Paartii Badhaadhinaa: Kora yeroo jalqabaaf paartichi gaggeeffachuuf jirurraa maaltu eegama?

Madda suuraa, Screenshot from FBC, EBC
Paartiin Badhaadhinaa erga hundeeffamee kora isaa kan jalqabaa Bitootessa 11 hanga 13 bara 2022 magalaa Finfinneetti gaggeeffachuuf qophii xumuruu ibseera.
Paartichi kora gaggeeffachuun kan irra ture kanaan dura ta'ullee sababoota gara garaan, keessumaa weerara COVID-19 mudatee, akkasumas waraana biyyattii keessatti dhalateen hin gaggeeffatiin turuu akka sababaatti kaasa.
Korri kun dameeleen paartichaa naannolee Amaaraa, Somaaleefi ji'a duras kan Oromiiyaa keessa jiran keessoo isaaniitti rakkoowwan malaammaltummaan wal himachuun yeroo dhaga'ama jirutti adeemsifama.
A L I Onkoloolessa 29, 2012 - ADWUIn baqee paartiin tokkichi akka hundeeffamuuf murtee darbeen, Sadaasa 11, 2012 - Manni Maree ADWUI paartichi diigamee Paartiin Badhaadhinaa akka hundaa'u mormii malee murtaa'e.
Kana hordofuun, Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) keessaa hafee paartilee miseensa ADWUI turan keessaa sadiifi paartileen shan duraan deeggartoota jedhaman dabalachuun Paartii Badhaadhinaa hundaa'e.
Yeroo Paartiin Badhaadhinaa hundeeffametti dursaan Paarichaafi Ministirri Muummee Abiy Ahimad fuula Tiwiitara isaaniirratti, "Korri miseensonni ADWUI paartii tokkicha goonee hundeessuuf taasine milkiin xumurameera.
''Paartii tokkicha hundeessuun Sirna Federaaalaa jabeessa; warra sagalee hin qabneefis sagalee ta'a,'' jechuun barreessanii turan.
COVID-19 kora danquu qofa osoo hin taane filannoon biyyaalessaas yeroo qabameefitti akka hin gaggeeffamne gochuun rakkoon siyaasaa biyyattii daran akka hammaatu gochuu keessatti gahee akka qabu paartileen mormitootaafi namoonni siyaasa xiinxalan ni himu.
Kora gaggeeffachuu baatus Paartiin Badhaadhinaa filannoo biyyaaleessaa marsaa ja'affaa Waxabajjii 14, 2021 gaggeeffameen mana maree Federaalaafi naannooleetiin sagalee caalmaa argachuun filatame.
Filannoo kana irratti dhaabbileen mormituu jajjaboo keessumaa Oromiyaa keessatti hin hirmaanne ture. Mootummaanis adeemsa dhaabbilee kanaa komateera.
Kunis MM Abiyyiifi paartii isaaniif waggoota aangoo shan biyya itti gaggeessaniifi gaaffilee gara aangootti akka dhufaniif sababoota ta'an akka deebisaniif carraa kenneef.
Ministirrii Muummee Abiy Ahimad waggoota dhufan keessatti, "Dogongora keenya sirreesiinee biyya gaarii dhaloota hegeree dhaalchisuuf hojjenna," jedhan sirna hundeeffama mootummaa taasifameerratti.
Mootummaan filannoon irra aane nagaa fiduuf, akkasumas gaaffileen siyaasaafi dinagdee hedduu wal xaxoo ta'an biyyattiin keessa jirtuuf karaa banuu danda'a jedhanii kan abdachaa turan hedduudha.
Haa ta'u malee, furmaati eegame waan mul'ate miti. Inumaa mootummaan hundaa'ee baatii tokko booda ture waraana kaaba biyyattiitti hammaatee hordofee Labsiin Yeroo Muddamaa kan labsame.
Durumaa biyyattiin osoo waraana keessa jirtuuti lolli gama kaaba biyyattii adeemsifamaa ture.
Naannoo Oromiyaa keessas hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)-'Shanee'waliin mootummaan taasisus fala argachuu dhabee daran babal'achuun gidiraan uummata Oromiyaa irra akka bubbulu ta'eera.
Ammas kora isaa jalqabaa kana booda paartii biyya bulchaa jiru Paartii Badhaadhinaa irraa rakkoowwan jajjaboo biyyattiin itti jirtuuf fala kan eegan hedduudha.
Kora kanarraa maaltu eegama?

Madda suuraa, Reuters
Gamagama Kora kana dursee gaggeesseen namoonni tokkummaafi birmadummaa biyyattii, akkasumas badhaadhina isheetiif hanga lubbuu isaanii haarsaa gochuutti of kennanii kan hojjetan akkuma jiran, kaaniis jiru jedheera dhaabichi.
