Kantiibaan Finfinnee kaabinee haaraa ministira ittisaafi miseensota paartii IZEMA fi ABIN of keessaa qabu ijaaran

Kantiibaa bulchiinsa magalaa Finfinnee ta'uun kan muudaman Aadde Adaanech Abeebee miseensota paartilee mormitootaa kan IZEMA fi ABIN dabalatee mana maree bulchiinsa magaalichaaf dhiyeessuun kaabineewwan 26 ta'aniif muudama kennaniiru.
Ministira ittisaa biyyaa ta'uun tajaajilaa kan jiran Dr. Qana'aa Yaadataa kaabinee bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kan filataman keessatti argamu.
Mootummaa haaraa bulchiinsi magaalichaa ijaare keessattis miseensota paartileen mormitootaa akka IZEMA fi ABIN keessaas itti makamaniiru.
Kantiibaa Adaanech miseensa Paartii IZEMA kan ta'e Obbo Girmaa Sayifuu Komishinara Komishinii Invastimantii Finfinnee, Obbo Yesuuf Ibiraahim miseensa ABIN kan ammoo Itti-gaafatamaa Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa magaalaa Finfinnee gochuun muudaniiru.
Miseensota kaabinee Kantiibaa Adaanecha mana maree magaalichaaf dhiyeessiterratti sagalee sagaleen kennamee 120 deeggersa kan argatan yoo ta'u, sagaleen mormii tokkoofi namoota sagalee kennuurraa of qusatan afur galmaa'uun muudamne kaabinootaa raggaasifameera.
Filannoo Waxabajji darbe gaggeeffameen paartileen mormitootaa IZEMA fi ABIN mana maree magaalaa Finfinneetiif kaadhimamtoota dhiyeessanii kan dorgomanii turan ta'ullee osoo hin filatamiin hafaniiru.
Filannichaan teessuma Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee 138 ta'u hunda paartiin biyya bulchaa jiru Paartiin Badhaadhinaa mo'achuun guutummaatti dhuunfateera.
Paartiin filanicha mo'ate Paartiin Badhaadhinaa mootummaa haaraa sadarkaa naannoleefi Federaalaatti ijaaru keessatti miseensota paartii mormitootaa akka itti makatu waadaa galee akkuma ture, bulchiinsa magaalaa Finfinneetiif miseensota kaabinee lama mormitootaaf kenneera.
Mootummaan haaraa naannoo Oromiyaa Sambata arbe A L I Fulbaana 15, 2021 hundeeffames haaluma walfakkaatuun Caffeen miseensa paartii mormituu tokko itti-gaafatamaa biiroo gochuun muudeera.
Namoota kanaan dura sadarkaa mootummaa Federaalaatti ministirummaan tajaajilaa turanii gara biiroo bulchiinsa magaalaa Finfinneetti dhufan keessaa Dr. Qana'aa Yaadataa Itti-gaafatamaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa, Dr. Hiruut Kaasaan ammoo Itti-gaafatamtuu Biiroo Aadaa, Artiifi Turiizimii ta'uun muuamaniiru.

Madda suuraa, Addis Media Network
Miseensonni kaabinee Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee mana mareetiin muudaman warra itti aananii tarreeffamanidha.
1. Dooktar Qana'aa Yaadataa hogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa,
2.Aadde Tsuwwaay Mulunah hoggantuu Biiroo Haqaa,
3.Obbo Jamaal Aliyyii hogganaa Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa,
4.Obbo Daawwit Yeshiixilaa hogganaa Biiroo Geejjibaa
5.Injiinar Hayyaalnesh Habtamaariyaam hoggantuu Biiroo Dizzaayiniifi Hojiilee Ijaarsaa
6.Dooktar Muluuqan Habtuu hogganaa Biiroo Leenjii, Teeknikaafi Misooma Teeknooloojii
7.Obbo Adam Nuur Waaballaa hogganaa Biiroo Daldalaa,
8.Dooktar Yohaannis Caalaa hogganaa Biiroo Eeggumsa Fayyaa,
9.Kaadhimamaa Dooktar Zalaalam Mulaatuu hogganaa Biiroo Barnootaa,
10.Dooktar Hannaa Yeshiinugus hoggantuu Biiroo Dubartootaafi Dhimma Hawaasummaa
11.Dooktar Hiruut Kaasaw hoggantuu Biiroo Aadaa, Ogummaafi Tuuriizimii,
12.Obbo Mulgeetaa Tafarraa hogganaa Biiroo Galiiwwanii,
13.Obbo Abrahaam Taaddasaa hogganaa Biiroo Dhimma Dargaggootaafi Ispoortii,
14.Obbo Yoonaas Zawdee hoggaanaa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa,
15.Aadde Tsigeredaa Warquu hoggantuu Biiroo Miidhaginaa Magaalaafi Misooma Magariisaa
16.Dooktar Daadhii Wadaajoo hogganaa Komishinii Pilaaniifi Misoomaa,
17.Obbo Girmaa SeyifuuhHogganaa Komishinii Invastimantii,
18. Obbo Yeesuuf Ibraahiim hogganaa Abbaa Taayitaa Bulchiinsa qabeenya mootummaa taasiisuun muudeera.
19. Obbo Jaanxiraar Abbay Kantiibaa Itti-aanaafi Itti-gaafatamaa Interpiraayiziifi Misooma Industirii
20. Obbo Mallas Alamuu mana mareetti bakka bu'aa mootummaa
21. Obbo Xiraatuu Bayyanaa hoji-gaggeessaa magaalaa
22. Hakimaa Keeyirain hoggantuu Biiroo Sivil Sarvisiifi Misooma Humna Namaa
23. Nuurjabaa Hakimal hogganaa Biiroo Faayinaansii
24.Yaasmiin Wahaab hoggantuu Misoomaafi Bulchiinsa Manneenii
25. Obbo Alamaayyoo Ijjiguu gargaaraa bakka bu'aa mootummaa
26. Obbo Tatakkaa Baqqalaa gargaaraa bakka bu'aa mootummaa ta'uun akka gaggeessaniif Kibxata A L I Fulbaana 18, 2014 mana maree magaalaa finfinneetti dhiyaatanii muudamni isaanii raggaasifameera.
Haaluma wal fakkaatuun paartiin Badhaadhinaa sadarkaa mootummaan naannoo Oromiyaatti mootummaa haaraa hundeessuun Obbo Shimallis Abdiisaa pirezidaantii naannichaa gochuun muudeera.
Fulbaana 24, 2014 A.L.Itti mootummaa haaraan sadarkaa federaalaatti hundaa'a.
















