Lola Tigraay: Tigraayitti loltoonni nama afur ajjeesuu 'ijaan arge' jedhe dhaabbanni gargaarsaa MSF

Tigraay keessatti loltoonni wayita namoota afur konkolaataa irraa buusanii achumatti ajjeesan hojjettoonni isaa ijaan arguu dhaabbanni gargaarsaa MSF jedhamu beeksise.

Taateen kun kan ta'e Bitootessa 23, 2020 yoo ta'u hojjettoonni MSF Maqalee irraa gara Addigiraat imalaa akka turan hima ibsi dhaabbatichi baase.

Karaa irratti haleellaa loltoota Itoophiyaa irratti raawwatame fakkaatuun loltoota ajjeefamanii fi madaa'an akkasumas konkolaataa waraanaa abiddi itti qabate bira gahuu himu.

Wayita achi gahan loltoonni Itoophiyaa bakka sana turan konkolaata MSF fi minibaasii geejjiba uummataa lama isaan duubarra imalaa ture dhaabsisan.

Imaltoota minibaasiiwwan keessa turan akka bu'an erga dirqamsiisaniin booda, dubartootaa fi dhiirota adda baasanii, dubartoonni akka deeman yoo hayyamaniif, dhiirota afur garuu battalumatti rasaasaan ajjeesan jedha MSF.

Ajjeechaan kun raawwate osoo hojjettoonni isaa 'ijaan argaa' jiranii akka ta'es himeera.

Mootummaan Itoophiyaa ajjeechaa jedhame kanarratti haga ammaa wanti jedhe hinjiru.

Odeessaalee lola Tigraay kaan:

Namootni afran ajjeefaman konkolaataa uummataarraa kan buufaman ta'uu fi uffata waraanaa kan hin uffanne ta'uu hojjettoonni keenya arganiiru, eenyu akka ta'an garuu wanti beeknu hin jiru jechuun hoggantuun komunikeeshinii MSF Baha Afriikaa Soofii Maadan BBC'tti himan.

Kanneen hojjettoonni keenya wayita ajjeefaman ijaan arganiin alatti kanneen biroos jiraachuu malu hin beeknu jedha Aadde Soofiin.

Booda hojjettoonni MSF akka deeman hayyamamuufillee, osoo xiqqoo hin turiin konkolaataan isaanii loltootaan dhaabsifamee, konkolachisaan akka bu'u erga godhameen booda sadafii qawween reebanii, ajjeessuuf itti dhaadachuu hime dhaabbatichi.

Ta'us konkolaataa isaatti akka deebi'u hayyamaniifi gareen MSF gara Maqalee deebi'uu dhaabbatichi beeksiseera.

Tigraay keessatti sarbamni mirgoota namoomaa raawwatamaa jiru daran yaaddessaa ta'uu dhaabbileen mirgoota namoomaa wawwaachaa jiru.

Lola Sadaasa darbe mootummaa Itoophiyaa fi loltoota TPLF jidduutti eegaleen namoonni kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hin oolle tilmaama.

MM Abiy Ahimad naannoo Tigraay keessatti sarbamni mirgoota namoomaa raawwatamaa jiraachuu gabaasaaleen agarsiisan jiraachuu dubbataniiru.

Loltoonni sarbama mirgoota namoomaa raawwatan seeraan akka itti gaafatamanis himaniiru.

MSF taateen kun lubbuu lammilee nagaaf eegumsi akka barbaachisu akeeka jedhe.

Hojjettoonni keenya ajjeechaa gara jabinaa ijaan argan irraa qalbiin bayyanataa jiru kan jedhe dhaabbatichi qaamoleen hidhatan sochiin deeggarsa namoomaa akka hin gufanne gochuu qabu jedheera.