Aangoo Ministirootaa 22 keessaa sadii paartileen mormituuf kenname

Prif. Birhaanuu Naggaa Ministira Barnootaa, Obbo Ballaxaa Mollaa Ministira Kalqaafi Innooveeshinii, Obbo Qajeelaa Mardaasaa Ministira Aadaafi Ispoortii

Ministirri Muummee Abiy kabinee haaraa 22 keessatti aanga'oota paartilee mormitootaa sadii sadarkaa ministeeraatti akka tajaajilaniif mana maree bakka bu'oota ummataatti dhiyeessuun akka muudaman taasisaniiru.

Haaluma kanaan, dura ta'aan paartii IZEMA Piroof. Birhaanuu Naggaa, dura ta'aa paartii ABIN Obbo Ballaxaa Mollaa, akkasumas Itti-aanaa Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Qajeelaa Mardaasaa ministirummaan muudaniiru.

Piroof. Birhaanuu Naggaa ministira Barnootaa, Obbo Ballaxaa mollaa ministira Kalaqaafi Tekinoloojii, akkasumas Obbo Qajeelaa Mardaasaa ministira Aadaafi Ispoortii ta'uun kaabinee ministira muummeetti makamaniiru.

Kanaan duras aanga'aa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Araarsoo Biqilaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti mootummaa haaraa Paartiin Badhaadhinaa ijaare keessatti Hogganaa Biiroo Hojjetaafi Hawwaasummaa tahuun muudamanii turan.

Obbo Araarsoo Biqilaa Hayyuu Duree ABO tahuu ibsanii booda boordiin filannoo biyyaalessaa kan kuffise namoota yeroo jalqabaaf bulchiinsa mootummaa Abiy Ahimed jalatti ABO keessaa caasaa mootummaatiif muudama argatan keessaa tokko.

Akkasumas, yeroo darbe bulchiinsi magaalaa Finfinnee yeroo kaabinoota muudeettis paartii mormituu filannoo biyyaalessaa hin mo'anne IZEMA fi ABIN irraa muudun ni yaatama.

Mana maree bulchiinsa magaalichaaf dhiyeessuun kaabineewwan 26 ta'an Kantiibaa Adaanech muudan keessaa lama warra mormitootaa irraa ta'uun isaa ni yaadatama.

Miseensa Paartii IZEMA kan ta'e Obbo Girmaa Sayifuu Komishinara Komishinii Invastimantii Finfinnee, Obbo Yesuuf Ibiraahim miseensa ABIN kan ammoo Itti-gaafatamaa Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa magaalaa Finfinnee gochuun manni maree bulchiinsa magaalichaa muudama kennee ture.

IZEMAn gaaffii paartiin biyya bulchaa jiru 'waliin yaa hojjennu' jedhu dhiyeesseef fudhachuun haala yeroo ammaa Itoophiyaan keessa jirtuun gaafficha fudhatanii waliin hojjechuudhaaf sagalee caalmaatiin Dilbata darbe raggaasisee ture.