Waraana Yukireen: Waraanni Yukireen keessatti deemaa jiru kufaatii dinagdee addunyaa qaqqabsiisinnaa?

    • Barreessaa, Paabloo Uchoowaa
    • Gahee, BBC World Service

Waraanni Yukireen jiraatullee, ogeessonni ammallee diinagdeen addunyaa bara kana keessa akka guddatu amanu, garuu rakkoon dhalate kun gola addunyaa kamiyyu keessatti dhiibbaa ni qabaata.

Akkamitti akka dhiibbaa qabaachuu danda'u kunooti.

Hunda caalaa, waraanichi yeroo hammam dheeratuuf itti fufa kan jedhu irratti baay'ee hundaa'a.

Kun ammoo bir'annaan/rifaatiin tibba kana gabaa keessatti mul'ate kan yeroodhumaaf gabaa raasee sokkudhamoo wanta itti caalaa deemudha kan jedhudha.

Asirratti akkamitti akka waraanni kun itti diinagdee addunyaa miidhuu ilaalla - kun ammoo gara kufaatii diinagdeetti kan geessuu danda'u yoo ta'es ni ilaalla.

Bakka jirtu irratti hundaa'ee dhiibbaawwan gara garaa

Dhiibbaan diinagdee waraana kanaa Raashiyaafi Yukireeniif "haalaan hamaadha" kutaalee addunyaaf biroof garuu garaa garummaa qabaachuu danda'a, akka Ikonoomistii Oksifoord, teessoon isaa UK ta'e.

Fakkeenyaaf Polaand fi Tarkiin Raashiyaa waliin hariiroo daldalaa murteessaa ta'e qabu waan ta'eef diinagdee biyyoota kaanii caalaa dhiibbaa waraana kanaaf saaxilamoodha.

Polaand boba'aa biyyashee keessatti fayyadamtu walakkaa ol Raashiyaa irraa galfatti, Tarkiin ammoo sadii keessaa harka tokkoon ol galfatti.

Haata'u malee, daldalli US Raashiyaa waliin qabdu garuu Omisha Waliigalaa Biyya Keessaa (GDP) %0.5 qofa waan ta'eef, akkasumas kan Chaayinaa ammoo %2.5 waan ta'eef rakkoon biyyoota kanneen irratti qabaatu baay'ee gadi aanaadha jechuudha.

Oksifordiitti Qorataan Giloobaal Maakiroo Been May, waraanni kun guddina diinagdee addunyaa bara kanaa parsantaa 0.2 hir'isuun guddina %4 ture gara %3.8tti gadi buusa jedha.

“Kun garuu walitti bu'insi kun haalaan kan hin dheeranneefi kan itti hin fufne yoo ta'eedha. Ifumatti, waraana dheerate kan arginu yoo ta'e, dhiibbaa diinagdee inni qabaatu caalaa hammaata."

Qaala'insa jireenyaafi gatii boba'aa ("stagflationary")

Wanti biraan baayyee murteessaa ta'eef ilaalcha keessa galuu qabu biraan dhiibbaa waraanni kun gabaa boba'aa irratti qabaatudha - sababa waraana kanaatiin gabaan boba'aa addunyaa amma raafamuutti ka'eera.

Raashiyaan addunyaa irratti zayita boba'aa omishuudhaan sadarkaa sadaffaa irratti argamti. Akka Bulchiinsa Odeeffannii Inarjii US jedhutti US fi Sa'u Arabiyaatti aantee sadaffaa irratti argamti Raashiyaan.

Raashiyaan bara 2020 keessa guyyaatti boba'aa barmeela miliyoona 10.5 kan baastu yoo ta'u, kana keessaa miliyoona shanii hanga ja'aa kan ta'u gabaa Awurooppaatti ergiti.

Gaafa Bitootessa 7 gatiin jikita boba'aa baayyee dabalee barmeela tokkotti kan yeroo kamiirra caalaa qaala'e. Kun ammoo US fi Awurooppaan boba'aa Raashiyaa irraa bitachuu dhaabuuf akka jiran dhageessisuu ordofeeti.

Gatiin boba'aa torban darbe gara jalqabaa %21 kan dabale yoo ta'u, torbanuma darbe gara dhumaa garuu %18n dabale. Haata'u malee, erga miseensa OPEC kan taate Yunaayitid Arab Imratis omisha nan dabala jechuun ishee dhaga'amee xiqqaa duubatti deebiyeera.

US zayita boba'aa Raashiyaa irraa galchuu Bitootessa 8 irraa kaastee kan dhaabde yoo ta'u, UK ammoo dhuma bara 2022 irratti akka tarkaanfii wal fakkaatu fudhattu beeksifteetti.

Dursaan dhaabbata Qorannoo Inarjii Tandar Sa'id Roob West Faayinaanshaal Taayimsitti akka himetti, "Raafamni kun gatiin zayita boba'aa barmeela tokkotti hanga $200 oliitti deemuu danda'a."

