Qondaalli waraanaa ol-aanaa Sudaan Raashiyaatti qajeelan

Jeneraal Hamdaan "Hemetii" Daggaloo

Madda suuraa, AFP

Miseensa Mana Maree Walabaa Sudaan yeroo ammaa biyya bulchaa jiruu kan ta'an Jeneraal Hamdaan "Hemetii" Daggaloo Roobii har'aa aanga'oota ol-aanoo Raashiyaa waliin mariyachuuf gara Mooskootti imalan.

Jeneraal Hemeetiin qondaalota waraanaa Sudaan keessatti jabaa akka ta'etti kan ilaalaman yoo ta'u, siyaasa Sudaan keessatti bakka addaa akka qaban himama.

Akka madden Sudaan jedhanitti, Komaandara Raappiid Saappoort Foorsiis (RSF) kan ta'an Jeneraal Hemeetiin, Pirezidant Vilaadmiir Putiiniifi Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Sergeey Laavroov waliin wal argu jedhamee eegama.

Daawwannaan qondaalli waraanaa kun Raashiyaatti taasisan, dhimmoota waloo biyyoota lamaanii, akkasumas dhimmoota naannicha keessa jiran ilaalchisuun akka ta'e himama.

Garee waraanaa Sudaan Raappiid Saappoort Foorsiis (RSF) jedhamu Jeneraal Hemeetiin hooganan kun ammoo gurmuu waraanaa Raashiyaa addunyaa irratti biyyoota gara garaa keessatti hojjetu Wagner jedhamu waliin fedhii akka qabu shakkama. Gareen human waraanaa Raashiyaa Wagner jedhamu kun Sudaan keessa ni socho'a jedhama.

Raashiyaan buufata dhiyeessa humna galaanaa qarqara Galaana Diimaa gama Sudaaniin jiru irratti ijaarrachuudhaaf fedhii qabdi.

Kana malees, kampaaniiwwan Raashiyaa seektara albuuda warqee baasii irratti hojjetan hangi tokko Sudaan keessa jiru.

Qondaalli waraanaa Sudaan yeroo Raashiyaan Yuukireen waliin mudama keessa jirtuttidha kan garasitti imalaa jiran. Rakkoo Yuukireen-Raashiyaan mudate kun ammoo Pireezidanti Putiin loltoota isaanii bakkeewwan lama Baha Yuukireen keessaa finciltootaan qabamanitti erguuf raggaasisanii booda daran hammaachaa jira.

Naannoowwan lamaan Baha Yukireen kana Raashiyaan akka walaba taheetti ilaalti. Yuukireen ammoo haleellaa birmadummaa biyya koo irratti raawwate jechuun himatti.

Biyyootni Lixaa tarkaanfii kana haal-duree guutummaatti Raashiyaan Yuukireen weeraruuf uumte jechuun qoqqobbii Raashiyaarra kaa'uutti jiru.