Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiin Awustiraaliiyaa yakkaan shakkamuun waggaa 12'f barbaadamaa ture to'atame
Awustiraaliyaan namticha biyya keessatti yakkamaa hamaadha jechuun waggoota 12'f adamsaa turte to'annaa jala oolchuu beeksifte.
Gaheessi umuriin waggaa 64, Girhaam Pootar himannaa yakka ajjeechaa qindeessuu irratti dhiyaateen mana murtii bulchiinsa Viiktooriyaa keessaatti argamutti dhiyaachu hafuusaatiin poolisiin barbaadamaa ture.
Namni kunis bara 2010 irraa kaasee dhokataa jiraata.
Himannaan irratti dhiyaatees dadabarsa qoricha sammuu adoochoo irratti waliigaltee dhabuurraa ka'uun miseensoota garee wanbadee ajjeechaawwan raawwachuuf filataman keessaa tokkoo akka ture himameera.
Namtichi kunis eddoo Kiiwunlaand jedhamuutti akka argamuun eeruun erga poolisii qaqabeen booda hordoffii tasiseen Wiixata kaleessaa to'annaa jala oolfamu danda'ameera. Viidiyoon miidiyaalee hawaasaa irratti gadhiifame tokkoos namtichi kun harkisaa cancalaan hidhamee wayita fudhatamu agarsiisa.
Pootar kanaan dura daa'ima umureeshee waggaa 10 keessatti argamtu mataa irraa muruun ajjeessuun bara 1981tti hidhaan umurii guutuu itti murtaa'ee ture. Kanaanis erga waggaa 15 mana hidhaatti dabarseen booda gadhiifame.
Namni kunis yakka ajjeechaa qindeessuu irratti banameen alattis wayita dhokateetti qoricha sammuu adoochoo kokeeyin jedhamuun beekamuuf tilmaamaan doolaara miiliyoona 317 baasan dadabarsuun himannaan irratti dhiyaateera.
Yeroo sanaa irraa kaasee biyyatii guutuutti eeruuwwan heddduun kan taasifamanii turan yoo ta'u, bara 2017tti poolisiin barbaacha Paatariif taasisaa jiruun ''abdii kutateera' jechuun gaazeexaan biyyattii 'The Age' jedhamu gabaasee ture.
Wayita ammaattis namoota shakkamaa kana to'achuuf gumaacha taasisaniifi kanneen pooliisiif eeruu kennaniif bdhaasa doolaara kuma 100 kenneera.
Pootar eenyummaansaa akka hin baramneef bifaafi amala isaa jijjirachuuf yaalee akka ture kan himee poolisiin, wayita to'atameettis haalluu rifeensaa dibatee akka argame ibseera.
''Namni bara dheeraaf yakkaawwan cimaadhaaf barbaadamaa ture to'achuun dhimmisaa xumura argateera'' jechuun ture Komishinarri eeggataa Ajajaa Yakkaa Viikitoriyaa, Miik Fireewu wayita haalicha ibsaniitti.
Pootar gara Viiktooriyaatti dabarfamee kan kennamu yoo ta'u, torban kana keessa mana murtiitti akka dhiyaatu eegama.