Kaabinootaafi ministeerota murteessoo ta'an eegaman shan

Miseensoota paarlaamaa

Madda suuraa, HOPR

Filannoo biyyaaleessaa marsaa ja'affaa gaggeeffame hordoofuun Paartiin Badhaadinaa teessuma mana mare bakka bu'oota ummataa irra caalaa erga injifateen booda, Wiixata Fulbaana 4, 2021 mootummaa haaraa hundeessera.

Walgahii mana marichaa jalqabaatinis dura-taa'aan Paartii Badhaadhinaafi waggoota sadan darbaniif biyyattii hogganaa kan turan Ministirri Muummee Abiy Ahimad waggoota shanan dhufaniif biyyattii akka gaggeessaniif filatamaniiru.

Aanga'oota olaanoo bulchiinsa isaa keessatti hojii raawwachiisan filachuun ammoo gahee ministira mummee itti aanudha.

Kanaanis, mana maree ministirootaa MMtiin durfamu keessatti miseensoota kan ta'aniifi gitawwan ministirummaa murteessoo irratti kanneen itti-gaafatamummaan itti kennamu filachuun mana mareetti dhiyeessuun akka muudaman taasisa.

Kanaan dura, MM fi paartiin isaanitiin haaluma ibsameen, bakkawwan ittigaafatamummaa mootummaa garaa garaa irratti Paartii Badhaadhinaatiin ala miseensoonni paartii mormituufi kanneen dhuunfaan dorgoman keessaas ni muudamu jedhamee eegama.

Waajjiraalee ministeerotaa hanga ammaa jiran muraasa irratti jijjiramni caaseeffamaafi moggaasaa akka raawwatamu kan eegamu yoo ta'u, jijjiramichiifi waajjira kamiifi eenyu fa'i akka muudaman wayita MM kaadhimamtoota isaanii mana marichaatiif har'a dhiyeessan kan baramu ta'a.

Manni maree bakka bu'oota ummataa marsaa 6ffaa walgahii addaa waggaa tokkoffaa issarratti haasaa pirezidaantiin biyyattii Saahilewarq Zawudee Wixata walgahii waloo idilee mana maree lamaanitiif taasisan ni raggaasisa.

Kana malees, ministiroota Ministira Mummeen dhiyaatan ilaaluun akka reggaasisu eegama.

Waajjiraaleen ministeeraa caasaa mootummaa haaraa keessatti argaman hunduu gahee murteessoo mataasaanii qabaatanilleen, isaan keessaa tokko tokkoo ammoo hunda caalaa murteessoo kan ta'anidha.

Haala qabatamaa amma biyyattiin keessatti argamtuun walqabatees waajjiraalee gahee olaanaa qabaatan shan ni ilaalla.

Ministeera Maallaqaa

Itoophiyaan sababii waraanaa Sadaasa 4, 2020 irraa kaasee humnootii TPLF irratti gaggeessaa jirtutiin walqabatee dinagdee biyyattii haalaan akka miidhee himama.

Waraannichi barbadaa'uu bu'uuraalee misoomaafi qabeenyaa hedduu qaqabsiiseera. Kana malees, waraanichaan walqabatee biyyoonni lixaa kanneen biyyattiif deeggarsa taasisan of qusachuu agarsiisaa jiru.

Kana malee, gatii sharafa biyya alaa biyyattii keessatti itti fufiinsaan dabalaa adeemuunsaa haala kanaan dura mul'atee hin beekamneen garaa garummaan jijjiirraa gabaa idileefi gabaa gurraacharratti bal'ataa akka deemu taasiseera.

Akkasumas, qaala'insi jireenyaa biyyattii baatiiwwan darban keessa garmalee dabaluusaatiin gatiin shaqaxoota bu'uuraa garmalee akka dabalu ta'eera.

Deeggarsa biyyoonniifi dhaabbilee maallaqa idil-addunyaa biyyattiif kennan irratti jijjiramni kan taasifamu yoo ta'e, hir'ina sharafa alaa amma jiruufi qaala'iinsa gatii meeshaalee bu'uuraa waliin dabalamee dinagdee biyyattiitti gufuu ta'a jedhamee yaadda'ama.

Ministeera Nagaa

Waraanni kaaba biyyattiitti gaggeeffamaa jiru, tasgabbii dhabiinsi lixaafi kibbaa dhimmoota nageenyaafi tasgabbii biyyattii balaa keessa galachan keessaati.

