Filannoo Itoophiyaa 2021: 'Rakkoo dheessanii filannoo keessaa ba'uun furmaata miti'

Madda suuraa, PARTII BADHAADHINAA
Filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa ja'affaa Caamsaa dhufu filatamuuf jedhuuf paartileen kaan wayita sochii eegalan kaan ammoo socho'uuf akka rakkatan himatu.
Paartileen jajjaboodha jedhaman kanneen akka Kongiresii Federaalawaa Oromoo fi Adda Bilisummaa Oromoo wantoonni adeemsa filannoorratti gufuu itti ta'an hedduun mudachaa jiraachuu himan.
Keessattuu KFOn torbee darbe keessa ''dhiibamnee filannoo keessaa baafamne'' jechuun filannocharratti akka hin hirmaanne ibseera.
Addi Bilisummaa Oromoos rakkoo isarra ga'e himataa ture, inumaa ''shira bara chaartaraatu nutti deebi'e'' jechuun himata, garuu filannoo keessa ba'uuf hin murteessine jedhe.
Dhaabbileen siyaasaa kun miseensonni isaanii hedduun hidhamanii kan jiran ta'uniifi waajiraaleen isaanii hedduunis cufamuun filannoorratti hirmachuuf danqaa guddaa itti ta'uu irra deddeebiin ibsan.
Mootummaan himannaa paartilee kana bu'uura dhugaa hin qabu jechuun kuffiseera.
Qaamni filannoo gaggeessuuf aangooo fi dirqama qabu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa gamasaatiin paartileen kunneen himatasaanii ragaan dhiyeessanii hin dhiyeessine jedha.
Dura taa'aan KFO Pirofeesar Mararaa Guddinaa boordii filannoo irrattis shakkii akka qaban ibsaa turan.
Dhaabni biyya bulchu maal jedhe?
Hoogganaan quunnamtii uummataa fi idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dr Biqilaa Hurrisaa, Itoophiyaan biyya dimokiraasiin dhibbaa dhibbattii keessatti dagaage osoo hin taane kan reefu shaakalaa jirtuudha jedhan.
''Kanaafuu paartileen kunneen dhuguma hojimaata dhaabsaaniitiin taa'anii murtee kanarra ga'an taanaan adeemsa dimokiraasii biyya kanaaf faayida qabeessa jedhee hin amanu'' jedhan.
''Paartiin karaa dimokiraasiin ulaagaa guutee galmaa'ee adeemsa dimokiraasii kanaa keessatti waan narraa eegamu nan gumaacha jedhee jiru tokko salphumatti waan akkasii murteessee uummata filannoo dhabsiisuun sirriidha jedhee hin amanu.''

Madda suuraa, Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa
Uummanni yoo paartiin garaagaraa filannoof dhiyaate keessaa filata kan jedhan Dr Biqilaan, ''Paartilen kunneen yoo haalli rakkisaan jiraatellee dandamatanii cichanii qabsaa'uu qabu malee haaluma salphaatti keessa baane jedhanii murteessuun sirrii miti. Yoo hojimaata isaaniin taa'anii mari'atanii murteessan ta'ee sirrii jedhee hin fudhu,'' jedhan.
Paartilee jajjaboo dorgommiif dhiyaatan keessaa kan ta'an Kongiresiin Federaalawaa Oromoo fi Addi Bilisummaa Oromoo dhiibbaa mootummaatiin filannoo keessaa baafamaa jirra jechuun komatu.
KFOn torbee darbe keessa mootummaan filannoo keessaa dhiibee nu baase jechuun ibsa baasee ture.
Paartileen kunneen karaa ittiin dhiibbaan irra ga'e wayita ibsan, qondaaltota gameeyyii paarticha bakka bu'uun dorgomanii hanga miseensota isaanii godaatti namni hedduun akka jalaa hidhamee jiruu fi waajjiraalee muummee dabalatee waajjiroonni isaanii akka jalaa cufamanii jiran, darbees bilisummaan socho'anii filannoof qophaa'uu akka hin dandeenye irra deddeebiin dubbataa turan.
Kana hunda kan raawwataa jiru ammoo mootummaa aangoo harkaa qabu ta'uu himu.
