Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MSF ajjeechaa hojjettootasaa Tigraayitti raawwatameerratti mootummaaf gaaffii dhiyeesse
Jaarmiyaan tola oolaa Médecins Sans Frontières (MSF) gabaasa gaazexaa New York Times hordofee, ajjeechaa hojjettoota isaarratti mootummaa Itoophiyaa gaafachuu hime.
Dhaabni kun gabaasni New York Times ajjeechaa hojjettoota koof Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa fi ajajaa isaa gaafatama taasisa kan jedhe oggaa tahu, mootummaan Itoophiyaas gabaasa kanarratti deebii akka laatu gaafateera.
Pireezidantiin MSF-Ispeen Paula Gil ibsa guyyaa Kamisaa baasaniin, ajjeechaa hojjettoota sadan kanarratti qorannoo ofiikootiin gaggeesseen, kallattiin kanneen ajjeesan eenyu akka tahaniifi sababni isaanii maal ture kan jedhu bira gahuu hin dandeenye jedheera.
Tahus garuu Aadde Poolaan amma dura hojjeettoonni dhaabbatichaa kunniin tahe jedhamee, dhiyeenyarraa itti dhukaafamee ajjeefaman jedhanii turan.
Gabaasni New York Times maal hima?
ALI Waxabajjii 17, 2013 hojjettoonni dhaabbatichaa sadii naannoo Tigraay keessa hojii namoomaaf wayita imalaa jiranii, rasaasa dhiyeenyarraa itti dhukaafameen lubbuu dhaban.
Ajjeechaa kana hordofee gaazexaa biyya Ameerikaa kan tahe New York Times gabaasa hojjeteen, namoonni kuni kan ajjeefaman loltoota Raayyaa Ittisaa Itoophiyaatiini jedheera.
Miidiyaan kun loltoota waraana Itoophiyaa, hojjettoota qarqaarsaa fi namoota ajjeechaa kana qoratan wabeeffachuun gabaasa hojjete keessatti, hojjettoonni sadan kunniin loltoota baqachaa jiraniin ajjeefamuu mirkaneeffachuu hima.
Haleellaa kanaan kan ajjeefaman: qindeessaa ittaanaa MSF kan ture namni ganna 31 Yohaannis Halafoom, konkolaachisaan ganna 31 Tedroos GabraMaariyaam akkasumas waggoota dheeraaf qarqaarsa hatattamaa irratti kan hojjette lammiin Ispeen Maariyaa Harnaandez.
Guyyaa jarri itti ajjeefaman kanatti buufata isaanii Abii Addii irraa gara kibbaatti namoota waraanaan miidhaman barbaadanii qarqaaruuf imalaa akka turan hojjetaan dhaaba qarqaarsa namoomaa tokko miidiyichatti himeera.
Sa’aa 9 irratti mandara Shaweet Hugumaa jedhamu qaqqabuuf km2 wayita isaan hafutti, konkolaataan Land Cruiser isaanii, konkolaattota waraana mootummaa gara kallattii walfakkaataa adeemutti qaqqabe.
Taateen kunis komaandara Divizhinii 31ffaa kan tahan Kolonel Taaddasaa Baqqalaatti gabaafamuu, loltoonni waraana mootummaa bakkicha turan jaha New York Times’tti himan.
Otoma isaan konkolaataa keessa jiranii dhukaasni kan itti baname hojjettoonni MSF kunniin, lubbuu oolfachuuf konkolaataarraa bu’an.
Dhumarra garuu Yohaannis, Tedroos fi Maariyaa loltoota raayyaa mootummaan dhiyeenyarraa itti dhukaafamuun ajjeefamuu, miseensi waraanaa Girmaay Mogas jedhamu New York Times’tti himeera.
Loltoonni mootummaa miidiyaa kanatti dubbatan kanneen humnoota Tigraayin booji’amanii maneen hidhaa Maqalee keessa jiranidha. New York Times loltoonni raayyaa ittisa biyyaa kunniin, kan yaada isaanii nuuf kennan dhiibbaa jala jiranii tahuu isaatif mallattoo kamuu hin argine jedha.
New York Times dabaluun hojjettoonni kun akka ajjeefaman ajajaan murtee dabarse, adda waraanaa irratti lubbuun isaa darbuu madden irraa dhagaheera jedha.
Waraana Sadaasa 2020 Tigraayiitti eegaluun naannoollee ollaatti babalateen badiinsii namoomaa olaanaan qaqabeera.
Qaamooleen idil-addunyaa mirga namoomaatiif falmaniifi biyyoonni lixaa qaamooleen waraana kana keessatti hirmaatan hundi badii yakka waraanaa ta'u danda'u raawwatameera jedhu.
Humnootiin Tigraay sarbama mirgaatiif ittigaafatamoon kan taasisan miseensoonni waraanaa jiraachusaanitiif beekamu baatulleen, motummaan federaalaa qaxanaa waaraanaa keessatti miseensoota raayaa ittisaa seera cabsaniiru jedheerrati himannaa baneera, murtees irratti dabarsuun dhagahameera.