Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Mootummaa qeequun kan beekamu Aleks Naavaalni du'aa fi jireenya gidduu jira'-Doktaroota
Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin qeequun kan beekamuu fi yeroo ammaa mana hidhaa keessatti dhukkubsatee kan jiru Aleks Naavaalnii, wal'aansa sirrii yoo hin argatin yeroo muraasa booda du'uu danda'a jedhan doktaroonni.
Qorannoon fayyaa tibbana taasisaniif, namni kun dhibee onneetiin kan qabamaa jiruu fi kaleensaa tajaajilaan ala ta'aa jiraachuu kan agarsiisuudha jedhan doktaroonni.
Guyyoota 18 darbaniif lagannaa nyaataarra kan ture Aleks Naavaalnii dugdii fi lukti isaa garmalee dhukkubuu doktaroonni himaniiru.
Dhibee isaa kanaaf wal'aansi sirrii akka kennamuufii qabu gaafachuudhaafi kan inni lagannaa nyaataa eegale.
Erga lagannaa nyaataa eegalee qaamni isaa kiilogiraama 9 hir'isuu fi yeroo ammaa kiilogiraama 76 ta'ee akka jiru AFP'n haadha warraa isaa Yuuliyaan wabeffachuun gabaaseera.
Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin akkaan qeequun kan beekamu Aleks Naavaalnii, maallaqa qisaasessuudhaan himatamee Guraandhala darbe hidhaa buufame.
Dr Anastaazhiyaa Vaasilyavaan dabalatee doktaroonni afur Aleks Naavaalnii hatattamaan ilaaluuf akka isaaniif eeyyamamu mana hidhaaf xalayaa barreessaniiru.
Xalayaan Dr Anastaazhiyaan twitter isaarratti qoode, Aleks Naavaalnii hanqina albuuda pootaasiyamii waan godhateef osoo yeroon itti hin kennamin ammuma ilaalamu qaba kan jedhuudha.
Namni ganna 44 Aleks Naavaalnii bara darbe ji'a Hagayyaa keessa summeeffamee ture.
Aleks na summeessaniiru jedhee kan himatu Vilaadmiir Putiin yoo ta'an, bulchiinsi isaaniimmoo kana waakkateera.