Keessumaa kaayyoofi ergama faallaa kanaa ta'e qabatanii paarticha keessa kan seenan akka jiran adda baafachuu miseensa koree hoji-raawwachiiftuu Paarichaa kan ta'an Alamuu Simee (PhD) gaaffiifi deebii FBC waliin taasisaniin dubbataniiru.
"Badhaadhina osoo hin ta'iin ergama kan dhibii qabatanii Badhaadhina keessa kan jiran, kaayyoofi sagantaa Badhaadhinaa faallaa kan hojjetan, warra biyya diiguuf jedhan waliin osoo hin hafiin kan hojjetan miseensaa hanga gaggeessitootaatti akka jiran gamaggameera."
Kora kanarratti 'gaggeessitoota gara fuula duraatti jijjiiramichi sirriitti gaggeessanii galmaa'an gahan filachuun imaanaafi carraa ummanni filannootiin paartichaaf kenne kallattiin ittiin raawwachuun danda'amu Kora kana irratti ni kaa'ama' jedhan qondaalli kuni.
"Korri kun imaanaa ummati nutti kenne galmaan gahuudhaaf kan dandeesisan murtee cimaa dabarsa; kallattiiwwan hojii gara fuula duraa sirrii ta'es ni kaa'a."
Nageenya waaraafi tokkummaa sab-daneessummaa kabaju jabeessuudhaaf murteewwan dandeessisan Kora kana irratti ni murtaa'u kan jedhan ammoo miseensi koree hoji-rawwachiiftuu paartichaafi Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeedha.
Aadde Adaanechis, paartii reefuu hundeeffamu ta'uu isaatiin walqabatee fakkeessuudhaan Partii Badhaadhinaa keessa seenanii dadhabsiisuudhaaf hojjechaa kan turan jiru jedhan gaaffiifi deebii ADIS TV waliin taasisaniin.
"Namoonni miila isaanii tokko keessa isa kaan ammoo diida godhachuun ilaalcha siyaasaa Paartiin Badhaadhinaa oofuufi kallattiin inni kennuun ala akka raawwatamu gochuudhaan lammiileen akka roorroon itti hammattu taasisaniiru," jedhan.
Akka Aadde Adaanech jedhanitti, warri yaadaafi gocha paartichaan faallaa qabatanii achi keessa jiran lammileen akka buqqa'an, akka walii walii isaanitti bu'an, tokko isa kaan akka diinaatti akka ilaalu gochuun ummanni akka buqqa'uufi miidhamu taasisaniiru.
"Paartichi murteewwan gurguddoo dabarsa jedhamee eegama. Inni jalqabaa paartichi cimee akka ba'u murtee dabarsuudha.
''Rakkoowwan partii keessa jiran bifa hir'isuu danda'uun, gara fuula duraatti ammoo karaa qulqulluu ta'een sagantaa siyaasaa isaafi naamuusaan gaggeeffamu ta'ee mootummaa cimaa gaggeessuu kan danda'u ta'ee akkuma filatametti wanta ummataaf waadaa gale adeemsa ittiin hojjetu murteessa."
Korri kun Itoophiyaa keessatti nageenyi waaraa akka dhufuufis murtee ni dabarsa kan jedhan Aadde Adaanech, "kanaan booda gidiraan Itoophiyaa ni gaha. Qormaanni ni gaha.
''Kana akka gahu kan goonu ammoo hojii keenyaan malee waan hawwineef miti. Kanaaf, Kora kanaan booda rakkoo Kaaba Itoophiyaa jiru bu'uura qabsiisuun ni xumurra" jechuun dubbatan.
Pirezidantiin mootummaa naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mohaammad, "Biyya itti fufsiisuu danda'uufi dhiisuun kora kanaan murtaa'a jedheen amana," jechuun Korri kun adda akka ta'e himan.
Xiyyeeffannoon bu'uuraa Kora kanaa gaggeessummaa paartiifi ilaalcha qulqullummaafi tokkummaa isaa jabeessuu, hojiiwwan paartiifi mootummaa kessatti hanqinoota mula'atan sirreessuun komii ummataa akka dhalatu godhan kan dafee itti sirreeffamu murteessa jedhan.
Dhimmoota Kora Paartii Badhaadhinaa irraa eegamu kan gaafataman miseensi koree hoji-raawwachiiftuu Binnaalf Andu'alemis, Miseensotaafi gaggessitoota karooraafi sagantaa Paartiin Badhaadhinaa qabu faallaa deeman lo'anii galan rakkoo guddaa akka geesisaa jiran himan.
Kanaaf, dhimmoota Korri Paartichaa jalqabaa irratti xiyyeeffatu keessaa tokko keessa isa aqulqulleessuufi miseensotaafi gaggeessitoota gahoomsuu, akkasumas caasaa isaa akkaataa cimsachuu danda'u irratti murtee dabarsa jedhan.
















