Mariin dhukaasa dhaabuu milkii dhabe, Raashiyaan haleellaa haaraa bante

Bulchaan Chernihiiv Raashiyaan dhukaasa nan dhaaba jettee waadaa galte diigdee halkan guutuu magaalittii haleelaa bulte jedhan.

Bulchaan Chernihiiv Viyaacheeslaav Chaawus kan Yukireen jala jirtuu Raashiyaan waraana dhaabuutti hin jirtuu jedhan.

Bulchaan kun turtii BBC waliin taasisaniin waadaa Raashiyaarraa amantaa hin qabnu jedhan.

''Humni waraanaa isaanii takkaayyuu waadaa isaa yeroo eegu arginee hin beeknu'' jedhan.

Hoogganoota olaanoo Raashiyaafi Yukireen gidduu mariin nagaa buusuu Tarkiitti Kibxata adeemsifamaa ture bu'aa malee xumuramuu Kireemliin ibsiteetti.

Dubii himaan mootummaa Raashiyaa Dimiitrii Peeskoov wanti gaariin jiru gama Yukireeniin yaadaa fi waan barbaadan ifa godhanii lafa kaahuu eegalaniiru. Ammatti wanti waliigalame hin jiru jedhan.

Haleellaan Raashiyaa itti fufe

Chernihiivi naannoo sanitti ''halkan guutuun muddama'' ture jedhan Chaawus.

''Bu'uuraaleen misoomaa namoota nagaa ammas manca'aniiru'' jedhan.

''Chernihiiv ammallee ibaa, bishaan fi dhiyeessii ho'aa hin qabdu. Bu'uuraalee misoomaa kana deebisuun salphaa hin ta'u. dhaabbileen waraanaa kamuu xiyyeeffannoo haleellaa edaa hin turre. Bu'uuruma misoomaa nama nagaa haleelaa turan''

BBC'n himannaa kana ofiin bira gahee qulqulleeffachuu hin dandeenye. Garuu ammoo jiraattotni waraanni itti fufuu dubbatu.

Jiraataan BBC'n dubbise tokko ''halkan guutuu handaara magaalaa dhukaasa dhagahaa turre. Gidduugala magaalaa irraa achi siiqee'' jechuun hime.

Roobii guyyaas akka halkanii ta'uu baatu waraanni itti fufeera jedha jiraataan kan biraan.

Raashiyaan Kibxata darbe marii nagaa buusuu irratti wal-amantaan akka horatamuuf naannoo Chernihiiviifi magaalaa Kiyeevitti dhukaasa akka dhaabdu ibsitee ture.

Ministirri itti aanaan humna ittisaa Raashiyaa Alezaandeer Foomiin biyyi isaanii sochii waraanaa ishee harka guddaan xiqqeesiti jedhanii turan.

Haata'u malee sagaleen akeekkachiifni balalii humna qilleensaa kan dhagaahame sa'aa muraasa booda ture.

Kantiibaa itti aanaan Kiyeev haleellaan qilleensaa jiraachuu baatus dhukaasni naannoo magaalittii keessaa dhagahamaa ture jedhniiru.

US fi Yukireen Raashiyaan humnoota ishee handaara magaalaa Kiyeevitti walitti qabachaa jirtii jedhu. Kuniis xiyyeeffannoo ishee adda waraanaa biraatti jijjiiruuf ta'a jedhu.

Qondaalotni Raashiyaafi Yukireen jaarsummaa pireezidantii Tarkii Tayiip Erdohaaniin Istaanbulitti Kibxata kaleessaa sa'aa sadiif wal-maddii taa'anii mariyataniis waraana ji'a ol lakkoofsise xumuruuf tarkaanfii abadachiisaarra hin geenye.

Sababa Raashiyaan Yukireen weerarteef keessaa tokko kan ta'e Nato'tti makamuu Yukireen ilaalchisee biyyattii biyya walabaa ta'uuf yaada dhiyeessiteetti, hoogganoonni Raashiyaa mariin kun tarkaanfii murteessaatti ce'eera jedhu.

Dhukaasa nan dhaaba jechuu Raashiyaa pireezidantii Yukireen Zeleniskiin akka yaada gaariitti simatanii raawwii isaarraa shakkii qaban ibsanii turan. Pireezidantiin US Joo Baayidanis akkasuma ''tarkaanfiin isaanii maal akka fakkaatu hangan argutti homaa hin jedhu'' jedhan.