Siyaasa Itoophiyaa: Caffeen Oromiyaa yaa'ii jalqabaa har'a taa'een Obbo Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii Oromiyaa gochuun muude

Madda suuraa, Tiwiiterii Obbo Shimallis Abdiisaa
Caffeen Oromiyaa har'a yaa'ii isaa jalqabaa gaggeesseen Obbo Shimallis Abdiisaa pirezidaantii Naannoo Oromiyaa gochuun muude
Paartiin Badhaadhinaa filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa mo'ate har'a sadarkaa naannoo Oromiyaatti mootummaa haaraa hundeessera.
Caffeen Oromiyaa yaa'ii isaa jalqabaan Obbo Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii gochuun yoo muudu, Aadde Sa'aadaa Abdurahaman Afa Yaa'ii Caffee Oromiyaa gochuun yoo muudu, bulchaa godina Wallagga Lixaa kan turan Obbo Eeliyaas Uummataa I/A Afa Yaa'ii caffee Oromiyaa gochuun muudeera
Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa bara darbe gaggeeffame mo'achuu kan himame Paartiin Badhaadhinaa mootummaa haaraa sadarkaa naannoo fi federaalaatti hundeessuuf akka jedhu hime.
Sadarkaa naannoo Oromiyaatti mootumaa haaraan har'a ni hundeeffame. Dubbii Himaan Paartii Badhaadhinaa Dr Biqilaa Hurrisaa BBCtti akka himanitti, sirni dimokiraasii akka barbaadame tahuu baatus, Paartileen mormituu karaa nagaa filannoo irratti hirmaatanii garuu sagalee gahaa hin argannes bakka ni argatu jedhan.
Fulbaana 24, 2014 mootummaan Federaalaa ni hundaa'a. Isa dursuun garuu naannoleen mootummaa isaanii haaraa namoota filannoo injifataniin hundeessu jedhan.
Qaamoleen mootummaa sadan qaama seera tumu, raawwachiisuu fi murteessu haala akkamiin gurmaa'uu qaba kan jedhu irratti qophiin taasifamaa akka tures himaniiru.
Qophiin jiru ayyaneffannaa isaa osoo hin taane haala gaaffii uummataa deebisuun danda'amu irratti muudamaanis tahe ramaddiin haala ittiin uumata tajaajiluun danda'amu irratti akka tahes himaniiru Dr Biqilaan.
Dr Biqilaan biyyi guddaan kun kan paartii tokkoo miti. Kan uummataati. Kanaafuu paartileen gurmaa'an biyya kanaaf waan gaarii yaadan bulchiinsa biyyaa keessatti hirmaachuu qabu jennee amanna jedhan.
Paartileen mormitootaa yeroo gabaabaa keessattti sagalee argatanii paarlaamaa seenuu hin dandahiiniyyuu malee yoo xiqqaates guddates uummannis sagalee waan kenneeruuf bulchiinsa haaraa kana keessaa qooda fudhachuu qabu jennee amanna jedhan.
Pirezidaantiin paartii Badhaadhinaa Abiy Ahimedis yaada kanatti akka amanan himuun lakkoofsaan himuu bannus qophiin xumurameera jedhan.
Naannoo Oromiyaa keessatti morkattoota gurguddoo tahuu malu jedhamuun eegamaa kan turan ABO fi KFO'n dhiibamnee filannoo keessaa baanerra jechuun filannicha irratti hin hirmaanne.
Paartileen akka kanaa ciniinnatanii hanga dhumaatti obsanii filannoo irratti hirmaachuu osoo qabanii dhiisanii bahuun isaanii dadhabina isaanii agarsiisa kan jedhan Dr Biqilaan mootummaa haaraa hundeeffamu keessattis bakki isaaniif kennamu akka hin jirre himan.
Paartileen mormituu akka bakka argatan yaadame kanneen filannoo irratti hirmaatanii sagalee argatanii garuu mootummaa hundeessuufis tahe taa'umsa argachuuf isaan haqante akka tahe himan.
Oromiyaa keessattis tahu paartileen kudhanii ol dorgoman akka jiran himuun kan ABO fi KFO addatti waan ilaalmuuf hin jiru jedhan, gaaffif deebii BBC waliin godhan irratti.
Dr Biqilaan filannoo gaggeeffame irratti uummatni miliyoona hedduun bahee filahuu ibsuun kana caalaa fudhatamummaan biraa hin jiru jedhan.
Filannoo marsaa 6ffaa Itoophiyaa gaggeeffame Paartiin Badhaadhinaa taa'umsa 410 mo'achuu isaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksiseera.















