Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hiriira Raashiyaatti gaggeeffamerratti namoonni 5,000 caalan hidhaman
Lammiileen Raashiyaa kumaatamaan lakkaa’aman mormii mootummaan hin eeyyamne irratti hirmaachuun hogganaan mormituu Aleeksii Naavaalnii akka hiikamu gaafachaa jiru.
Hanga yoonaa namoonni 5000 tahan kan to’ataman yoo tahu buufataalee baaburaa fi wiirtuuleen magaalaa cufamaniiru.
Naavaalnii erga yaaliin ajjeechaa keemikaala summaa’aa irratti taasifameen booda yeroo Raashiyaatti deebi’u hidhame.
Haleellaa irra gaheef tajaajila nageenyaa komachaa jiraatus isaan garuu kana ni haalu.
Namni siyaasaa mormituu kun Jarman irraa erga Moskoo erga galee booda qabame,balaa du’aaf isa saaxilee oolerraa yaalamaa turee ji’oota booda deebi’aa ture.
Qondaaloti Raashiyaa Naavaalniin sababii malaammaltummaan murtoo hidhaa hin raawwatiin jiru ijaa qabuuf yeroo yerootti poolisiitti gabaasuu qaba ture jedhan.
Naavaalniin garuu hidhaasaa balaaleffachuun ‘seeraan ala’ jechuun erga balaan summiin faalamuu irra gaheen booda yaaliif Barliin akka deemu isaaf eeyyamamuusaa hime.
Naavaalnii humnoota nageenyaa Puutiin yaalii ajjeechaasaatti akka shakkuu fi gaazexeessitoonni qorannoos Ejansii Tajaajila Nageenyaa komatu. Haa tahu malee waajirri Kireemliin dhimma kana haalaniiru.
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin isa Naavaaliin naannoo Galaana Gurraachaatti masaraa guddaa ofiisaa qaba jedhuun haalaniiru. Dhimma kana yeroo dubbatu viidiyoon Naavaliin agarsiisu al miiliyoona 100 ol ilaalameera.