Waraana Yukireen: Raashiyaan weerara Yukireen akka hir'situ himte, Yukireen ija shakkiin ilaalte

Raashiyaan marii nageenyaa Yukireen waliin eegalan bu'a-qabeessa gochuuf jecha, oppireeshinii naannawa magaalaa Kiyeev fi Chernihiv keessatti gaggeessitu haalaan akka hir'istu ibsite.

Tarkaanfiin kun erga waraanni eegalee fooyya'insa qabatamaatti mul'ateedha jetti Raashiyaan, garuu humni waraanaa Raashiyaa sochiisaa hagam akka hir'isu sirriitti ifaa miti.

Kunimmoo ammallee Yukireen ija murtee Raashiyaa kana ija shakkiin akka ilaaltu taasise.

US fi UKn wanti Raashiyaan himattu kun of eeggannoon ilaalamuu qaba jedhan.

Xiyyeeffannaan Raashiyaa naannolee baha Yukireen akka ta'e kanaan durayyuu barameera.

Kaaba-lixa magaalaa Kiyeev irraan loltoonni Yukireen waan dura dhaabbataniif sochiishee babal'ifachuu hin dandeenye.

Pireezidant Volodimiir Zeleniskii garuu, ''lammiileen Yukireen uummattoota gowwaa miti, qaroodha malee,'' jechuun tarkaanfii Raashiyaa irratti deebii kennan.

''Mallattooleen mul'achaa jiran... abdii namaaf kennu jechuu dandeenya. Garuu mallattooleen arginu kunneen haleellaa Raashiyaa kan nurraa dhaaban hin fakkaatan,'' jedhan.

Qondaaltonni US akka jedhanitti Raashiyaan duraanuu magaalaa Kiyeev irraa fagaatteetti, garuu qilleensarraan haleellaa qaqqabsiisuu hin dhaabne.

Dubbi himaan Pentagon John Kirby: "Karoorri Raashiyaan magaalaa Kiyeev qabachuuf baafatte kufeera. Kana jechuun garuu Kiyeev keessa yaaddoon haleellaa meeshaalee waraanaa gurguddoo hin jiru jechuu miti,'' jedhan.

Marii Tarkii, Istaanbulitti gaggeeffameratti Yukireen biyya walabaa [michooma waraanaa irraa], dhiibbaa kamirraayyuu bilisa taate ta'uushee ibsite, Raashiyaan Yukireen miseensa Nato akka hin taane feeti.

Kanarraa ka'uun qondaaltonni Raashiyaa, mariin gaggeessaa jiran bu'aa kan buusu ta'uu abdataniiru.

Ministira Ittisaa Itti Aanaa Raashiyaa Aleksaandar Fomin, ''Yukireen dhiibbaa meeshaalee waraanaa niwukilaraa fi kaan irraa walaba taatee dhaabbachuunshee, fooyya'iinsa abdii namatti horuudha,'' jedhan.

Loltoonni isaanii ''marii nageenyaa itti aanee gaggeeffamuuf haala mijeessuuf jecha'' bakkeewwan gurguddoo lamatti oppireeshinii gaggeessaa jiran battaluma akka dhaabanis TV biyyasaaniitiin ibsaniiru.

Gama Yukireeniin bakka bu'anii kan mari'atan Oleksandr Chaly biyyisaanii dhiibbaarraa walaba ta'uun, ''biyyattiin karaa marii nagaa fi hojii dippiloomaasiin birmadummaa fi nageenyummaa ishee akka mirkaneeffattuuf gargaara,'' jedhan.