Bitootessa 8 irratti Itti-aanaan Ministira Muummee Raashiyaa Aleksaader Noovaak akka jedhee ture, "gatiin dabaluun kun waanta hin tilmaamamnedha. Barmeela tokkotti isaa ol yoo ta'uu baate hanga $300tti deemuu danda'a".

"Zayita boba'aa Raashiyaa irraa bituu dhiisuun gabaa addunyaa keessatti dhiibbaa baayyee hamaa ta'e akka qabaatu ifadha," jedha jedha Novaak ibsa TV mootummaa irratti kenneen.

Gatiin zayita boba'aa dabaluun wanti gabaarra jiru martinuu akka dabalu taasia. Qaala'insi jireenyaas ni dabala, sababiin isaa ammoo boba'aafi inarjiin baasiiwwan wantota bu'uuraafi barbaachisan akka omishuufi omishawwanillee geejjibsiisuuf ni barbaachisa.

Akka ogeessi Ikonoomistii Barkileey jedhutti, wantonni kunneen walitti ida'amanii qaala'insi jireenyaafi hoji-dhabdummaan akka dabalu taasisa. Kun ammoo "stagflationary" jedhama.

"Stagflation" kun dinagdeen biyya tokkoo keessatti gatiin dabaluufi dinagdeen guddachuu dhiisee bakkuma jirutti dhaabbachuun wal faana uumamudha.

Gatiin nyaataa dabaluu

Waraanni akka gatiin nyaataa dabalu taasisa, Raashiyaafi Yukireen ammoo biyyoota nyaata omishan gurguddoodha.

Raashiyaafi Yukreen qamadii sadarkaa addunyaatti omishamu %14 kan qabatan yoo ta'u qamadii gabaa alaatti ergamu %29 ammoo kan biyyoota kanneen lamaaniiti.

Dabalataanis, biyyoonni kunneen lamaan boqqolloofi suufii zayitiin irraa hojjtamu omishuudhaan adda dureedha.

Midhaan dhiyeessuun addaan cituun ammoo warra Baha Gidd-galeessaa, Afrikaafi Tarkii irraa bitatan daran miidha. .

Libaanos qamadii biyya isheetti fayyadamtu Raashiyaa irraa ykn Yukreen irraa bitatti. Masiriifi Tarkiinis akkasuma.

Sudaan, Naajeeriyaa, Taanzaaniyaa, Aljeeriyaa, Keeniyaa fi Afrikaan Kibbaas midhaan bitachuuf Raashiyaafi Yukreen eeggatu.

Gatiin xaa'oo duraanii sabab gatiin gaazii baayyee dabaleef baayyee ol ka'eera.

Raashiyaan xaa'oo gabaa alaatti erguudhaan adda dureedha.

"Waraana durayyu haala rakkisaa keessa turre," jechuun BBCtti hima Holsether.

"Uummata addunyaa keessaa walakkaa kan ta'u nyaata argachuu kan danda'u sababa xaa'oon jiraateef. Kanaaf, xaa'oo qonna keessaa dhabuu jechuun omishni addunyaaf barbaachisu %50 kan ta'u dhibe jechuudha," jedhan.

Dhaleen dabaluu

Kanneen walitti dbalamanii, inarjiin olaanaan barbaachisuufi gatiin nyaataa dabaluun biyyoota guddachaa keessatti qaala'insi jireenyaa ni dabala.

Biyyoota duraanuu qaala'insa jireenyaa wallaansoo qabaa jiran keessatti, keessumaa Awurooppaa Giddu-galeessaafi Laatiin Ameerikaa keessatti dhalee dabaluudhaan qaala'insa jireenyaa xiqqeessuudhaaf baankiin giddu-galeessaa ni qorama.

Awurooppaan Bahaa hanga tokko, Jarman, Xaaliyaan fi Tarkiin gaazii biyya alaatii galfataniif Raashiyaa irratti waan hundaa'aniif qaala'inis jireenyaa biyyoota kana keessatti ni cima.

Fedhii fayyadamtootaa

TDandeettiin shammattoota addunyaa haalota jiraaniin miihamuun inadgee Eeshiyaas miidhaa dnda'a jedha, McKeown.

“Ani dhiibbaan cimaa Eeshiyaa irra gahu karaa dhiibbaa fedhii shamattootaa irra gahuun kan muatudha jeheen yaada," jetti.

eebiyanii andamachuu rakkisaa

Xiinxaltoonni ammallee bara kana keessa guddinni dinagdee guddaan akka jiraatu tilmaamaa jiru. Dinagdeen bakka weerara COVID-19 duraan turetti deebiyuudhaaf tattaafachaa jira.

Haata'u malee, ammummaan waraanni kun dinagdee bakka COVID-19 duraan turetti isaa deebiyuuf jedhu ammas raase. Garuu dhiibbaan waraana kanaa hangi isaa kan murtaa'u turtii waraanichaa irratti hundaa'a.