Itoophiyaa: MM Abiy miseensota kaabinee mana mareef dhiyeessuun akka muudaman taasisan

Miseensoota kaabiinee hara muudaman keessaa muraasa
Ibsa waa'ee suuraa, Miseensoota kaabiinee hara muudaman keessaa muraasa

Ministirri muumee Abiy Ahmad kaadhimamtoota kaabinee mana maree bakka bu'oota ummataaf dhiyeessuun akka muuaman taasisaniiru.

Akka Heera mootummaatti mana maree bakka bu'oota ummataa keessatti paatiin sagalee caalmaa argate miseensota seera raawwachiituu ni gurmeessa, ni gaggeessa, aangoo siyaasaas ni kenna.

Bu'uuruma kanaan paartii isaanii Badhaadhinaaf kaadhimamanii mana maree bakka bu'oota ummataatiin Wixata darbe kan muudaman MM Abiy Ahimad, miseensota kaabinee isaanii har'a mana maree bakka bu'oota ummataatiif dhiyeessaniiru.

Manni maree 6ffaa bara hojii waggaa 1ffaa kora addaa isaa Roobii gaggeesseen kaadhimamtoota MM dhiyaasan sagalee mormii 2, sagalee kennuu kan of qusatan 12n sagalee caalmaan muudamicha raggaasiseera.

Ministirri Mummee Abiy Ahimad miseensota kaabinee haaraa har'a mana maree bakka bu'ootaatti dhiyyeessuun raggaasifataniin, miseensota paartii mormitootaa keessaa sadii sadarkaa ministeeraaf dhiyeessanii raggaasifatan.

Haaluma kanaanis Ittaanaa Paartii ABO Obbo Qajeelaa Mardaasaa Ministira Aadaa fi Ispoortii, Dura taa'aa Paartii IZEMA Dr Birhaanuu Naggaa Ministira Barnootaa fi Dura Taa'aa Paartii ABIN Dr Ballaxaa Mollaa Ministira Innoveshinii fi Teknoloojii ta'uun muudamaniiru.

Walumaagalatti Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa 6ffaa walgahii waggaa tokkoffaa addaa isaatiin mudama ministirootaa 22 Ministira Mummeetiin dhiyaatan raggaasiseera.

Miseensoonni kaabinee MM dhiyeessaniifi itti gaafatamummaan isaanii kan itti aanu fakkaata:

  • Obbo Dammaqaa Makonniin Ittaanaa MM fi Ministira Dhimma Alaa
  • Dr Abrhaam Balaayi -Mnistira Raayyaa Ittisaa biyyaa
  • Obbo Ahimad Shidee - Ministira Maallaqaa
  • Aaddee Mufariyaati Kaamiil - Ministiira Hojiifu Oggummaa
  • Obbo Umar Huseen - Ministira Qonnaa
  • Injinar Ayishaa Musaa - Ministira Jalliissiifi Naannaw Gammoojii
  • Injinar Habtaamu Guddataa - Ministira Bishaan fi Inarjii
  • Dr Birhaanuu Naggaa - Ministira Barnootaa
  • Addee Daagmaawiit Mogas - Ministira Geejibaafi Lojistiikii
  • Obbo Gabra Masqal Caalaa Moxaaloo- Ministira Daldalaafi Hidhata Qaxanaa
  • Obbo Malaakuu Alabal Addis - Ministira Industirii
  • Obbo Binaalf Andu'alam - Ministira Nagaa
  • Dr Geediyoon Ximootiyoos - Ministira Haqaa
  • Dr Liyaa Taaddesse Gbramadihiin - Ministira Fayyaa
  • Dr Ballaxa Mollaa Getaahun - Ministira Innovashiniifi Teeknooloojii
  • Ambaasaadar Naasisee Caalii - Ministira Turizimii
  • Obbo Laaqawu Ayyaalee - Ministira Galiiwwanii
  • Aaddee Caaltuu Saanii Ibraahiim - Ministira Magaalaa fi Misooma Bu'uuraa
  • Injinar Taakala Umaa Bantii- Ministira Albuudaa
  • Dr Fitsum Asaffaa Addallaa - Ministira Misooma Karooraa
  • Ergoggee Tafaayee - Ministira Dubartootafi Dhimma hawwasummaa
  • Obbo Qajeelaa Mardaasaa - Ministira Aadaafi Ispoortii ta'uun mudamaniiru.

Kaabinee isaanii irraa maal eegu?

Miseensoota kaabinee Itoophiyaa haaraa mudaman keessaa

MM Abiy Ahimad haasawa miseensota kaabineesaanii dhiyeessuun dura taasisaniin, ministiroonni muudamaan kan 'Kadhannaa fi Hanna' hinqabneefi kan ilaalcha kadhachuu fi hatuu keessaa biyya baasuuf caraaqan ta'u qabu jedhan.

Ministiroonni muudaman kan ministeera biyyaatti malee ministeera kan saba wayii ta'uurraa ofqusachuu qabus jedhan.

Paartilen morkattootaa gara kaabineetti isin fidaa waan jiruuf dhaabbata gaggeessan irratti akka warra karaa saaquutti akka hojjetaniifis dhaaman.

Kanaan alattis badhaadhina biyyaatiif garaagarummaa siyaasaa malee waliin hojjechuun akka danda'amu hojii isaaniitiin dhalootaa dhufuuf fakkeenya ta'uu qabdu jedhan.

Muudamtoonni gama mootummaa fi gama paartilee morkattuu irraa dhufan iddoon itti qindoominaan hojjetan waan jiraatuf, gama lamaaniinuu garaagarummaa keenya dhiisnee sammuu banaadhaan waliin hojjechuuf qophaa'amuu qaba jedhan.

Ulaagaa muudamtoota…

Ulaagaaleen miseensonni kaabinee kunneen ittiin mudaman ilaalchisuunis MM Abiy akkasiin himanii jiru:

Garaagarummaan siyaasaa kaabineen waajjin taa'anii waliin mari'achuu hin dhoowwu, bakka dhalootaa muudamtootaa bal'isuu, muuxannoo fi dandeettii raawwachuusaanii, garaagarummaan saalaa wal madaalaa akka ta'uuf yaalameera.

Akkasumas, garaagarummaan amantaa, fedhii biyya tajaajilluuf qabaachuu fi kanneen ittigaafatamummaa fudhatan keessatti hammatame akka ta'u taasifamuu himaniiru.