Aleksi Naavaalnii: Manni Murtii Mooskoo dhaabbilee ''shororkeessaa'' jechuun dhorkaa irra kaa'e

Manni Murtii Mooskoow dhaabbilee nama siyaasaa moootummaadhaan mormu Aleksi Naavaalnii hunda ''dhaabbilee shororkeessaa'' ittiin jechuun dhorkaa irra kaa'e.

Akka murtee mana murtii kanaatti rogeessi kun hojiisaa itti fufa taanaan adabbii hidhaatu isa eeggata, akkasumas namoonni isa deggeruu itti fufan ammoo dorgommii siyaasaa keessaa baafamu.

Dubbi himaan mana murtichaa Aleksi Zhafyarov, "Jaarmiyaaleen nama kanaa odeeffannoo jinbbiinsaa fi diinummaa mootummaa irratti oofaa turuusaan alatti, gocha finxaalessummaa raawwataa ture,'' jedhan.

Aleksi Naavaalnii tarkaanfii kana booda miidiyaa hawaasummaarratti yaadasaa wayita ibsatu, ''akka duubatti hin jenne'' waadaa gale.

Dhimma kanarratti ool-iyyannoo gaafachuun akka itti adeemu himeera.

Haata'u malee deggertoonni isaa kallattii qabsoo haala kanaan duraa irraa akka jijjiiran itti himeera.

Saamicha maallaqaan himatamee kan hidhamee ture Aleksi Naavaalnii, wayita gadi dhiifamuuf turetti naamusa mana hidhaa cabse jedhamuun achumatti hafee amma hidhaa jira.

Namni kun himati isarratti baname himata siyaasaa ta'uu irra deddeebiin dubbataa ture.

Filannoo paarlaamaa Raashiyaa Fulbaana dhufu gaggeeffamuuf paartiin biyya bulchaa jiru deggersa akka hin qabne gamanumaa haalonni akeekan jiru.

Deggertoonni Naavaalnii tokko tokko ammallee filannoo irratti hirmaachuuf qophaa'aa jiru.

Mootummaa pirezidaant Putiin qeequun kan beekamu Aleksi Naavaalnii, Amajjii darbe akkuma wal'aansa fayyaaf Jarmanii turee gara Raashiyaatti deebi'een hidhame.

Aleksi Naavaalnii dhibee tasaa isa ajjeesuu ga'eef pirezidaant Putiin yakkamaa godhe, biyyattiin garuu himannaa Naavaalnii kana waakkatteetti.