Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraan Yuukireen: Basaastota Lixaa waan sammuu Puutiin keessa jiru argachuuf ifaajan
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin addunyaa ofii uummatan keessatti waan ittifamanii jiran fakkaatu jedhanii amanu basaastonni warra lixaa. Haalli Puutiin kunis akkaan isaan dhiphisa.
Waggoota hedduuf fedhii Puutiin fi waan sammuusaanii keessa jiru hubachuuf ifaajaniiru, garuu kunis salphaa miti.
Erga loltoonni Raashiyaa Yuukireen weeraranii ammoo waa'ee Puutiin qo'achuu itti cimsan, Puutiin dhiibbaa addunyaa jalatti akkamiin karoorasaa milkeessa kan jedhu baruuf ifaajaa jiru.
Waan sammuu qondaala Raashiyaa kanaa keessa jiru hubachuun lolli hammaatee balaa hamaan addunyaa akka hin mudanneef murteessaadha jedhanii amanu basaastonni lixaa kunneen.
Bulchaan Raashiyaa kun ni dhukkubsata hamiin jedhu jira, garuu xiinxaltoonni hedduun ammoo inni yaada nama biraa fudachuurraa qoollifatee kansaa qofaan socho'a jedhuun.
Adda of baasuun isaanii suuraawwan qondaaltota waliin wayita mari'atan kaafaman irrattiyyuu ni mul'ata.
Fakkeenyaaf wayita Pireezidantii Firaansi Imaanu'eel Maakroon waliin mari'atanitti qarqara minjaalaatti ba'anii taa'aa akka turan suuraan ni mil'isa.
Jala bultii waraanni Yukireen eegalamutti wayita qaamolee nageenyaasaanii waliin mari'atanis akkasuma turan.
Jalqaba karoorri waraanaa Aab Putiin qondaaltota garee nageenyaa biyyattii KGB jedhamuun kan qajeefame fakkaata ture jedhe basaasaan warra lixaa tokko.
Garuu bu'aansaa kana hin agarsiisu, ajajoonni waraanaa Raashiyaa qophii hin turre, loltoonni hedduun waan godhan osoo hin beekin gara daangaatti geeffaman.
Nama qofaasaa murteessu
Madda irraa argatan eeruu irraa kan of qusatan basaastonni lixaa hooggantoota Raashiyaa caalaa karoora Putiin akka beekan ibsan.
Amma garuu waan Putiin itti aansuun hojjetan beekuun qormaata, hojii cimaa itti ta'eera.
Namni kanaan CIA keessatti oppireeshinii Raashiyaa irratti hojjetaa ture Joon Siifar karoora Kireemlin itti aanu hubachuuf qormaata guddaa kan ta'e Putiin kophaasaa murtee dabarsuudha jedhe.
Yaadi fi akeeki isaa maal akka ta'e hawaasa hubachiisus akkaataan itti hojiitti hiiku garuu hibboo hiikuun hin danda'amne ta'ee mul'ateera.
Hoogganaan Jaarmiyaa duraanii Biriiteen MI6, Sar Joon Sawers waan bulchaan Raashiyaa sammuusaa keessatti yaaduu fi karoora inni hojiirra oolchuuf deemu uummatisaayyuu hin hubatan, qaama alaattimmoo baayyee cima jedhe.
Aab Putiin caasaadhuma isaanii keessattiyyuu moggaatti of baasu jedhu qondaaltonni basaasaa, odeeffannoon isaan qoru alaa akka seenu, keessaas akka ba'u homaatuu hin fedhan.
"Dubbiima ofii uumaniin miidhamu. Caasaadhuma isaanii keessaayyuu muraasa dhagahanii kaan qoollifatu. Kun yaada keessummaa addunyaati,'' jedha Pirofeesarri Xiin-sammuu fi barreessaan kitaaba waa'ee egeree ''The Psychology of Spies and Spying'' Adrian Furnham.
Durumaanuu namoonni Putiin waliin mari'atan muraasa, wayita Yukireen weeraran ammoo qondaaltota qubaan lakkaa'aman waliin mari'atan akka basaastonni lixaa amananitti.
Isaanuu warra yaada Putiinitti amanan qofa.
Caasaan Aab Putiin hagam muraasa akka ta'e kan xiyyeeffatamee hubatamuu eegale ergasaanii Qondaala Basaasaa Ministeera Dhimma Alaa isaanii akkaan ulfina irraa mulqanii qeeqaniiti.
Putiin namicha hawaasa duratti kan qullaa dhaaban weerara Yukireen eegalee dura walga'ii nageenya biyyaalessaa gaggeeffamerratti ture.
Haawaan Putiin qondaalticha akkaan qaanesse, aariidhaan waa'ee Yukireen fi warra lixaa yaaduu eegale.