Waajjiraalee ministeeraa jijjiramni irratti ni taasifama jedhamee eegamu keessaa tokko kan ta'e dhaabbanni kunis, nageenya dhabiinsa biyyattii mudatan kanneen furuufi haala walitti fufiinsa qabuun hojjachuu akka qabuufi kunis ammoo ajandaawwan gurguddaa mootummaa haaraa ta'uu oggeessonni ni dubbatu.

Ministrri Muummee Abiy Ahimad haasaa sirna hundeeffama mootummaa haaraa Addabbaabaayii Masqalaatti Wiixata gaggeeffame irratti dhageessisaniin, wal dhabdee humnootii siyaasaa biyyattii jidduutti uumame furuuf marii hunda hamataan kan gaggeeffamu ta'uu dubbataniiru.

Ministeera Dhimma Alaa

Waggootanni darban muraasni yeroo itti Itoophiyaa yeroo kamu caalaa hojjiiwwan dippilomaasii cimaan hojjachu itti barbaachise ture. Keessattuu waraana Tigraayi fi ijaarsa hidha guddicha haaromsa Abbayyaatiin wal qabate biyyattii dhiibbaa biyyoota alaa hedduun mudate ture.

Waraana Tigraayiifi hidha Guddichaan walqabatee biyyoonni lixaafi dhaabbilee idil-addunyaa karaa ifaafi ifa hintaaneen Itoophiyaa irratti dhiibbaa dippilomaasii taasisuuf yaalaa turan.

Fakkeenyaaf, Manni Maree Nageenyaa Motummoota Gamtoomanii dhimma Tigraayii fi Hidha Abbayyaa irratti yeroo garaa garaatti walgahii idilee fi al- idilee taa'unsaa ni yaadatama.

Kana malees dhiyeenya kana motummaan Itoophiyaa dhimma keessoo biyyattii keessa galaniiru jechuun tarkaanfiin hojjattoonni UN torba biyyaa akka bahaniif taasiseen, barreessaa olaanaa dabalatee, dhaabbata motummoota gamtomanii fi biyyoota lixaa irraa mormii kaasee ture.

Haalii kanaan itti fufnaan, walitti dhufeenya Itoophiyaan motummoota gamtoman waliin kallattii maraan miidhuu waan danda'uuf gama kanaan motummaa haaraa irraa hojiin dippilomaasii cimaatu eeggama jedhu xinxaltoonni.

KUnosoo akkasiin jiruu, Itoophiyaan imbaasiiwwanii fi qontsilaawwan 60 ol addunyaa guutuudhaa qabdu keessaa wallakkaa hiriisuuf karoora qabaachu ibsuun hojiirra olchuu eegalte jirti.

Abbaa Alngaa Waliigalaa

Itoophiyaatti walitti bu'insa saba bu'uureffatan, mormiiwwan siyaasaafi dhabiinsa tasgabbii bakkawwan garaa garaatti mudataniin walqabate namoonni to'annoo seeraa jala oolfaman hedduu wayita sirna haqaa komatan dhagahamu.

Qaamni haqaa Itoophiyaa keessa jiru kan gahumsa hinqabne, amanamaa fi walaba hin taaneedha jechuun irra deddebiin komiin yoo dhiyaatu dhagahama.

Kana malees, lammiileen tajaajila haqaa saffiisaa eegataa jiran hedduu ta'uutu himama.

Kanaan walqabatee jijjiramni moggaasaa ni taasifama jedhamee kan eegamu dhaabbanni haqa biyyattii muummee kan ta'e Waajjirri Abbaa Alangaa waliigalaa hojiwwan hedduun ni eegatu.

Ministeera Galiiwwanii

Sababii koronaavaayirasitiin akkuma biyya addunyaa kamiittuu, dhiibbaan sochiin daldala Itoophiyaa irratti qaqqabee salphaa akka hin taane himama.

Waajjiraalee ministeeraa jijjiramni caasaa ni taasifamaaf jedhamee eegamu keessaa tokko kan ta'e Ministeerri Galiiwwanii dhaabbilee dinagdee biyyattii keessatti gahee olaanaa qaban keessaa tokko.

Maallaqa biyyattiin hojiiwwan gara garaatiif oolchitu maddeen adda addaa irraa walitti kan qabu yoo ta'u, waajjirri kunis dinagdee biyyattii sababiiwwan adda addaatiin dhiibbaa keessa galee foyyeessuu keessatti gahee murteessaa qabaata.

Waajjiirri taaksiifi galiiwwan biyyattii bal'isuu hojjatu kunis, dhiibbaa dinagdee irra gahu dandamachuun akka danda'amuuf gaheen hojjiwwan murteessoo raawwachuu itti kennameera.