Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan waraana Niikuleera fayyadamuu akka maltu himuun muddama uume
Dubbii himaan Kirmiiliin ibsa Kibxata kennaniin biyyi isaanii meeshaa waraanaa Niikuleeraa fayyadamuuf yaada qabdu kan hin dhuufne ta'uu beeksisuu isaanii Peentaagoon balaaleffate.
Dimeetrii Peeskoov CNN waliin gaaffiifi deebii yoo taasisan Biyyi isaanii yaaddoon jiraachuu kan ishee mudatu yoo ta'e'' meeshaalee waraanaa Niikuleeraa fayyadamuu akka maltu dubbatan.
Raashiyaan addunyaarratti biyya waraana niikuleeraa hedduu qaban keessaa adda dureedha.
Dubbii himaan humna ittisaa US Joon Kirbiiy yaada Mooskoon fayyadama Niiwkileeraa irratti kennite ''balaafamaadha'' jedhan.
''Gaafataa biyya humna Niikuleeraa qaburraa eegamuu miti'' jechuun gaazexessitootatti himan Kirbiiy.
Qondaalli humna ittisaa US kun biyyi isaanii ittisa niikuleeraa isaanii ilaalchisee jijjiirama tasiimoo gochuuf sababni gahaan ammatti akka hin mul'anne dabalaii himaniiru.
''Dhimma kana hamma dandeenyu guyyaa guyyaan hordofna''
Ministirri ittisaa duraanii US Liyoon Paneettaa yaada gama Raashiyaan dhagaahame kana balaaleffataniiru.
Raashiyaan waraana Niikuleeraa ishee fayyadamuuf sababab barbaadaa akka jirtu Paneettaa CNN'tti himaniiru. Kuni akkaan hamaadha jedhan.
''Kuni ta'uuf deema ta'uu hin beeku. Garuu Putiin deebiin US maal akka ta'u isa yaaddessuu qaba, waayee jireenya isaa isa yaaddessuu qaba.''
Putiin waraana Niikuleeraa isaanii qophiirra akka ta'u erga ajajanii jiini tokko darbeera, Hoogannoonni waraanaa warra Lixaa garuu sochii meeshaalee Niikuleeraa homaa akka hin argine gabaasu.
Xiinxaltootni akka jedhanitti ibsi Peskoov kun tarsiimoon Raashiyaa jijjiiramuu hin agarsiisu.
Qondaalli Raashiyaa kun CNN'tti yeroo dubbatan imammatni biyyattii ifa jiru meeshaan waraanaa Niikuleeraa yoom hojiirra akka oolu ifatti ibseera jedhaniiru.
Kaayyoon ibsa kanaa US fi michoota ishee rifaasisuu ta'uu akka malus ogeeyyiin dhimma nageenyaa qoratan ni himu.