Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaa Navalny: Mormituun Putiin qeequun kan beekamu Navalny hidhaan itti murtaa'e
Namni siyaasa mormitootaa Raashiyaa keessatti haalaan beekamu Aleksii Naavaalnyi, himannaa waliindhawuu irratti dhiyaateen ganna sagal mana hidhaa eegumsa cimaatti akka dabarsu itti murtaa'e - deeggartoonni isaa garuu himannaa dharaati jedhu.
Navalny bara dabre summaa'uu jalaa lubbuun hafee gara biyyaatti wayita deebi'u ture kan to'annoo jala oolfame. Kanaafis Kireemlin himata.
Namni siyaasaa kun yeroo ammaatti hidhaa waggaa sadiifi walakkaa keessa kan jiru yoo tahu, kunis yeroo inni hospitaala turetti qajeelfama mirga wabiin kennamef cabseera jedhamuuni.
Abbaan murtii yakka waliin dhahuu fi mana murtiif kabajaa malu kennuu dhabuun balleessaa jedheeraan.
Abbootiin alangaa faawundeeshina farra-malaammaltummaa isaa amma uggurame jalaa dolaara miil 4.7 saameera jechuun himatan.
Wayita murtee adabbii kanarratti, haati seeraa Margarita Kotova jedhaman, Naavaalnyiin ''qabeenya kan saame garee qindaa'een ture,'' jedhan.
Wayita murteen dubbifamutti qaamnisaa haalaan miidhamuun kan beeksisu Navalny, harkasaa dachaafachuun abukaatoo wajjiin haasawa ture. Murtee kanaan boodas mormiisaa Afaan Raashiyaafi Ingiliiziin Twiitar gubbaa barreesseera.
Dibbi-himtuu Navalny kan taate Kira Yarmysh, wayita xiyyeeffannoon addunyaa gara Yukireen tahe kanatti, ''yakki hamaa biraan Raashiyaa keessatti raawwatamaa jira,'' jette.
Blisummaa isaa qofa osoo hin tahin, lubbuun isaallee balaa jala jira jette. Kanaafis akka sababaatti kan kaaste, kanneen isa himatan Saayibeeriyaatti ajjeesuuf itti aggaamaniiru jetti.
Aaddee Yarmysh dabaluun, mana hidhaa eegumsa haalaan cimaa tahetti dabarfamaa jiras jette.
Dhaddachi nama siyaasaa kanaa 'kan sobaati' jechuun Aminestii Intarnaashinaal kan kuffise wayita tahu, Chaansilarri Jarmanii Olaf Scholz ammoo olaantummaa seeraa wajjin kan wal simu miti jedhan.