Kanneen sirriitti isa beekan Putiin qaanii bara 1990oota keessa Raashiyaarra ga'e haaloo ba'uu fi ofirraa mulquuf akkas godhu jedhu.
Putiin warri lixaa Raashiyaa gadi qabanii, addunyaa aangoo keessaa baasuuf jedhanii amanu.
Namni Aab Putiin quunnamee beeku tokko akkasaan viidiyoo wayita bulchaan duraanii Liibiyaa Koloneel Gadaafiin ajjeefamu agarsiisu akkasaan xiyyeeffannaan ilaalan hime.
Seenaan sun akka isaanitti hin dhufneef warra lixaatti mataa jabaatu.
Daarektarri CIA, William Burns, waa'ee Putiin gaafatamee akkas jedhe: ''waa'ee kaleessaa yaadda'aa, fedhii hiixataatti rarra'ee waggaa dheeraaf nama dhiphataa jiraatuudha. Amallisaa mataa jabaataadha. Yaada kaan ofirraa ittisa.''
Warri lixaa hedduunsaanii Pireezidantiin Raashiyaa maraataadhaa? jedhanii gaafatu.
Ogeessi xiin-sammuu takka akkas ta'uu mala jedhanii yaaduun dogoggora jedha, sababni isaa nama weerara Yukireen ajajee hoogganaa jiruun ''Maraataa'' jedhanii waamuun ni ulfaata.
CIA'n garee waa'ee imaammata dhimma alaarratti ''aanga'oota xiinxalu'' qaba.
Hojiin kun waan bara Hiitler isa hubachuuf eegalamerraa dhaalamee as ga'e.
Seenaa, fayyummaa, hariiroo fi basaasa dhuunfaa aanga'aa tokko qorata gareen kun.
Maddi kaan ammoo namoota dhuunfaadhaan aanga'aa waliin hariiroo qaban irraa kan argamuudha, keessaahuu hooggantoota walitti dhufeenya qaban.
Bara 2014 Angelaa Merkel akkas jechuun Baraaka Obaamaatti himan: Putiin ''nama addunyaa biraa keessa jirudha.''
Dhiheenya kana Putiin arganii kan turan Pireezidant Maakroon gamasaaniin ''hoogganaa hin jijjiiramne, kan mataa jabaatu, kan qoollifatu,'' jechuun Putiin ibsan. Hoogganaa isaan dura turanirraa gadi buusanii ibsan.
Haalli hoogganaa kanaa maaliif jijjiirame? Gariin namaa rakkoo fayyaa ykn ammoo dhiibbaa dawaa isaan fudhataniitu akkas godha jechuun oduu hagas mara ragaa hin qabne odeessu.
Kaan ammoo yeroonsaa obba'aa waan jiruuf ''Olaantummaa Raashiyaa guddittii mirkaneessuuf isa waadaa seene'' osoo hin raawwatin deemuuf kaanaan rakkoon xiinsammuu ittiin taphataa jira jechuun yaada kennu.
Hoogganaan Raashiyaa kun tibba weerara Koronaavaayirasii nama hundarraa adda of baasanii kophaa turan, kun mataansaa xiin-sammuusaanii miidheera.
Tiyoorii nama maraatuu
Aab Putiin mataansaa ijoollummaasaatti hantuuta adamsaa akka ture dhugaa baha. Hantuutni Inni adamsaa ture moggaatti baafamnaan lubbuuf jedhee ciniinuun ijoollummaatti biyyaa baase.
Gaaffiin guddaan amma osoo Putiin moggaatti baafameera jedhanii yaadanii maaltu ta'a kan jedhuudha.
"Gaaffiin jiru meeshaa waraanaa amma fayyadamaa jiru dachaan dabaluun yakka hammeenyummaa itti fufamoo dhiisa kan jedhuudha,'' jedhe qondaalli lixaa takka.
Putiin meeshaalee waraanaa keemikaalaa yookiin ammoo niwukilaraa fayyadamuu danda'a yaaddoon jedhu jira.
Putiin amala hamaa fi miiraan hoogganamu kan murtee fudhachuutti isa ariifachiisu akka qabu himata, kun ammoo mala-maltee inni ittiin beekamu- "madman" theory- kan jedhamuudha.
Akkaataa kanaan namni niwukilara harkaa qabu tokko nyaapha isaa yookiin nama isaan morku tokkoo mataa gadi qabuuf ittiin dhaadachuu danda'a, Akka maraatuu ta'uun yoo namni biyya lafaa hundinuu kan dhumu ta'ellee akka itti fayyadamu ibsa. Putiin nama akkasiiti.
Kun yaada basaastonni lixaa waa'ee Putiin ilaalchisee irratti waliigalaniidha.