Kanarratti yaada kan kennan Dr Biqilaa Hurrisaa, himannaan kun kan bu'uura hin qabneedha jedhan.
''Himannaasaanii kana bakka walitti qabduun boordii filannoo biyyaalessaa paartilee walitti qabanitti dhagahuuf carraa argadheen ture. Namoonni himatan kunneen eenyu, eessatti, eenyuun akka hidhame, waajjira aanaa kam keessa jirutu cufame? jedhamanii gaafatamanii qulqullinaan ibsuu dadhaban'' jedhan.
''Himannaan akkasii sirnicha maqaa xureessuuf yoo ta'e malee dhugaarratti kan hundaa'e miti'' kan jedhan Dr Biqilaan, inumaa bakka tokko tokkotti namoonni yakka hojjetanii yoo qabaman ''sababan miseensa paartii kanaa ta'eefan qabame waan jedhaniif, poolisoonni rakkoo dhufu kana sodaa gadi dhiisaa turan,'' jedhan.
Sirni dimokiraasii biyya kanaa kan qulqullaa'ee guutuu ta'e miti kan jedhan Dr Biqilaan, ''yoo rakkoon jiraate mootummaa biyya bulchu waliin walta'uun sirreessuuf qabsaa'uudha malee siyaasa walkomachuufi maqaa walballeessutiin furmaati dhufu hin jiru,'' jedhan.
Paartileen kunneen ''barumaan dhiibameen ba'e jedhanii komachuurra deggertootasaanii kabajanii filannoo ta'uufii qabu'' jedhan.
''Rakkoo baqatanii filannoo keessaa ba'uun furmaata miti''
Paartileen kunneen weerara koronaavaayirasiin duratti filannoo biyyaalessaa marsaa ja'affaarratti yeroosaa eeganii hirmaachuuf socho'aa turan.
Namoonni socho'anii paarticha sochoosaa turan hedduunsaanii yeroo ammaa hidhaa jiru, kanneen hidhaman keessaa namoonni manni murtii mirga wabii eegeefii gadi lakkifamuu didamanillee jiru.
Haalli kun osoo mudataa jiruu mootummaan himannaan isaanii kun bu'uura hin qabu jechuu danda'aa jennee Dr Biqilaa gaafanne.
''Dimokiraasiin keenya guutuu miti, rakkina hin qabu jechuu hin danda'u. Caasaa keenya godaa hamma gubbaa keessa rakkoon xixiqqaan jiraachuu mala. Isaanis yoo nama akkasiitu bakka akkasiitti mirgi wabii eegameefii didame jedhanii yoo dhiyeessan hanga gubbaatti mari'atamee furamuu qaba jedheen amana. Garuu filannoo keessaa ba'uuf sababa ta'a jedhee hin amanu. Kan ilaalamuu qabu uummata guddicha'' jedhan.
Paartileen filannoo keessaa ba'uun mootummaa hin yaaddessuu?
Paartileen gameeyyii ta'an dhiibbaa gama mootummaatiin irra ga'e himachuun filannoo keessaa ba'aa kan deeman yoo ta'e biyyattii keessatti sirna dimokiraasii paartilee hedduuf dirree siyaasaa banuuf qormaata hin ta'uu?
Isin akka qaama aangoo harkaa qabuutti haalli kun filannoorratti dhiibbaa akkamii qabaata? Filannoo booda akka tasgabbiin hin jiraanneef sababa ta'a jettanii hin sodaattanii jennee gaafanneerra.
Sirna dimokiraasii paartilee hedduu keessummeessu keessatti akkuma paartileen dabalamaa deeman uummanni filannoo hedduu argataa deema jedhan Dr Biqilaa Hurrisaa.
''Paartileen kunneen dhuguma filannoo keessaa ba'uuf murteessaniiru yoo ta'e, uummata filannoo dhabsiisaniiru jechuudha, waan uummatasaanii hin fayyadne hojjetaniiru''
''Garuu paartileen kunneen qofa miti kan galmaa'anii jiran. Itoophiyaa keessaa paartileen 53 galmaa'anii akka jiran quban qaba. Kanaafuu uummanni filannoo dabalataa dhaba yoo ta'erraan kan hafe gonkuma waan filatu dhaba jedhee hin yaadu.''
















