaachisu guutaa akka jiran himeera.
‘’Durumaanuu hidhamuun isaan irra hin turre. Hojii isaanii dha hojjechaa turan. Haatahu malee ji’oota afran dabran haqa malee hidhamanii turaniiru.
"Murtoo manni murtii amma kenneen maatiin gammadoodha. Yeroo hamaa dabarsine turre,’’ jechuun Naadiir dhiibbaa hidhamuun obboleessa isaa isaan irraan gahe BBCtti himeera.
"Gaazexeessaa Amiir Amaan Kiyaaroo mirgi wabii eegamuufi isaatti gammadneerra, mana hidhaatii hidhaa guyyoota 129 booda ni gadhiifama jennee hawwiin eegna," jedhan gulaaltuu Olaantuun AP Juulii Pees akka APn gabaasetti.
"Haata'u malee himatni irratti banamuu baatus qorannoon poolisiin irratti eegale itti fufa," jedhan.
Gaazexeessitoonni kunneen A.L.I Sadaasaa16-18 Finfinneedhaa bahuun godina Shawaa Lixaa aanaa Midaaqanyiitti sochii hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo waraabuu fi ajajoota isaanii dubbisuun booda erga Finfinneetti deebi'anii booda ture to'annoo jala kan oolan.
To’annoo jala ooluun isaanii garuu guyyootaan boodadha ifatti himame.
Gabaasa miidiyaa mootummaa irratti dhiyaateen, gaazexeessitoonni kunneen,’’garee shororkeessaa beeksisuuf hojjechaa turan,’’ jedheera poolisii.
Dhaabbanni gaazexeessitoonni kunneen keessaa hojjetan Asooshiyeetid Pirees ibsa baaseen himannaa isaan irratti dhiyaate kuffiseera, "Amiir kan irratti qiyyaafatame hojii gaazexeessummaa gatii hojjeteef tahuun ifaa dha,’’ jedheera.
‘’Amiir lola Itoophiyaa keessa jiruun hojii hunda ilaallatu gaazexeessaa hojjechaa ture dha,’’ jedheera ibsi bahee ture.
Waraanni Itoophiyaa yeroo itti abaasee turetti labsii yeroo muddamaa kaa’ame hordofee Amiiriif Toomaas dabalatee gaazexeessitoonni baayyee humnoota mootummaan qabamanii otoo himanni irratti hin banamiin hidhaa irra turaniiru.
Gaazexeessitoonni kunneen labsii yeroo muddamaa wajjin wal-qabatee hidhamanii erga turaniin booda baayyeen isaanii bilisaan gadhiifamaniiru.
Amiir Amaaniifi Toomaas Ingidaanis otoo himantni irratti hin banamiin turanii, dhimmi isaanii mana murtiin ilaalamaa turee, har’a manni murtii wabiin akka gadhiifaman isaaniif murteesseera.
Dhaabbanni mirga gaazeseessitootaaf falmu ‘CPJ’n gabaasa baaseen Itoophiyaan biyyoota Afrikaa, Sahaaraan gadi jiran keessaa gaazexeessitoota hidhuun Ertiratti aantee sadarkaa lammaffaarra jiraachuu himee ture.